Saayintiistonni hawaan maaliif akka jiraatee baruuf lafa keessa km 1.5 gadi lixuun qorachaa jiru

Madda suuraa, NASA
US Kibba Daakotaatti saayintiistotni kutaa yaalii guddaa ijaaran keessatti gaaffii guddicha saayinsii kan ta'e maaltu hawaa kan dacheen keessa jirtu kana jiraachise? jedhuuf deebii soqu.
Saayinstiistotni Jaappaaniis garee biraa ijaaruun gaaffii kanaaf deebii barbaaduu kan eegalan qaata.
Tiyooriin akkamiin hawaan akka uumame ibsu gaaffii maaltu pilaanetoota, sirnoota gaalaaksiifi urjiilee jiraachise jedhu hin deebisu. Gareen lameen paartikiloota atoomawaa niiwtiriinoo jedhaman irraa deebii argachuuf jecha waan isaaniin dubbisuu danda'u tolchaa jiru.
Gareen idila addunyaa ogeeyyii USn durfamu deebiin kan argamu lafa jaladha jedhee amana. Deep Underground Neutrino Experiment (Dune) kan jedhantu deebii qaba jedhu.
Saayintiistotni kun lafa keessa asii gadee meetira 1,500 ni imalu, achiis holqoota guguddoo adii keessa turu.
Saayintiistoota kana keessaa daayireektara holqoota qorannoo kanaa kan ta'an Dr Jareet Heesii holqoota kanaan ''bataskaana saayinsii'' jechuun ibsan.
Dr Heesii ijaarsa holqoota kanaa waggoota 10f adeemaa ture keessatti hirmaataniiru. 'Bataskaanni saayinsii' kun Sanford Underground Research Facility jedhama.
Holqoonni qorannoo kunniin addunyaa isaan gubbaa jiruun akka hin jeeqamne godhamuun tolfaman. Amma hojii itti aanuuf qophii ta'aniiru.
''Diteektaroota(paartikiloota atoomawaa niiwtiriinoo jedhaman dubbisan) kan hubannaa nuti hawaarratti qabnu jijjiiruu danda'an tolchuutti jirra. Meeshaan kun qindoomina saayintiistota 1,400 kan biyyoota 30 keessa jiraatan gaaffii maaliif jirraanne jedhu deebisuu fedhaniin hoojiirra oola'' jedhan.
Wayita hawaan uumamu paartikiloonni lama uumamaniiru. Tokko maatariidha kan urjiileen, pilaanetootniifi wantootni nuti naanna'anii jiran irraa tolfaman. Hammuma wlafakkaatuun ammoo wanti antii maater jedhamu uumameera. Faallaa maatariiti.
Silaa akka tiyooriitti wantootni faallaan lamaan kun wal balleessuutu irra jira jedhu saayintiistotni. Ammoo akka hiphoo ta'ee kunoo lamaanuu jiru.

Madda suuraa, Matthew Kapust / SURF
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saayintiistotni wanti maatarii jedhamu mo'atee hawaa kun sababa jiraateef beekuuf paartikilii neewutiriinoo jedhamu faallaa maatarii kan ta'e kan antii maaterii, antii neewutiriinoo jedhamu qorachuun dhugaa biraan nama gaha jedhanii amanu.
Saayintiistotni kunniin paartikiloota lamaan Iliiniyoositti lafa jalaa gubaanii diteekatara fageenya maayila 800rra jiruufi Kibba Daakotaatti argamutti ergu.
Sababni kun ta'uuf ammoo wayita paartikilootni kun imalan, neewitirinoofi antii neewitirinoo suuta waan geeddaramaniifi. Egaan saayintiistotni imala kana keessatti paartikilootni lameen garaagartummaa akkamiin akka jijjiiraman hubatu.
Paartikilootni lameen sadarkaa adda addaan jijjiiramu yoo ta'e maataroonniifi antii maataroonni maaliif akka wal hin balleessine hubachuu danda'u.
Gidduugalli qorannoo lafa jalaa Dune jedhame kun qindoomina guddaa saayintiistotaati. Saayintiistotni 1,400 biyyoota 30 irraa keessatti hirmaatu. Isaan keessaa tokko Dr Keer Shaaw Yunivarsiitii Saaseks irraa yoo ta'an wanti holqoota kana keessatti bira gahamu hubannaa waayee jiraachuu hawaafi namoomaarra jiru ni jijjiira jedhan.
''Dhugumatti teeknoolojiifi injinariingii, sooftiweerii kompiitaraa fi oogummaa gaaffii kanaaf deebii barbaadu waliin jiraachuun keenya namatti tola'' jedhan.

Madda suuraa, Kamioka/ICRR/Tokyo University
Baha fagoorraa ammoo saayintiistotni Jaappaan giloobii akka warqee ifu fayyadamuun gaaffii walfakkaataaf deebii barbaadaa jiru. Saayintiistotni kunniin neewitirinoowwan adda baasuuf meeshaa gargaaru kan amma dura ture Super -K irraa gara Hyper - K'tti guddisaniiru.
Ogeeyyiin Jappaan kun paartikilii neewitirinoo kana waggoota sadii dhufan keessatti hunda dursanii qorachuu eegalu.
Ogeeyyiin Jappaaniifi kanneen biroo UStti hojjechaa jiran yeroo gabaabaatti hubannaa tokkorra gahuuf abdii jiru dabaleera.
Yunivarsiitii Queen Mary Landanitti argamu keessa kan hojetanaiifi garee Dane waliin kan hojjetan Dr Lindaa Kireemoniis teeknoolojiin warri Jaappaan itti hojjetan hubannoo guutuu uumuuf gahaa ta'uu dhabuu danda'a yaada jedhu qoodaniiru.












