Aanga’aan Ikkuwaatooriyaal Giinii dubartoota hedduu waliin ejjeera jedhame ari’ame

Aaanga’aan olaanaa mootummaa Ikkuwaatooriyaal Giinii dubartoota lakkoofsan hedduu ta’an waliin ejjeera ykn sagaagaleera jedhamee tibba kana ijoo dubbii miidiyaa hawaasummaa ta’eera. Kana hordofuun aangoo isaarraa akka ari’amu ta’eera.

Namni gaa’ela qabuufi abbaa ijoollee ta’e maqaan isaa Baaltazaar Ebaang jedhamu kun ministeera maallaqaa Ikkuwaatooriyaa Giinii keessatti aanga’aa olaanaa kan ture yoo ta’u, waajira keessatti dubartoota garagaraa hedduu waliin osoo saal-qunnamtii raawwatuu viidiyoowwan agarsiisan miidiyaa hawaasaarratti gadhiifamaniiru.

Viidiyoowwan saal-qunnamtii namni kun yeroo dubartoota garagaraa waliin taasisutti waraabaman Ikkuwaatooriyaal Giiniitiin alattis miidiyaa hawaasaarratti balinaan tamsa’uu hordofee pireziantiin itti-aanaa biyyattii waajiraaleen mootummaa keessatti namoota gocha akkasii kana raawwatanirratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu ibsuun akeekkachiisa dabarsuun isaanii ni yaadatama.

Baaltazaar viidiyoowwan saal-qunnamtii kunneen osoo ifa hin ba’iin dura yakka malaammaltummaan shakkamee mana-hidhaa Bilaak Biich jedhamu magaalaa guddoo biyyattii Malaabuu keessatti argautti hidhamee kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti dubartoota hedduu waliin ejjeera jedhamuu ilaalchisee deebii kenne hin qabu.

Aanga’aan kun pirezidantii biyyattii Tewodoor Obiyaang Niguweemaa waliin firooma kan qabu ta’ullee, viidiyoowwan kunneen ifa ba’uu hordofee xalayaa pirezidantichi mallatteessaniin aangoorraa ari’amuun ibsameera.

Lammileen Ikkuwaatooriyaal Giinii biratti miidhagaa ta’uun isaa kan himamuuf Baaltazaar Ebaang Engongaa, sababa miidhagina isaatiin maqaa masoo ‘Beelloo’ jedhuun beekama.

Namni kun dubartoota dhibbaan lakkaa’amaniifi haadhotii warraa aanga’ootaa waliin osoo saal-qunnamtii raawwatuu viidiyoon waraabe miidiyaa hawaasaarratti ifa ba’uun isaanii biyyattii keessatti ijoo dubii ta’uurra darbee mootummaan akeekkachiisa kennuurra darbee tarkaanfiiwwan biroollee akka fudhatu taasiseera.

Viidiyoowwan kunneen muraasni gocha saalqunnamtii waajjira Ministeera Maallaqaa biyyattii keessatti waraabameedha

Gariin viidiyoon kun gadhiifamuu fi Baaltaazaar aangoo irraa ari'amuun mootummaa biyyattii pirezidaantii itti aanu ta'uuf aangoo qabachuu danda'u waliin akka aangoo hin qooddanneef jedhanii kannnen amanna jiru.

Abbaan Bateltazar Ebang Nigonga waggoota 45'f pirezidaantii Ikuwaatooriyaal Giinii kan turan manguddoo Theodore Obiyang Niguhema bakka bu'u jedhamee eegama ture.

Malaammaltummaa fi saalqunnamtii ilma isaa Baaltaazaar irraa kan ka'e amma aangoo ilma pirezidaantii fi itti aanaa pirezidaantii biyyattii Teodoro Obiyang Mangu harka akka galuuf waan carraa banu fakkaata

Itti aanaan pirezidaantichaa hojjettoonni mootummaa bakka hojiitti saalqunnamtii raawwachaa qabaman ''tarkaanfiin cimaan'' akka isaan mudatu akeekkachiisuun isaanii ni yaadatama.

Itti aanaan pirezidaantii kun hojjetaan mootummaa hojii irratti saalqunnamtii raawwachaa yoo qabame kamiyyuu ''seera naamusaa cabseera'' jechuun hojii irraa akka dhorkamu himaniiru.

Manneen murtii fi waajjiraalee ministeerichaa keessattis kaameeraan nageenyaa akka kaa'amu ajajeera, kunis ''gocha safuu fi seeraan alaa'' ittisuuf.

Ibsi waajjira itti aanaa pirezidaantichaa irraa bahe akka jedhutti murteen kun kan murtaa'e ''viidiyoon suuraa biyyattii maqaa balleessan'' bal'inaan tamsa'uu isaaniiti.