Booying sababii yaaddoo qulqullinaafi lagannaa hojiitiin hojii kuma 17 cufuuf

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Ameerikaa xiyyaaroota oomishu Booyiing eddoowwan hojii dhaabbiileewwan qabu keessaa kuma 17 cufuudhaan baayyiina hojjataataa keessaa hir'isuuf ta'uu beeksiise.
Itti gaafatamaan Dhaabbata Booying kan hojjattoonni kuma 33 lagannaa hojiitiin rakkiisaa turan, Keelii Ortibarg ''bizinasiin keenyaa rakkoo cimaa keessatti argama. Kanaafuu rakkoo waliin fuldura dhaabbannu ibsuun cimaadha'' jechuun dubbatan.
Keelii Ortibarg imeelii hojjattootaaf ergan irratti, hojjattoonni dhaabbaticha keessa jiran hundi balaarratti akka argaman ibsaniiru.
Dhaabbatichi damee meeshaalee waraanaa fi meeshaalee loltummaa itti oomishu keessattis kisaaraan mudachuu akka danda'u akeekkachiisuudhaan, guyyaa xiyyaaroota Boying 777X itti dhiyeessuu dheereesseera.
Oduun kunis kan dhagahame dhaabbatichi yeroo hojjattoonni lagannaa hojii itti taasisaniifi qulqullinni xiyyaarootasaa gaaffii keessa galeettiidha.
Itt gaafataman dhaabbatichaas ergaa imeelii isaaniitiin 'baatiiwwan dhufan' keessatti baayyina hojjattotasaa hir'isu akka eegalu dubbate.
''Torbanoota dhufan keessa itti gaafatamtoonni keessan kun dhaabbatichaaf maal jechuu akka ta'e odeeffannoo qindaa'aa isniin gahu'' jedhan.
“Sadarkaa bizinasiin keenya irratti argamuu fi haalicharraa bayyanachuuf yaaliiwwan taasiifnu gara fuulduraatti tarkaanfiiwwan cimaa fudhachuu gaafata'' jedhan itti dabaluudhaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lakkoofsa baayyina hojjattootaa hir'isuudhaan alattis yeroo itti xiyyaaroota 777X dhaabbilee ajajataniif dhiyeessu kan dheereesse dhaabbatichi, ''rakkoolee guddinnaa akkasumas yaaliiwwan balaliinsaa dhaabbachuu fi sababii lagannaa hojiitiin haalli adda ciccituu hojii jiru rakkoo uumeera''jechuun dhiibbaa lagannaan hojii torbanoota dheeraaf itti fufee kaaseera.
''Maamiltoota keenyaaf xiyyaaroota jalqabaa bara 2026tti akka dhiyeessinu karoorsuu keenya beeksiifneerra'' jedhan.
Lagannaa hojii baatiif itti fufeen hojjattoonni Boying tilmaamaan kuma 33 ta'an akka kanfaltiin fooyyeeffamuuf gaafatan.
Mariin dhaabbatichiifi bakka bu'oonni hojjattootaa taasisaa turanis waliigalte malee dhaabbachuu hordofee, hojjattoota bakka bu'uudhaan maricharratti adda durumaan hormaataa kan ture Joon Hooldan, ''haala kana keessa yeroo dheeraaf turuun keenya hin olu. Miseensoonni keenyas kana ni hubatu'' jechuun Rooyitarsitti dubbatanii ture.
Sababii balaa xiyyaaraa waggaa shaniin dura Indooneeshiyaa fi Itoophiyaatti mudateetiin sababii xiyyaara Max 737 balaliinsa irraa dhorkamee kan tureetiin dhaabbatichi mana maree Ameerikaatiin to'annoo cimaa jala galee ture.
Bara 2018 fi 2019tti xiyyaarri Boying Max 737 rakkoo kutaa to'annoo balaliinsaatiin wal qabatee erga daandiiwwan qilleensaa Itoophiyaa fi Indoneshiyaatiin himatameen booda, xiyyaaroonni addunyaa maratti baatiiwwan 20f balaliinsa irraa dhorkamanii ture.
Bara 2020tti ammoo weerara vaayirasii Koronaa hordofuun kiraasaa olaanaa fkan saaxilame dhaabbanni Booying, ajajawwan oomishaa maamiltootarraa fuudhee ture addaan jalaa citaniiru.
Dhiheenya kanas akkasumas xiyyaarri qabeenyumaansaa kan Alaaskaa Air ta'e Max 737 ta'e tokko osoo balaliinsa irra jiruu foddaansaa irraa cabuun kufuu hordofee dhaabbatichi rakkoo cimaa keessa seenera.












