Maaliin loltoonni UN ergamasaanii ba'aa waan hin jirreef akka gadhiisanii ba'an akeekkachiifte

Loltoota UN Kidal, Maalii

Madda suuraa, Reuters

Ministirri dhimma alaa Maalii, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii - UN loltoota isaa ergama nagaa eegsisuu jedhuun gara Maalii bobbaasee ture hatattamaan akka baasu gaafataniiru.

Abdulaayii Diyoop humni addaa UN - Minusma jedhamuun beekamu kun, ''nagaa eegsisuu caalaa inumaa madda rakkoo ta'uun hawaasa gidduutti dhiphina hamaa uume,'' jedhan.

Loltoonni Minusma Maalii keessa turan 13,000 caalu. Humni kun waggoota kurna tokkoo oliif Maalii keessa turus garuu haleellaa qaamolee jihaadistoota jechuun of waamanii dhaabsisuu hin dandeenye.

Yeroo ammaa loltoota ergamtoota Raashiyaa- Wagner jedhamuun beekamantu humna waraanaa Maalii gargaaraa jiru.

Qondaaltonni biyyoota lixaa gareen Wagner Yukireen fi kutaalee Afrikaa tokko tokko keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwateera jechuun himatu.

Ji'a darbe US nama Maalii keessatti hoogganaa olaanaa Wagner ta'uu ibsite Ivaan Maaslov irra qoqqobbii keesseetti.

Wagner gamasaan himannaa warra lixaa akkasumas sochii maalii fi biyyoota Afrikaa kaan keessatti taasisurratti yaada homaa hin kennine.

Ministirri dhimma alaa Maalii Diyoop garee loltoota UN- Minusma qeequu kan eegalan erga Maaliin loltoonni Firaansi yeroo dheeraaf keessa buufatanii turuu mormiteeti.

Hariiroon Maalii fi koloneeffattuu ishee duraanii kan taate Firaansi bara darberraa eegalee akkaan laafeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aab Diyoop hariiroon qondaaltota Maalii fi garee Minusma gidduu jiru sadarkaa badaarra ga'uu dubbatan.

Kanaaf loltoonni kunneen osoo yeroo hin gubin ba'uu qabu jechuun akeekkachiisan.

Gareen Minusma yeroon turtii isaa hanga Waxabajjii 29tti ture.

Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteerez garee kanaan walqabatee rakkoon jiraachuu hin haalle.

Hanqinoota murteessoo ta'an soroorsuun garee kana bifa haaraan qindeessuun akka barbaachisu yaada dhiheessaniiru.

UN yeroo ammaa humna waraanaa guddaa Chaad, Masrii fi Baangilaadash keessaa qaba.

Aab Diyoop waa'ee ergama addaa UN El-Ghassim Wane gaafatamanii akkas jedhan.

''Murtee manni maree nageenyaa dabarseen taliigamna.''

Garuu jedhan, beekamtii fi fedhii biyya tokkoo malee keessa seenanii tarkaanfii barbaadan fudhachuun waan hin malle, hin danda'amus jedhan.

Komishiniin Mirga namoomaa UN loltoonni Maalii fi hidhattoonni alaa walta'uun wayita oppireeshinii ganda Moowuraa keessatti gaggeessan lammiilee naga 500 caalan ajjeesaniiru jechuun himate.

Ajjeechaan qaamni mirga namoomaa UN jedhu kun Bitootessa bara darbee giddu galeessa Maaliitti mudate.

Mootummaan Maalii fi Raashiyaa himannaa kana ni balaaleffatan.