'Hariiroo Itoophiyaa waliin fooyyessuuf haalli Tigraay keessaa murteessaadha' - Gamtaa Awurooppaa

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan Awurooppaa hariiroo Itoophiyaa waliin qabu sababa waraana waliinii tureen gufate foyyeessuun "suutaa suutaan, dhawaata dhawaataan" kan ta'udha jedhe.
Bakka-bu'aan Olaanaa dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel Gamtichi hariiroo Itoophiyaa waliin jiru kan foyyeessu adeemsaan ta'uu dubbatan.
Boorel kana kan jedhan ministira dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waliin hariiroo Ameerikaafi Gamticha gidduu jiru ilaalchisuun wayita Biraasels keessatti mariyatanittti ture.
Haalli Kaaba Itoophiyaa ture gaaga'ama guddaa uumee ture kan jedhan Boorel, akka carraa ta'ee yeroo ammaa kana rakkooleen turan fala argachaa jiru jedhan.
"Oduuwwan gammachiisuu addunyaa keenya irraa dhaga'amaa jiran keessaa tokko kanadha," jechuun waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabsisuuf tarkaanfii gaarii ibsaniiru.
"Jijjiiramawwan jalqabaman itti fufsiisuudhaaf Gamtaan Awurooppaafi Ameerikaan harka walqabatanii waliin hojjechuu isaanii itti fufuu qabu," jedhan Boorel.
Ergaan mootummaa Itoophiyaafi Tigraayiif qabnu walitti bu'insicha hiikuudhaaf tarkaanfii fudhatamaa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka jirru ta'uu keenya akka nu hubatanidha jechuun kan himan Joseef Boorel, Gamtichi hariiroo waraana booda Itoophiyaa waliin qabu kan haaromsu "suuta suutaa, dhawaata dhawaataan ta'a," jedhan.
Qaamoleen waraana Kaaba Itoophiyaa keessa ture irratti hirmaatan hunduu sarbama mirgoota namootaa bal'aa akka raawwataniiru gasaaleen gara garaa mul'isaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yeroo waraanni turetti sarbamoonni mirgoota namoomaa raawwataman yakka waraanaatiin kan wal gitanidha jedhee ture.
Kana hordofee ammoo Gamtaa Awurooppaa dabalatee hariiroo Itoophiyaan biyyoota Lixaa waliin qabdu gufatee tureera.
Gamtaan Awurooppaas deeggarsa baajataa Yuroo miliyoona 90 mootummaa Itoophiyaaf kennuuf ture akka addaan citu gochuun isaa ni yaadatama.
Jooseef Boorel dabalatee aanga'oonni Gamtaa Awurooppaa waraana tureen walqabsiisuun mootummaa Itoophiya cimsanii qeeqaa turaniiru.
Deeggarsa baajataa mootummaatiif kennamuun alattis Gamtaan Awurooppaa waggaatti giddu-galeessaan deeggarsa misoomaa Yuroo miliyoona 214 Itoophiyaaf akka kennu marsariitiin Gamtichaa ni mul'isa.
Raashiyaafi Rippabilika Giddu-gala Afrikaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jooseef Booreliifi Antoonii Bilinkan marii Biraasels keessatti waliin taasisan irratti dhimma Itoophiyaatiin alatti dhimmoota Raashiyaafi Rippabilika Giddu-gala Afrikaa irrattis mariyataniiru.
"Putiin gocha Yukireeniin barbadeessuu ittuma fufee jira. Meeshaa waraanaa Niiwukilaraa [inni] Belaarus keessatti camadeeru nageenya Awurooppaa yaaddessaa taasiseera," jedhan Joseef Boorel.
Raashiyaan Belaarus keessatti kan meeshaa waraanaa niwukilaraa camaddee kaawwatte erga pirezidantiin Chaayinaa Mooskoo daawwatanii booda ta'uu isaa kan yaadatan Boorel, marii Bilinkan waliin taasisan irratti Beejing Mooskootiif deeggarsa taasisuun ishee chaartera Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan cabse ta'uus dubbataniiru.
Jarri kunneen marii isaanii keessatti Rippabilika Giddu-gala Afrikaa akka nageenya ishee mirkaneeffattu gochuuf garee Raashiyaa Waagnar jedhamu qacaramanii hojjetan irratti akka hin hundoofneef gargaarsi idil-addunyaa taasifamaaf jira jedhan.
Joseef Boorel biyyoota gareen Waagnar jedhamu kun keessatti bobba'an keessatti rakkoo isaanii uumaniin qaxataan sanaaf yaaddoo nageenyaa uumameera jedhan.












