Maadriid fi Baayern: Milkaa'ina eenyuutu olaanaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awuroopaaf darbuuf morkiin kilaba Jarman, Baayern Miiyuniikiifi kan Ispeen, Riyaal Maadriid gidduutti godhamu marroon lammataa Maadriiditti galgala kana gaggeefama.
Leenjistootni lameen xumura waancaaf gahuuf morkiin isaan eeggatu jabaa ta'uu dubbataniiru.
Baayern dirreesaa Aliyaans Areenaatti kibxata darbe morkii godheen gooliiwwan Loreey Saaneefi Haarii Keeniin hanga daqiiqaa 83ffaatti 2-1n dursaa erga turee booda, goolii lammaffaa Vinishiyees Maadriidiif galcheen qixxee bahee, hireesaa dhiphise.
Leenjisaan Baayern, Toomaas Tukeel ''dirreen itti taphannu injifachuuf dirree baayyee ulfaatuudha garuummoo waan hin danda'amne miti'' jedhe.
Gareen lamaan boqonnaa murteessaa kanatti kan walitti dhufan gahumsi Baayern gaarii miti wayita jedhamuttidha.
Tuukel garuu amma haala keessa jirru osoo hin taane ''kan murteessu qophiii goonedha'' jedhe.
Leenjisaa Kaarloo Anchelootii gama isaan Maadriidiifi Baayern seenaa gaarii fi milkaahina argataniin walfakkaatuu jedheera.
''Morkataa keenya kabajuu qabna, tapha marsaa duraarratti akka gaariitti taphatan, nurra wayyoo turan'' jedhe.
''Nuuf galgala ajaa'ibaa ta'a jennee hawwiin eegna. Garuu salphaadha jennee hin abdannu, haala ulfaataa keessa dabarra.''
Kaarloo Anchelootii shaampiyoonsi Liigii kana yeroo afur injifachuun leenjistoota keessaa adda dureedha.
AC Milaaniifi Maadriid waliin yeroo lama, lama injifateera. Bara 2002/3 fi 2006/7 AC Miilaan waliin ijifate. Bara 2013/14 fi 2021/22 ammoo Maadriid waliin injifate.
Toomaas Tukeel bara jalqabaa Cheelsii leenjisetti, 2020/21 kilabicha waliin Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'eera.
Toomaas Tuukeliifi Anchelootiin amma dura kilaboota adda addaa wayita leenjisan yeroo11 wal-morkatanii Tukeel olaantummaa qaba.
Yeroo afur injifatee, sadii qixxee baheera. Anchelootiin ammoo yeroo sadii injifateera.
Goolii eegaa fi dursaan taphattoota Baayern Maanu'eel Nuyeer ''gareen Maadriid taphattoota jajjaboon guuteera Juud yookan Viniishiyeesiin qabanneerrallee yoo jette warri kaan garaagartummaa uumuu'' jedhe.
Maadriid dorgommii Shaampiyoosni Liigii saddeet Baayern waliin taphate keesatti takkaa hin injifatamne. Jaha injifatee lama qixxee bahe. Saantiyaagoo Bernaabuutti ammoo taphoota gaggeessan torba irratti hin injifatamne.
Anchelootiin erga leenjisaa Maadriid ta'ee shaampiyoonsi Liigiirratti yeroo sagal Baayerniin morkatee jaha injifatee sadi qixxee baheera.












