Du'a daa'immanii Gaambiyaa hordofuun shirooppii qufaarratti akeekkachiisi WHOn kenname

Du'a daa'imman 66 Gaambiyaa keessatti mudateen walqabatee Dhaabbanni fayyaa Addunyaa (WHO)n gosa shirooppii qufaa afur irratti of eeggannoon akka taasifamu akeekkachiise.
Shirooppichi ''miidhaa kalee cimaafi du'a daa'imman 66 waliin hidhata qaba'' jedhe.
Omishaaleen qorichaa kunneenis dhaabbata Indiyaa Maiden Pharmaceuticals jedhamuu- kan waa'ee nageenya omisha isaatiif wabii dhiyeessuu hin dandeenyeen oomishame jedha WHO.
Dhaabbatichi garuu hanga ammaatti yaada hin kennine. BBCnis dhaabbaticha irraa yaada argachuuf quunnameera.
Dhabbanni Fayyaa Addunyaa qorichooti dhanga'aa qufaadhaaf fudhatamaniifi amma akeekkachiisa irratti kennees Promethazine Oral Solution, Kofexmalin Baby Cough Syrup, Makoff Baby Cough Syrup fi Magrip N Cold Syrup jedheera.
Gaambiyaa keessatti qorichoota afuriitu adda baafame.
Garuu ammoo ''karaadhuma gabaa idileetiin gara biyyoota ykn naannoolee kaaniitti raabsamu'' jedheera dhaabbatichi ergaa akeekkikachiisaa marsariitii isaa irratti maxxanseen.
Dhaabbatichi itti dabaluun qorichoota kanneeniitti fayydamuun miidhaa cimaa, keessattuu daa'imman irratti du'a hordofsiisuu danda'a jedhe.
WHO tarkaanfii kana akka fudhatu kan ta'es erga aanga'oonni fayyaa Gaambiyaa, biyya hawwattuu turistii taatee, dhuma Hagayyaa irratti daa'imman umuriinsaanii waggaa shanii gadii irratti miidhama kalee cimaa dabalaa jiru hubataniin boodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Gaambiyaa erga yeroo sanaatii kaasee ummanni kiniinii malee paaraasitaamoolii dhangala'aa akka hin fayyadamne dhorkeera.
WHOn akka jedheetti qorannoon saamuda oomishoota kanneenii ''qabiyyee diethylene glycol fi ethylene glycol hamma hin barbaadamne keessatti argameera.''
Qabiyyeen kunneenis suummii fi dhiibbaa isaanii ''dhukkubbii garaa, haqisiisuu, garaa kaaraa, fincaaniif rakkachuu, boowwoo mataa, haalli sammuu jijjiramuu fi miidhama kalee cimaa kan du'aaf nama qaqabsiisuu hammata'' jedhaniiru.
Qondaaltoonni fayyaa Gaambiyaa baatii darbe keessa ijoolleen hedduun du'aniiru jedhan osoo lakkoofsa isaanii adda baasuun hin eeriin.
Hogganaa Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom Roobii darbe haasaa Jeeneeviitti taasisaniin, ''du'aatiin daa'iimman kanneen maatiidhaaf baayyee kan onnee cabsuudha'' jedhan.
Dhaabbanni To'annoo Qorichoota Jidduugala Indiyaa tarii dhaabbatichi qorichoota akanneen Gaamiyaa qofaatti erge ta'a jechuu WHO hime.
Haata'u malee WHOn dhaabbatichi oomishootasaa kaan keessattis qabbiyyee walfakkaatu fayyadamu biyya keessatti ykn biyya alaatti raabsuu waan maluuf addunyaatti beeksiisuun barbaachisaa ta'a jechuu AFPn gabaase.












