'Loltoonni Ertiraa eessumakoo ajjeesan' - Dr Teediroos Adihaanom

Madda suuraa, EPA
Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanom, loltoonni Ertiraa naannoo waraanaan miidhamte Tigiraayitti eessuma isaanii jalaa ajjeesuu himatan.
Kana malees, namoonni mandara eessumni koo keessa jiraatan 50 ol ta'an otoo seeratti hin dhiyaatin ajjeefaman jedhan Dr Teediroos.
‘’Haala gaarii keessa hin turre,’’ jedhan Dr Teediroos ammallee naasuu keessa akka hin baane himani.
Ertiraan garuu himannaa irratti dhiyaate ilaalchisuun amma yoonaatti ifatti yaada hin kennine.
Dr Teediroos Roobii ibsa Covid-19 ilaallatu akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Jenevaatti wayita kennan himannaa kana dhiyeessan.
‘’Sambata darbe eessumnikoo loltoota Ertiraan ajjeeffamuutu natti himame,’’ jedhan.
‘’Haadhakoo dubbiseen ture, isheen gadda cimaa keessa jirti, sababni isaa eessumnikoo inni ajjeefame maatii keessaa isaa quxisuudha,’’ jedhan.
‘’Ana waliin umriin walitti dhiyaanna,’’ jedhan, nama umrii ganna 57 kan ta’an Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.
Haa ta’uu malee, ajjeechaan sun yoom akka qaqqabeefi mandarri isaan jedhan kun eessatti akka argamtu odeeffannoo bal’aa hin kennine.
Dr Teediroos, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallattaa’e ''hojiirra ooluun maraatummaan kun ni dhaabata,’’ jedhan.
Loltoonni Ertiraa fi humnoonni naannoo Amaaraa garuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu sana keessaatti hin hammatamne.
Waraanni naannoo Tigraayitti bara 2020 kan eegale Ministirri Muummee Abiyi Ahimad tarkaanfii waraanaa humnoota Tigiraay irratti akka fudhatamu ajajuu hordofeeti.
Ministirri Muummee Abiy tarkaanfiin waraanaa humnoota Tigiraayi irratti akka fudhatamu kan ajajan, haleellaa TPLF kaampii waraana naannichatti argamurratti fudhataniif deebii kennuuf jedhan.
Wal diddaa hoggantoota mootummaa MM Abiy Ahimadiifi qondaaltota TPLF gidduu ji’ootaaf jabaate ture booda ture gara waraanaatti kan ce'e.
Waraanichi biyya Baha Afrikaa ummata miiliyoona dhibba ol ta’u qabdu keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman du’anii, miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Kanneen jiruufi jireenya isaanii buqqa'an kunneenis deeggarsa malee akka hin jiraanne ta'aniiru.












