Biyyi xiqqoon Afrikaa hanqinni dhiiraa ishee mudateera jedhamuu balaaleffatte

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Afrikaa bal'ina lafaafi uummata qabaniin xiqqoodha jedhaman keessaa tokko kan taate Eswatiinii (maqaa durii Siwaazilaand jedhamuun beekamtu) hanqinni dhiiraa ishee mudateera jedhamuu balaaleffatte.
Mootummaan biyyattii X gubbaatti ibsa baaseen, gabaasni kijibni waayee hanqina lakkoofsa dhiiraa adeemaa jira jechuun uummata hubachiiseera.
Eswatiiniin biyya Afrikaa takkittii ammallee mootiidhaan bultu yoo ta'u, uummata miiliyoona 1.2 ta'u qabdi.
Xalayaan kijaba jedhamee miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'uufi dhiironni biyyoota kibba Afrikaa biyyattiitti lammummaa akka gaafatan jajjabeessu dhaamsa mootii biyyatti Miswaatii sadaffaa akka ta'etti dhiyaate.
Xalayaan mallattoo mootichaa akka ofirra qabaatu godhame kun, mootichi hanqina lakkoofsa dhiiraa biyyattii keessa jiruun yaaddahaniiru jedha.
''Ani mootii Siwaazilaand kaniin ta'e Miswaatii sadaffaa dhiironni biyyoota Kibba Afrikaa bulchiinsa koo keessatti lammummaaf akka iyyattan, achiis yoo xiqqaate dubartoota shan akka fuutan,'' jedha.
Itti dabaluun ''baasii sirna cidhaa keessan nan danda'a, manas isiniin bita jedha'' jedha xalayaan kan sobaati jedhame kun.
Xalayaa kana eenyu akka qopheesse ammatti hin beekamne. Ammoo dhiironni biyyoota kibba Afrikaa odeeffannoo kanaan gammadanii turan.
Eswatiiniin Moozaambiikiifi Afrikaa Kibbaan marfamtee argamti.













