Ambrose Dlaamini: Ministirri Mummee Eswaatinii Covid-19 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Eswaatinii akka jedhetti Ministirri Mummee Ambrose Dlaamini erga koronaavaayirasiin qabamuunsaanii beekamee baatii tokkoon boodatti boqatan.
Ibsi mootummaa akka jedhetti, Dlaaminii kan umuriin waggaa 52 guyyaa Dilabataati hospitaala Afriikaa Kibbaa keessatti du'an.
Sababiin du'a isaanii eerame kan hinjirre yoo ta'u, garuu Dlaaminii Afriikaa Kibbaatti Covid-19f wallaansa argataa turan.
Dlaaminii ministira mummee Eswaatiini Onkolooleessaa 2018 irraa kaasee kan duraan Swaazlaand jedhamuu beekamu turan.
Eswaatiinis biyyi Afriikaa Kibbaa xiqqoofi kan kara galaanaa hinqabnedha.
Biyyattii ummata miliyoona tokko qabdu tunis manoonni 6,768 koronaavaayirasiin yoo qabaman, 127 ammoo sababiidhuma kanaan du'usaanii Ministirri fayyaa beeksiiseera.
Dlaaminii koronaavaayirasiin qabamunsaanii Sadaasa 16 himame. Yeroo sanattis mallattoo dhukkuubbi kan hinqabne ta'u himanii turan.
Torbaniin booda gaafa Mudde 1 ammoo Ministirri mummee kun gara hospitaala Afriikaa Kibbaatti dabarfamu motummaan biyyatti beeksiisee ture.
Dilbata kaleessaa ammoo Dlaaminii ''osoo Afrikaa Kibbaatti wallaansa irra jiranu du'aniiru'' jedheera motummaan. Kana caalaa wanti gadi fageenyaan himame kan biraa hinjiru.
''Motummaan maatii waliin wal ta'uun itti aansee maal akka ta'u ummataatti ni beeksiisa'' jedhan Ministirri Mummee ittaanaan biyyatti Thembaa Maasuku ibsa kennaniin.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Dlaaminiin, pirezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraamp fi pirezidaantii Biraazil Jaa'ir Bolsonaaroo dabalatee, aangaa'oota addunyaa vaayirasii kanaan qabaman kana keessaa tokko turan.
Oggeessii baankii duraan Dlaaminii wayita akka ministira mummeetti Mootii Msaatii III n mudamaniitti nama siyaasaa haaraa turan.
Motii Mswaatii IIIn bara 1986tti wayita waggaa 18 turan bakka abbaa isaanii Sobhuzaa kan waggaa 82 du'an bakka bu'uun muudaman.
Akka Baankii Addunyaatti bara 2016 fi 2017 keessa ummata biyyatti keessaa harki 39 kan ta'an hiyyummaa keessa jiraata.














