Meeshaaleen waraanaa ammaayyaa waraana Yukireen akkamiin jijjiiraa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Yukireen erga eegalee dhuma ji'a kanaa waggaa afur guutuuf jedhu akkuma itti fufetti jira.
Waraanichi akka dhaabatuuf keessumaa bulchiinsi Tiraamp tattaaffii garaa garaa godhus hanga ammaa dhaabuu hin dandeenye.
Biyyoonni lamaan jaarsummaa UStiin Abu Daabitti Kamisa darbe marii marsaa biraa gaggeessanis homaarra osoo hin gahin gargar galan.
Yeroo itti dippilomaasiin waraana kana furuuf xiqqoo jijjiirama agarsiisaa jirutti, meeshaaleen waraanaa ammayyaa hojiirra oolaa jiran waraana kana gara tokkotti baasuu danda'uu?
Misaa'eloota haaraa: Filaamiingoo vs Oreeshinik

Madda suuraa, Getty Images
Yukireenifi Raashiyaan misaa'eloota kiruuziifi baalistikii ni fayyadama- misaa'elonni isaan fayyadaman kaansaanii haaraa kan kalaqamaniifi yaaliif waraana kanarratti hojiirra oolaniidha.
Misaa'eloonni baalistikii akkaataan itti imalan kan beekamuufi dursanii raadaariin arguun kan danda'amu yoo ta'u, misaa'elliiwwan kiruuzii lafatti gadi dhiyaatanii kan imalanii raadaariin argachuuf baay'ee rakkisoodha.
Yukireen irra guddeessa misaa'elota biyyoota Lixaarraa argattu fayyadamti.
US irraa kan argattu misaa'ela baalistikii Atacms fi misaa'ela UKfi Faransaayi waliin ta'uun omishan Istoorm Shaadow.Iskalpis jedhamu gara Raashiyaatti dhukaasti.

Haa ta'u malee Yukireen biyya keessatti meeshaa waraanaa omishuu itti jabaatetti. Waraana kanarratti hanga danda'emitti meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa imaluun haleellaa gaggeessan fayyadamuun murteessaa ta'ee argamuu ibsa dhimma nageenyarratti gabaasaa BBC kan ta'e Jonaatan Beel.
Kanaaf ammoo Yukireen bu'uuraalee diinagdee Raashiyaa kan ta'an wiirtuu boba'aafi oomisha meeshaalee waraanaa irratti xiyyeeffachuun dirooniwwan fageenya dheeraa imalan omishuun haleellaa gaggeessaa jirti.

Madda suuraa, Moose Campbell/BBC
Dhabbanni Yukireen Fire Point jedhamu misaa'ela kiruuzii Filaamiingoo jedhamu omishuu danda'uun Yukireen biyya keessatti dandeettii meeshaalee waraanaa omishuu danda'uushee jabeessera.
Misaa'elli Yukireen omishte kun gosa misaa'elaa fageenya dheeraa imaluu yoo ta'u, biyyoonni Lixaa misaa'ela fageenya dheeraa imalu kennuufii dhiisuun ishee qoraa ture.
Misaa'elii Filaamiingoo fageenya km3,000 imaluu kan danda'u yoo ta'u, dhukaatuu kg1,150 baachuu kan danda'uudha.
Yukireen misaa'ela kana fayyadamuun daangaa Raashiyaa bakkeewwan dirooniwwanshee qaqqabuu hin dandeenye haleeluu dandeessi.
Yukireen misaa'ela biraa fageenya gabaabaa imalu Neptuun jedhamus omishtee qabdi.
Filaamiingoon gisa misaa'ela US kan Tomahawk jedhamuufi baay'ee ammaayyaa ta'eedha.
Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin, biyyisaa misaa'ela Filaamiingoo omishuu danda'uun milkaa'ina guddaa akka ta'e ibsee ture.

Gama biraan ammoo Raashiyaan misaa'ela haaraa Oreshinik jedhamuufi fageenya km5,500 imaluu danda'u omishuun waraana Yukireenitti dhukaasuun miidhaa inni qaqqabsiisu agarsiistetti.
Saffisa guddaa qaburraa kan ka'e Oreshinik misaa'eloota baalistikii kaan irraa addaadha. Raashiyaan waraana kanarratti si'a lama fayyadamteetti.
Misaa'ela kana adda kan godhu, yeroo bakka yaadame gahuuf jedhu, dhootuun garaa garaa bakka tokko ture gargar bahuun qiyyaafannoo kennameef haleeluu danda'uudha.
Xayyaarota waraanaa: F-16 vs Sukhoi
Yukireen xayyaara waraanaa US omishtu F-16 biyyoota miseensa NATO ta'an irraa argatteetti. Xayyaarota waraanaa F-16 lakkoofsan 90 ta'an biyyoonni akka Beeljiyeem, Deenmaark, Noiorweeyifi Neezarlaandis dhiyeessuuf waadaa galan keessaa walakkaa kan ta'u akka argateetti.
Xayaara waraanaa kana adda kan godhu, lola qilleensarraas ta'ee haleellaa lafarratti gaggeessuuf salphaa, ammayyaa'afi meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa dhukasuuf kan oolu ta'uusaati.
Biyyoonni NATO fi michuu US ta'an xayyaara waraanaa ammayyaa F-16 kana hidhataniiru. Xayyaarri kun bara 1978tti hojiirra kan oole yoo ta'u, biyyooni Lixaa hedduun xayyaara US omishtu kana xayyaara waraanaa US kan biraa F-35 dhaan bakka buusaa jiru.
US xayyaarota waraanaa F-16 argachuun isheef murteessadha; sababni isaa ofiishee xayyaarota waraanaa MiG-29 fayyadamaa turte waan ta'eef.

Paayileetiin Yukireen yeroo jalqaba xayyaara ammayyaa F-16 balaliisu waan itti dhagahame TV biyyaalessaarratti yoo dubbatu: "xayyaarri F-16 xayyaarota duraan balaliisnu waliin yeroo wal-bira qabamu, bilbila ismaartfoonii fayyadamuufi bilbila durii fayyadamuudhaan wal-fakkaata" jedhe.
Paayileetonni Yukireen akka jedhanitti xayyaara F-16 fayyadamuun misaa'eloota Raashiyaan dhukaastu kuffisuufi haleellaa bakkeewwan qiyyaafannoo waraana Raashiraatti gaggeessuuf heddu itti milkaa'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Humna qilleensaa ammayyaa Raashiyaa keessatti xayyaaronni waraanaa gosa Sukhoi ta'an gahee guddaa qabu: Su-30, Su-34, Su-35, Su-57 fa'aa.
Xayyaaroonni waraanaa Sukhoi raadaarii fageenyarraa diinni itti dhufu agarsiisu waan qabaniif fageenyarratti misaa'ela itti dhukaasuu danda'u.
Xayyarota waraanaa Yukireen fayyadamtu: MiG-29 fi F-16 caalaa misaa'elaafi boombii ulfaatina guddaa qabu baachuu danda'u.
Raashiyaan addunyaarratti UStti aanuun biyya humna qilleensaa guddaafi jabaa qabdu ta'uusheerraa kan ka'e Yukireen irratti olaantummaa guddaa qabdi.
Dirooniwwan
Waraana kanarratti dirooniin gahee guddaa qaba: haleellaa gaggeessuuf, basaasaf, dhiyeessiifi kaaniif.
Yeroo ammaa dirooniwwan fayidaa garaa garaaf oolan omishuun Yukireen addunyaa dursaa jirti.
Waggaatti dirooniwwan miliyeena 4 ta'an akka omishtu Bloomberg gabaasee ture.
Bara darbe dirooniwwan qofa fayyadamuun xayyaarota waraanaa ammayyaa Raashiyaan haleellaa gurguddaa gaggeessuuf itti fayyadamtu (strategic bombers) 40 mancaasuu dandeessee turte.

Yukireen dirooniwwan fageenya dheeraa deemuun daangaa Raashiyaa haleelan qofa osoo hin taane, dirooniwwan badanii balleessaniifi diroonii galaanarraa fayyadamuun heddu itti milkooftetti.
Dirooniwwan Yukireen omishte tokko tokko kanneen akka FP-1 fi FP-2 jedhaman fa'aa gatii salphaan kan hojjataman, garuummoo hanga maagaalaa Mooskoo fa'aa fulla'uun haleellaa kan gaggeessaniidha.
Gama biraan ammoo Raashiyaan dirooniwwan adda waraanatti haleellaa gaggeessuu danda'an lakkoofsan heddu ta'an omishuurratti xiyyeeffattee jirti.
Dhuma bara darbee keessa Raashiyaan Humna Xayyaarota Nam-maleeyyii hundeessuun ishee ni yaadatama.
Meeshaaleen waraanaa ammayyaa biroo gara fuulduraatti jijjiirama fidan kam fa'i?
Waraana Yukireenifi Raashiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiru kanaan teeknolojiin hubannoo nam-tolchee mala biraa isaan fayyadamaniidha.
Meeshaaleen waraanaa haaraan hubannoo nam-tolchee fayyadaman, haala adda waraanaa jijjiiruu danda'u.
Ministiira Ittisaa Yukireen kan ta'an Maayikaayiloo Federoov biyyisaanii waraanarratti hubannoo nam-tolchee fayyadam fayyadamuuf qophiitti akka jirtu ibsan.
Kuni milkaa'e taanan, haleellaan dirooniwwan xixiqqoo fayyadamuun gaggeeffamu mataansaa adda waraanaatti madaala waraanaa jijjiiruu danda'a.
BBC News Raashiyaan akka gabaasetti, Raashiyaanis dirooniwwan hubannoo nam-tolcheen deeggaraman omishaa jirti.












