Gareen TPLF, Dabretsiyooniin durfamu garee Obbo Geetaachoo 'gantummaan'' himate

Gareen TPLF Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'eliin hogganamu gareen bulchiinsa Yeroofii Geetaachoo Raddaa ''gantummaa biyyaalessaa'' dabalatee yakka adda addaa raawwataniiru jechuun ibsa baaseen himate.

Erga waraanni Tigiraay waliigaltee Piriitooriyaan xumuramee Obbo Geetaachoo Raddaa ammoo pirezidaantii yeroofii naannichaa tahuun filamee as TPLF bakka lamatti qoodamuun wal himachaa fi wal akeekkachiisaa turaniiru.

Keessumaa erga Korri TPLF boordii filannoo biyyaalessaan beekamtii hin arganne xumura bara darbee keessa gaggeeffamee as wal dhabdeen hogantoota TPLF gidduu akkaan dabaleera.

Torban darbes wal dhabdee gidduu isaanii hiikuuf Obbo Geetaachoo fi Dr Dabretsiyoon dabalatee hoggantoonni TPLF Finfinneetti MM Abiy Ahimedii fi hoggantoota olaanoo federaalaa biroo waliin mari'atanii ture.

Haa tahu malee, Roobii kaleessaa, Mudde 11 bara 2017, gareen Dr Dabretsiyooniin durfamu, hoggantoota bulchiinsa yeroo keessa jiran irratti himata guddaa dhiyeessan.

Gareen Dabretsiyoon Obbo Geetaachoo fi hoggantoonni isa waliin jiran paarticha keessaa ari'amuu fi hoggansa bulchiinsa yeroofii maqaa TPLF'n qabatanis akka gadhiisan irra dedeebiin gaafachuun dhimmichas mootummaa federaalaaf dhiyeessaniiru.

Ibsa Roobii kaleessaa baasan irrattis yaanni pirezidaantii bulchiinsa yeroofii bakka buusuuf dhiyaate ''torban lama keessatti kan ilaalamuu fi dhimma adeemsa irra jirudha,'' jedhe.

Haa tahu malee, maddi dhimma marichaa hordofe tokko BBCtti akka himetti, MM Abiy hanga naannoo Tigiraayitti filannoon idilee gaggeeffamee bulchiinsi biraa filamutti Obbo Geetaachoo Raddaa itti fufee gaggeessa jedhaniiru.

Gareen TPLF ibsa baase isa kanaan Obbo Geetaachoo Raddaa fi hoggantoonni isaan waliin jiran garee ''TPLF irraa foxxoqe'' jechuun erga ibsanii booda faayidaa uummataa dabarsee kenneera jechuun himate.

''Gareen gantummaa biyyaalessaa raawwatee fi faayidaa uummataa dabarsee kennuun mootummaa federaalaaf gaaffii dhiyeesse maqaa gaarii TPLF xureesseera,'' jedhe ibsichi.

''Gareen TPLF irraa foxxoqe kun yaadonni mootummaa federaalaaf dhiyeesse 'maqaa Humna Tigiraay kan xureessu, loltoota duraanii hidhannoo kan hiikkachiise fi adeemsa haaromsaa [DDR] ariifachiisuun Humni Tigiraay akka hidhannoo isa hiikkatu godheera'' jechuun himate.

Dabalataan humni Tigiraay akka gara waraana Itoophiyaatti akka makamuu fi hanga adeemsi hidhannoo hiikkachuu xumuramutti hoggansa isaa jala akka turu gaafateera'' jechuun dhimmota gantummaa raawwateera jede keessatti eere.

Dhimmi biraa ittiin himate ammoo karaa seeraan alaa albuunni naannicha keessaa akka bahu taasisaa jira jedhe.

Dbalataanmaqaa jijjiirama fiduu jedhuun uummata Tigiraayii fi loltoota naannichaa bittinsuutiin, manneen maree aanolee diiguudhaan naannichatti ''warraaqsa'' kaasuuf hojjechaa jiru jedhe.

Rakkoo naannicha mudate kana yeroo gabaabaatti sirreessuufi daandiitti deebisuuf qabsootti gallee jirra jedhe ibsichi.

Gareen Geetaachoo Raddoo ibs akana ilaalchisee deebii kenne hin jiru.