'Lammiileen Sudaan jiraachuuf jecha cileefi baala mukaa nyaataa jiru' - dhaabbata gargaarsaa

Namoota buqqa'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa kaampii baqattootarratti raawwateen namoota buqqa'anii bakka barbaaddataa jiran

Lammiileen Sudaan waraana baqatanii jiran waan nyaatan dhabanii cileefi baala mukaa nyaataa akka jiran dhaabbanni gargaarsaa Norwegian Refugee Council jedhamu beeksise.

Haleellaan kaampii baqattootaa naannoo magaalaa el-Fashaar irratti gaggeeffamuu hordofee namoonni waan nyaatan dhabuun jiraachuuf jecha waan argatan kan akka baala mukaa fa'aa nyaataa akka jiran ibse dhaabbatichi.

Dhaabbata Norwegian Refugee Council jedhamu kanatti dursaa oppireeshinii kan ta'an Nooh Teeyilar, "Waanti dhagahaa jirru waan baay'ee nama gaddisiisudha" jechuun BBCtti himan.

Hojjataan dhaabbata gargaarsaa kun akka jedhanitti lammiileen Sudaan magaalaa el-Fashaar irraa gara magaalaa dhiyeenyatti argamtuu Tawiilaa jedhamtuutti baqataa jiratanis waan nyaatan dhabanii karaatti du'aa jiru.

"Kaansaanii dheebudhaan du'aa jiru," jechuun kaampii baqattootaa Zamzam jedhamurraa gara Tawiilaa yeroo baqatan rakkoolee garaa garaaf akka saaxilaman himu.

Sababa lola Humna Addaa (RSF) fi Waraana Sudaan gidduutti gaggeeffamuun kaampiin baqattootaa Zamzam jedhamu haleelamuu hordofee fageenya km 40 irrratti kan argamtu gara magaalaa Tawiilaa jedhamtuu baqachuuf dirqamaa jiru.

Haalli qilleensaa hoo'a cimaa ta'uun ammoo dheebufi imalarratti laafanii akka du'aniif isaan saaxilaa jira.

"Daandii [magaalaa] el-Fashaarifi Tawiilaa gidduu jiru gubbaa reeffi namootaa ammayyuu akka jiru dhagahaa jirra."

Gama biraan ammoo dubartoonni imalarratti akka gudeedamanis ibse dhaabbanni gargaarsaa Noorweey kun.

"Intalli tokko qophaashee el-Fashaar irraa kaatee osoo imalaa jirtuu karaarratti gudeedamuun madaasheerraa fayyuu dadhabdee Tawiilaa yeroo geessu du'uushee maatiin tokko nutti himaniiru," jedhu Nooh Teeyilar.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Daarfuur keessaa harka Humna Waraana Sudaan kan jirtu magaalaa el-Fashaar qofaadha.

Jalqaba ji'a kanaa humnoonni RSF kaampii baqattootaa Zamzam jedhamu kan magalattiitti dhiyoo jiru irratti haleellaa raawwaachuun lammiileen biyyattii kaampii keessaa akka baqataniif dirqisiisaniiru.

Namoonni kaampicha keessa jiraataa turan waraana waliinii Daarfuur kanaan dura gaggeeffame baqachuun waggoota 20 oliif achi keessa jiraataa turan.

Humnoonni RSF kaampii baqattootaa guddicha kanarratti haleellaa raawwatan waggoota lamaan darbaniif humna waraanaa Sudaan wajjin wal-lolaa jiru.

Waraana waggaa lamaaf gaggeeffamaa jiru kanaan lammiilen biyyattii kuma dhibbaa ol yoo ajjeefaman, miliyeena 13 kan ta'an ammoo qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.

Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti rakkoon deeggarsa namoomaa akka addunyaatti guddaa ta'e biyyattii mudatee jira.

Kaampiin baqattootaa Zamzam erga humnoota RSFtiin haleellaan irratti raawwatamee booda guutummaan cufamuusaa ministiira fayyaa Kaaba Daarfuur kan ta'an Ibraahim Kaatar BBCtti himan.

Humni Addaa Sudaan (RSF) kaampicharratti haleellaa raawwachuu amanus namoota nagaa ajjeesuu garuu haalera.