Nama siyaasaa torban dura hidhaa turan, amma pirezidantii ta'an

Pirezidantiin haaraa Senegaal torban dura ture hidhaadhaa kan gadhiifaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin haaraa Senegaal torban dura ture hidhaadhaa kan gadhiifaman

Kana dura nama muraasa qofatu beeka, amma garuu pirezidantii ta’uuf jiru.

Baasiruu Diwomaaye Faaye akkamiin yeroo gabaabaa kana keessatti sadarkaa kana akka gahan namoota baay’ee ajaa’ibsiiseera.

Filannoon pirezidantii Senegaal keessa taasifamuu torban tokko dura ture mana hidhaatii kan bahan.

Maqaa masoo ''Mr Clean'' jedhamuunis beekamu. Rifoormii gochuuf waadaa seenan gaafa aangotti bahan dalaguu qabu.

Ga’eessi ganna 44 kuni baadiyyaatti dhalatan. Jaalalaafi kabaji qe’ee baadiyyaa keessatti dhalataniif qaban siyaasa Senegaal amantee irraa dhabaniin qixxaata.

''Ministeera hin turre, nama mootummaa hin turre. Kanatti qeeqxonni muuxannoo dhabuu isaaniirratti gaaffii kaasu,'' jedhu xinxalaa kan ta'an Aliyoon Taayini.

''Garuu akkaataa ilaalcha Faayeetti, eega bara 1960’ti kanneen biyyattii bulchan kufaatii guddaa uumaniiru.''

Haqa mirkaneessuu, hiyyummaa fi malaammaltummaa qolachuun ajandaawwan ijoo pirezidantii haaraa Senegaalidha.

Waliigalteewwan gaazii, boba’aa fi ittisaa [nageenyaa] akkaataa ummata Senegaal daran gargaaruu qabanitti raawwatamuu qabu jedhan Faayeen.

Pirezidantii haaraa Senegaal ta’un kan filaman namni kuni maallaqa Faransaay [CFA] dhiisuun maallaqa haaraa Senegaal yookiin kan Lixa Afrikaan bakka buusuuf yaadaniiru. Garuu, salphaa hin ta’u.

''Bajataa eegalee ilaaluu qabu. Garuu hojjechuuf abdii guddaa akka qaban nan hubadha,'' jechuun Ministirri Muummee duraanii Aminaataa Tuure BBC’tti himan.

Walabummaa dhaabbilee haqaa mirkaneessuufi ummata Senegaal bal’aaf carraa hojii uumuun dhimmoota Faayeen dursa kennaniifidha.

Kunneen lamaanuu pirezidantiin amma aangoorraa gaggeeffamaa jiran, Pirezidantii Maaki Saal, xiyyeeffannoo itti hin kennine jedhu.

Ministirri Muummee duraanii Senegaal kuni Pirezidant Maaki Saal jala dalaganiiru.

Isaan qofa miti Pirezidantiin duraanii Abdulaaye Waadeenis filannoon taasifamuu guyyoota lama dura pirezidantii haaraaf deeggarsa qaban ibsaniiru.

Kunis pirezidantii haaraa Seneegaal baatiiwwan 11 darban mootummaarratti finciluun himatamanii hidhaa keessa dabarsaniif waan guddaadha.

Tasa pirezidantii ta'anii?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nami siyaasaa paartii mormituu beekamaa ture Osmaan Sonkoodha. Lamaanuu waggaa dura hidhaa galma siyaasaa kaayyeffatedha jedhaniin hidhaa seenan.

Osmaan Sonkoon himannaan gosa lamaan yakkamaa waan ta’aniif filannoof dorgomuurraa dhorkaman.

Yoona kana bakka isaanii Baasiruu Diwomaaye Faaye bakka bu’an. Akka filmaata biraatti kan dhihaatan baatii Guraandhala keessa ture.

''Baasiruu jechuun ana,'' jechuun Osmaan Sonkoon namoonni Basiiruu Diwomaaye Faaye akka filan dhaaman.

Waahilli hojii isaanii Musxaafaa Saaree kanaan waliigalu. ‘’Isaan saantima tokko fuula garagaraa qabudha,’’ jedhu.

Kaan Baasiruun tasa pirezidantii ta’an jedhanii akka qeeqan taasisan.

Kaanimmoo hoggantoonni siyaasaa lamaan hidhaarraa bahaan hooggansa cimaa ta’uf deemu jechuun ibsu.

Filannoon Senegaal silaa baatii darbe taasifamuuf ture. Ta’us, Pirezidantiin biyyattii Maaki Saal duulli eegaluuf sa’aatiin muraasa gaafa hafu achi butan.

Kunis, mormii jabaa kaaseera. Guyyaa filannoo haaraa adda baheef namoonni siyaasaa yeroo itti qophaa’an hin arganne.

Fakkeenyaaf Baasiruu Diwomaaye Faaye erga hidhaa bahanii torban tokkorra guyya baay’ee hin qaban ture.

Qormaati ijoo pirezidantii haaraa Seneegal reefu eegala.