'Barannaan akka Hamdeessaa Tusoo' kan jedhamu hayyuun guddaa Oromoo tibbana boqote eenyu?

Madda suuraa, Dr. Gammachuu Abhrahaam
Waa'ee Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo namoonni dubbatan hedduudha; hojiiwwan qorannoo ragaa bahaniif dhibba hedduun lakkaa'amu. Dubbiifi qorannoon isaa ardii addunyaa baayyee keesssaa dubbatu.
Oromiyaa-Itoophiyaa ganda xiqqoo Arsii Nagallee-Kuyyeraa keessaa ka'ee Oromiyaa keessa deemee barsiiseera; waa'ee sabboonummaa Oromoo lafa qabsiisuu keesatti gumaacha hin dagatamne kaa'eera.
Sagalee godaantotaa ta'ee dubbateera; waa'ee mirgoota namoomaa Afrikaa, Awustiraaliyaa, Kanaadaatti falmeera, Kongirasii Ameerikaarratti lallabeera.
Hayyuun Oromoo gurra guddaa qabu kun tibba kana boqotaniiru.
"Barannaan akka hamdeessaa Tusoo jedhama ture".
Kibba giddugaleessa Sulula Qiinxamaa kan taate aanaa Arsii Nageelleetti dhalatan. Barnoota isaanii hanga kutaa 12 Kuyyarraa Adventistiitti baratan. Akka achii xumuraniin duula Oromoo barsiisuu hiriyoota isaa waliin eegale. 'Biyyi keenya barnootaan boodatti hafe' jechuun hawaasa barnoota bu'uuraa barsiisuu eegaluutu himama.
Jidduu baroota 1950 fi 1960 gandoota baadiyyaa keessa deemanii dirqama ofitti kennuun, mana barnootaa ijaaranii barnoota bu'uuraa kennaa turuu seenaan isaanii ni agarsiisa.
Namni kutaa 4- 8 barate bahee barsiisuu qaba jedhanii ofitti murteessanii dargaggoon barasanii baatee biyya barsiisfte kan jedhan waahilli isaanii Dr Gammachuu Abrahaam, kun lafa dhaloota isaaniitti hawaasa keessatti jijjiirama guddaa fiduu himu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Yeroo san ka'ima dardara ture. Nama nama dammaqsuu ture. Dhorkii barnootaa kan sirni sun uummata keenyarra kaaye diduun uummanni keenya baratuu qaba jedhee ofii baratee uummata barsiisaa ture."
Bara 1964 waggaa tokko kibba Itoophiyaa barsiisaa kan turan namni kun, mana barnootaa Adveentisitii Abboomsaa hundeessuu keessatti qooda jabaa bahachuu seenaan isaanii ni mul'isa. Waggaa tokko boodammoo mana barnootaa Ovarsiis Childran Foor Mishinariis Gimbiitti barsiisaa ta'e.
Kutannoo fi gahumsa waan dinqisiifataniif mishinarootni bara 1969 carraa barnoota Iskoolaarshiippii kennaniif.
Bara 1972 biyya Awustraaliyaatti kolleejjii Avolaandeerraa barnoota Seenaatiin digrii jalqabaa argatan. Bara 1974 Ameerikaa Michigaanitti Yunivarsiitii Andreewis irraa Maastarsiin, bara 1981 ammoo Yunivarsiitiidhuma kanarraa Ph.Dn eebbiffamuu seenaan jireenya isaa ni mul'isa.
Qorannoon Ph.D Prof. Hamdeessaa, Walitti bu'iinsa furuu, nagaa fi gahee aadaa ganamaa haqa waaressuu keessatti qaburratti kan xiyyeeffatu, hojii ijoo aadaa sirna baruu barsiisuu biyyoota Lixaa fi beekumsa ganamaa Afrikaa wal simsiisetti himama.
Barnootaan dura bahee, cimee fagaatee fakkeenyummaa agarsiiseen, "Barannaan akka Hamdeessaa Tusoo jedhama ture" jedhu gaafa ijoollummaa yoo waayee isaa dhagahan waahilli isaanii Dr Gammachuu Abrahaam.

Madda suuraa, Dr. Gammachuu Abhrahaam
Hojii fi gumaacha Pirof. Hamdeessaa
"Nama yaadaa guddaa, barsiisaa barsiisotaa, hayyuu hayyootaati".
Pirofeesar Hamdeessaa Tusoo baroota 40f Ameerikaa kaabaa keessa hojjetan. Yunivarsiitiiwwan bebbeekamoo akka Yunivarsiitii Joorj Maason (1982–1990), Noovaa Saawuz Iistarn (1998–2004), Kolleejjii Minnoo Simoons kan Yunivarsiitii Wiiniipeeg(2006–2007), Yunivarsiitii Maanitoobaatti (2011–2019) barsiisaniiru.
Dr. Hamdeessaan hayyuu jabaa dhimmoota Afrikaa Baha irratti ministeera dhimma alaa Ameerikaa, Kongiresii Ameerikaa fi dhaabbilee miti-mootummaa garaagaraatiin amanamu ture.
Dhimmoota walitti bu'iinsaa, rakkoo godaantotaa, nagaa, mirga namoomaa fi abbaa biyyummaa Oromoorratti gumaachi nama kanaa olaanaa turuu hiriyaan isaanii Dr Gammachuun ragaa bahu.
"Oromoo callaa miti kan hayyuu kana beeku, Afrikaa guutuuf, Kaariibiyaanif, warra Eeshiyaa Baha Fagoo maraaf falmaa ture.
Ani akki itti ilaalu, nama yaadaa guddaa, barsiisaa barsiisotaa, hayyuu hayyootaati. 'Namni waa ijaarrata, wa kaawwata ati maaliif waan kana callaarratti xiyyeeffatta' yoon jedhuun namni wayii aarsaa kaffaluu qaba dubbiin Oromoo sirna ta'uuf naan jedha ture. " jedha Dr Gammachuun.
Ulfinaa fi kabaja eenyummaa Oromoo ol kaasuuf namni kun beekumsa maddisiisuu, tarsiimoo wixinuu, dhaabbilee ijaaruu, gahumsa dhaabbilee immoo cimsuuf carraaqqii jajjabaa gochaa turuu dubbata waahillisaanii Dr Gammachuuun.
"Oromoon gamtaan dhaabbannaan, of ta'ee jennaan, qaama kamittuu osoo hin hirkatin, hawwii isaa akka gahu nama amanu" jedhu Dr Gammachuun.
"Namoota akka Sisaay Ibsaa, Lubee Birruu, Boonii Holkoomb dhimma tokko yoo kan dhageessan ta'ee hin beeku, Konfiranii jalqabaa Oromoo kan qindeesse Dr Hamdeessaa. Yunivarsiisii Michigan keessatti mata-dureen Oromoo ka'ee akka mata duree paanaalii ta'u osuma mormiin guddaan jiruu, osoo maal namni kan maal haasawa jedhamuu, kan tolche nama kana…."
Artiikiloota 41, boqonnaawwan kitaabotaa baay'ee, moonoograafiiwwan, jornaalota hedduu maxxansiiseera. Korawwan idil-addunyaa 36 kutaalee addunyaa garaagaraatti tatamsa'anirratti nama haasawa ijoo (keynote speaker) ta'e.
Gumaachi guddaan tokko kan godaantotaa biyya Ameerikaatti godhanidha. Bara 1983 keessa yeroo jalqabaatiif Koree Godaantotaa fi Baqattootaa Oromoo (Oromo Committee for Immigration and Refugees (OCIR)) namni hundeesse isa.
Boodarra koreen kun miseensa Fooramii Biyyaalessaa, Godaantotaa, Baqattootaa fi Lammummaa US ta'e.
Pirof. Hamdeessaan bara 1983 keessa Boordii Daarektarootaa Gamtaa Dhaabbilee Godaantotaa fi Baqattootaa 120 ta'ee tajaajileera. Dhiibbaa gamtaa kanaan bulchiinsa pireezdaantii Ameerikaa yeroo sanaa Donaald Reegan jalatti bara 1986 Labsiin Haaromsa Godaansaa mallattaaye.
Kamaal Qaabatoo namni waggoota kudhan darbeef Ameerikaa jiraate, gumaacha Pirof. Hamdeessaan daayasporaa Oromoo keessatti gumaache olaanaa ta'uu dubbata.
"Oromoo biyya Ameerikaatti beeksise. Sababa isaa daayaasporaan Ameerikaa dhufe kun marti Oromoo himatee biyyana qubate sababa bu'uura inni kaayeni jedha"
Namni kun kallattiinis ta'uu baatu OSFFA jabeessuu keessattis bu'uura nama kaaye jedha Kamaal Qaabatoo.
Yaada isaa burqisiisuu kaasee hanga bara 1986tti Waldaa Qorannoo Oromoo hundeessutti qooda hangafaa qabaachuu hayyuutu kanaatu himama. Pireezdaantii jalqabaa Waldaa Qorannoo Oromoo ture.
Caayaa hawaasa Oromoo addunyaa hundeessunis tumsa Adda Bilisummaa Oromootiif hawaasa sochoosaa nama turanidha.
Ergama qorannoo qaama walabaatiif bara 1980tti Sudaanitti bobbaafamee tajaajiluun isaaniillee qaaama seeenaa isaanii ta'ee himama.
Kufaatii Dargii barii Konfiransii London 1991 irratti Pirof. Hamdeessaan yaada furmaataa walitti bu'iinsa hiikuu fi nagaa qabatanii hirmaachuu seenaan isaanii ni mul'isa.
Boodarra dhibdee Adda Bilisummaa Oromoo jidduutti dhalate furuuf ergama Shanacha Jaarsummaa (2001–2004) jedhamu keessatti dura taa'aa ta'uun hoggananii jiru.
Waggaa 50 ta'uuf biyya hambaatti jireenya isaanii kan dabarsan hayyuun kun, bara 2019 qe'ee handhuuraa isaa Oromiyaatti deebi'ee arge. Waldhaansoon gaggeessaa turte firii buusuu fi abdii jabaa akka qabu gaaf deebi'ee Oromiyaa argu dubbatee ture jedhu Dr Gammachuun.

Madda suuraa, Dr. Gammachuu Abhrahaam
Pirof. Hamdeessaa Tusoo maal dhaammate?
"Waan qabu hundaa uummata kiyyaaf kenneera".
Boqochuu isaanii dura ergaa dhaammatanii turan waahilli isaanii Dr Gammachuun nutti himanii jiru.Duudhaa Oromoo qabadhaa nuun jedha jedhu Dr Gammachuun. Duudhaawwan walooma, amanamummaa qabaadha, xawalwaallee hin ta'inaa dhaabbii qabaadhaa nuun jedhe jedhan Dr Gammachuun.
"Fiigicha naaf malu hunda fiigeera. Waldhaansoo gaarii tolcheera. Waadaan uummata kiyyaaf gale eegeera. Amantaa kiyyas eegeera. Firii dhamaatii kiyyaas argadheera. Yoo guyyaan dhuftu, waan qabu hunda hanga coba ishee dhumaatti beekumsa, dhiigaa fi dafqa koo kennuukootiin boqonnaan natti dhagahama. Kun lubbuu takkittii qaburraayi" jedhee dhaammachuu dubbatu waahilli isaanii kun.
Pirof. Hamdeessaan Sadaasa 22, 2025 Kaanaadaa Winipeeg keessatti boqotan. Sirni gaggeessaa isaanii hawaasa Oromoo Ameerikaa kutaalee akka Minesootaa fa'itti qophaaweera. Awwaalchaa hayyuu kanaa bakka dhaloota isaanii Arsii Nageelleetti akka raawwatamu beekameera.
Pirof. Hamdeessaan ilma tokko horatanii darban.
Du'aan boqochuu Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo ABOn ibsa gaddaa baaseera.
Addi Bilisummaa Oromoo, Piroofeesar Hamdeessaan qabsaawaa dammaqiinsa, kabaja mirga namoomaa fi dhaloota ijaaraa keessatti gahee jabaa qabaachaa ture ta'uu himaaf.
"Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo hayyuu Oromoo qabsoo Oromoo keessatti dhalatanii, qabsoo Oromoo keessatti guddatanii, firii qabsoo bilisummaa Oromoo arguuf osoo carraaqanii boqotani jedhe."
Hiriyyoonni isaa biyya keessaa hanga alaatti, adii hanga gur'aachaatti; warri waliin barate, waliin guddateefi waliin hojjetee akkasumallee waliin jiraate boqochuu hayyuu kanaa hordofee ergaa dhaamaaniiru.
Hayyuu guddaa kaayyoo ummataafi jiraatee darbe; akkuma ergaa dhumaa dhaammatee boqote fiigicha isaa haala gaariin xumuruu isaa ragaa ba'aniiruuf.















