Miseensonni maatii 13 marqaa summaa'e nyaatan du'an

Naamibiyaatti miseensonni maatii 13 sababii nyaata summaa'een guyyoota sadii keessatti lubbuu isaanii dhaban.

Marqaa daagujjaa summaa'e miseensota maatii nyaatan keessaa afur fayyaan isaanii akkaan miidhamee hospitaal galaniiru

Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti miseensota maatii 22 mooraa tokko keessa jiraatantu marqaa summaa'e kana nyaatan.

Namoonni lubbuun darbe kunneen bulchiinsa Kaavoongoo ganda Kaayaavoo keessa kan jiraatan turan.

Kanneen du'an keesaa baayyeen daa'imman yoo tahan nyaachuun dura beela'anii turan jedhameera.

TV'n biyyatti NBC'n ministira fayyaa waabeffachuun namoonni kunneen marqaa daagujjaa nyaachuu isaanii hime.

Sanbata darbe miseensonni maatii kunneen gara hospitaala naannoo argamutti ergamanii lamni erga du'aniin booda warri hafan gara Hospitaala Rundaa jedhamutti dabarfamaniiru.

Buufatni TV kuni maatiin kuni nyaataan booda biiraa mana keessatti hojjetame dhuganiiru jedhe.

Ministeerri Fayyaa biyyattii gara iddoo sanaatti ogeessota kan erge yoo tahu ogeessonni kunneen maatii gadda keessa jiruuf gorsa ni kennu jedhamee eegama.

Samuudni nyaata summaa'e jedhame kanaa qorannoof gara Afrikaa Kibbaa egameera.

Bara 2016tti marqaa summaa'e nyaatanii irratti biiraa mana keessatti hojjetame unatan lubbuun darbee ture.