Qajeeltoowwan waliigaltee Abbayyaa Masriin Itoophiyaan cabeera jettu maali?

Madda suuraa, AFP
Itoophiyaan Hidha Guddicha Abbayyaa marsaa arfaffaa bishaaniin guutuu hordofee, Masriin gochaan Itoophiyaa kan qajeeltoowwan (principles) waliigaltee cabseedha jette.
Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa Hagayyaa 10, 2023 fuula Facebook isaarratti baaseen, Itoophiyaa hidha bishaaniin kan guutte qajeeltoowwan waliigaltee bara 2015 Masrii, Sudaaniifi Itoophiyaa jidduutti mallattaa’e haala cabseen jettee jirti.
Masriin haala qajeeltoon waliigaltee Itoophiyaafi Sudaan waliin mallatteessiteen hidhichi bishaaniin akka guutamuufi oppareshiniin kan gaggeeffamu yoo waliigalteen dirqisiisaan taasifame qofaadha jetti.
Kanaan dura Sudaanis ta’e Masriin keessattuu haala bishaaniin guutuu hidha Haaroomsaatiin walqabatee ibsa mormii baasaniin waliigaltee biyyoota sadanii kaasuun mormu.
Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin laga daangaa qaxxaamuru kan ta’e Abbaayyaa faayidaa inni diinagdee biyyootaa keessatti qabu hubannoo keessa galchuun, waggaa saddeetiin dura ture bara 2015tti dhimma hidha Haaroomsa Guddichaa irratti waliigaltee qajeeltoowwan 10 qaburra kan gahamee ture.
Qajeeltoo walta’insaa
Biyyoonni Sadan: Sudaan, Masriifi Itoophiyaan faayidaa waloo, haala seerota idil-addunyaa bu’uurreffateefi hundumaa injifattoota taasisuutiin fedhii biyyoota yaa’aa gubbaafi gadii irratti bu’uureffachuun hojiirra oolchuuf waliigalan.
Waliigaltee biyyoonni sadan kunneen magaala guddoo Sudaanitti irra gahan irratti, kaayyoon Hidha Haromsa Guddichaa kan guddina diinagdee deeggaruu, wal ta’insaa daangaa qaxxaamuruu fi walitti dhufeenya kan cimsuufi humna anniisaa amansiisaa walitti fufaafi faalamarraa bilisa ta’e maddisiisuu ta’u irratti waliigalanii jirru.
Faayidaa haqa qabeessaa fi sababa irratti hundaa'e
Haala waliigaltichaatti biyyoonni sadan gahee bishaan isaanii haala haqaa fi sababa qabeessaa ta’een itti fayyadamuuf waliigalaniiru.
Biyyoonni kunneenis teessuma lafaa bishaan itti fayyadamaniifi haalawwan umamaa kaan keessatti itti fayyadama qabeenya bishaanii daangaasaanii keessatti argamu hubannoo keessa galchuudhaan.
Kana malees baayyina lakkoofsa ummata jireenyasaa qabeenya bishaanii irratti bu’urreeffate fi haala fayyadama biyyoota yaa’aa miidhaa inni biyyoota kaan irratti qabaatuu fi dhimmoota kaan hubannoo keessa galchuun biyyoonni sadanu gaheen bishaan isaanii haqaa fi sababa qabeessa haala ta’een fayyadamuuf waliigalalu kan walii mallatteessan.
Miidhaa cimaa qaqqabsiisuurraa of qusachuu
Haaluma waliigaltee kanaatiin biyyoonni sadanu bishaan Abbayyaa kamuu yoo fayyadamaniitti akka biiyyoota yaa’aa irra miidhaa olaanaa hinqaqabsiifne mirkanneessuu qabaatu.
Haata’u malee yoo miidhaa olaanaan qaqabuun mirkanaa’eetti, biyyi bishaanichatti fayyadamuun miidhaan irra qaqabe waliin mari’achuun rakkinicha furuu qabaata. Barbaachisaa yoo ta’e ammo dhimma beenyaa irratti waliin dubbattu.
Bishaan guutuufi oppareshiinii
Keessawwan 5 waliigaltichaa waa’ee hidha marsaa jalqbaa bishaan itti guutamuu fi adeemsa isaa ilaalchisuun waliigaltee taasifaman dubbata.
Biyyoonni sadan dizaayina hidhichaa akkasumas hidhichi miidhaa biyyoota yaa’aa sadan irraan gahuu danda’uufi waan argamsiisu irratti gorsi garee oggeessoota idil-addunyaa qorannoon akka gaggeeffamuuf ijaarame hojiirra oolchuuf, haala bishaan guutuu hidhichaa irratti qajeelfamootaafi dambiiwwan deeggaruuf waliigalan.
Qajeeltoowwan wal amanuu, odeeffannoo wal jijjiruu
Waliigalteen biyyoonni sadan kunneen Sudaaniitti waliif mallatteessaniin, haala ijaarasa, bishaaniin guutuu hidhichaa, fi oppareshinii isaarratti wal amanummaan akka jiraatuuf wal jijjirraan odeeffannoo taasisuuf sadarkaa qajeellootti waliigalteerra gahaniiru.
Masrii, Itoophiyaafi Sudaan qorannoo koreen tekinikaa biyyaaleessaa taasisuuf odeeffannoo kennuuf waliigalaniiru.
Biyyoonni yaa’aa gadiitti argaman anniisaa ibsaa hidha haroomsaatiin maddisiifamu akka bitaniif dursi ni kennamaaf.
Qajeeltoo nageenya hidhichaa, walabummaafi tokkummaa daangaa
Nageenya hidhichaa ilaalchisee Itoophiyaan tibba ijaarsa hidhichaatti nageenyaasaa mirkanneessuuf gabaasa paanaalii oggeessoota idil-addunyaa hojiirra oolchuutu irraa eegama.
Biyyoonni sadanu qajeellummaan ta’un bishaan Abbaayyaatti fayyadamuufi fayyadamummaa bishaan waloo mirkanneessuudhaaf, walabummaa, tokkummaa daangaa fi fayyadamummaa waloo bu’uura gochuun wal ta’uuf waliigalan.
Qajeeltoo waldhabdee karaa nagaan furuu
Biyyoonni sadan haala fayyadama bishaanichaa irratti wal dhabdee keessa yoo seenan, sadarkaa qajeeltootti wal dahbdicha karaa nagaatiin furuudhaaf waliigalteerra gahan.
Walitti bu’insaafi waliigaltee dhabu furuu ilaalchisee, hikkaan waliigalte kanaa ykn raawwii isaa hordofee waldhabdee umamuu qajeelfama gaarii irratti hundaa’uun karaa mariitiin kan furamu ta’a jedha waliigaltichi biyyoonni sadan kunneen waliifa mallatteessan.
Haata’u malee wal dhabdee karaa marii ykn waliin dubbachuutiin furuun yoo dadhabame, dhimmicha karaa hooggantoota biyyootaatti geeffamu danda’a.












