Ameerikaatti balaliin Xiyyaaraa 1,400 ol haqame

Imaltoonni buufata sakatta'iinsa nageenyaa buufata xiyyaaraa Joorji Buushtti yaroo dheeraaf turan

Madda suuraa, Getty Images

Daandiiwwan qilleensaa Ameerika balalii isaanii akka hir'isan erga itti himamee booda, kan Ameerikaati bahu fi gara Ameerikaa dhufus akkasumas kan biyya keessatti ta'u dabalatee balaliin 1,400 ol haqamera.

Hir'inni imala qilleensaa kun kan dhufe cufiinsa mootummaa federaalaa irraa kan ka'e yoo ta'u, kunis kan ka'e manni maree biyyattii labsii tajaajila mootummaa bara bajataa dhufuuf deeggaru raggaasisuu dhabuu isaatini.

Akka dhaabbata balalii hordofu FlightAware jedhutti Jimaata balaliin 7,000 ol harkifachuun, Sanbatas balalliin gara 6,000 ta'u harkifachuu danda''era

Kunis kan ta'e Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa jalqaba torbee kanaa cufamuu waajjiraalee federalaa hordofee hojjattootasaa mindaa malee hojjatan dadhabuun muudateeraa jechuun ,buufata xiyyaaraa biyyattii 40 ta'an dandeettii tiraafikaa qilleensaa isaaniii dhibbeentaa 10n akka hir'isu erga beeksisee boodadha..

Rippabilikaanonni fi Dimookiraatonni cufamuu mootummaa federaalaa baatii darbe irraa eegalee itti fufee jiru akkamitti akka xumuramu irratti wal qoodaniiru.

Rippabilikaanonni fi Dimookiraatonni ammallee furmaata maallaqaa irratti walii galuu waan hin dandeenyeef,cufamuun mootummaa federaalaa seenaa keessatti yeroo dheeraaf ta'e kan onkoloolessa 1 irraa eegaleSanbata darbe guyyaa 39ffaa isaa seeneera.

Gargaarsi nyaataa fi balaliin xiyyaaraa addaan cituun lammiilee Ameerikaatti yaaddoo kan uume yoo ta'u, jilli kongiresii marii gam lamee dhaabbilee kana deebisanii banuuf Waashingitanitti argamu.

Daandiin Qilleensaa Ameerikaa ibsa Sambata darbe kenneen hoggantoonni Waashingitan D.C. dafanii murtoo tokkorra akka gahan gaafateera.

Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Niiw Jeersii Newark Liberty yeroo dheeraaf harkifannaan mudachaa jira.

Balaliin buufata xiyyaarichaa gahan hanga Sanbata waaree boodaatti giddu galeessaan sa'aatii afur kan harkifate yoo ta'u, kanneen achirraa ka'an ammoo giddu galeessaan sa'aatii lama harkifachuu isaanii ragaan Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa ni mul'isa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka FlightAware jedhutti buufataalee xiyyaaraa Dilbata darbe balaliin baay'inaan haqamuu mudate Charlotte Dowuglas, Niwuwoorkii fi Chikaago dha.

Balaliin Joon F. Keeneedii, Atlanta fi LaGuwardiyaa irraa ka'us sa'aatii dheeraaf harkifateera.

Torban muraasa booda ayyaanni galateeffannaa waan dhihaateef, yeroon kun yeroo balaliin hedduun Ameerikaatti itti adeemsifamaa jiruudha.

Cufamuu kanaan kan miidhamaa kan jiran balalii daldalaa qofa osoo hin taane, jeettiiwwan dhuunfaas dbalateeti.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa guyyoota itti aanan keessatti lakkoofsi balalii haqame akka dabalu yaaddoo qaba.

Kamisa darbe ejensichi akka jedhetti hir'inni balalii suuta suutaan kan dabalu yoo ta'u, Jimaata dhibbeentaa 4 hir'isuu irraa eegalee torban dhufu gara dhibbeentaa 10tti akka ol guddatu ibseera.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa yeroo cufamuutti to'attoonni tiraafikaa qilleensaa sa'aatii dabalataa hojjechaa waan turaniif sababa nageenyaaf jecha hir'inni kun kan barbaachise ta'uu ibseera.

''To'attoonni tiraafikaa qilleensaa,hedduun kaffaltii malee akka hojjetan gaafatamuu isaanirraa kan ka'es hedduun isaanii boqonnaa guutanii ba'aniiru ykn hojii lammaffaa barbaaddachuun waan jireenya isaaniif isaan barbaachisu guuttachaa jiru,'' jedhaan

To'attoonni tiraafikaa qilleensaa hojjettoota federaalaa miiliyoona 1.4 kanfaltii malee akka hojjatan ykn boqonnaa akka guutan taasiseera.

Wanti imala xiyyaaraa irratti dhiibbaa geessisu inni biraan immoo, ergamoonni Ejensii Nageenya Geejjibaa kuma 64 ta'an keessaa harki caalaan isaanii kaffaltiin isaanii hin kaffalamu.

Akkuma bara 2018 bulchiinsa Tiraamp jalatti mootummaan federaalaa cufame, hojjettoonni dhaabbatichaa dhibbeentaan 10 kaffaltii malee hojjechuurra mana turuu filataniiru.