Magaalota US keessatti hiriirri ICE mormu bahame.

Madda suuraa, Getty Images
Daandiiwwan magaalaa Miniyaapoolis keessatti kumaatamaan kan lakkaawaman humnoota immigireeshinii fi gumrukaa (ICE) mormuun hiriira bahan. Hiriirri kun guutuu Ameerikaatti hiriira waamame.
Hiriirri mormii wal fakkaataan magaalota US, Niiwuyork, Losaanjalas, Chikaagoo fi Waashingtan DC keessatti godhameera. Qindeessitoonni lammiileen Ameerikaa mana akkka oolan jecuunis iddoo dalagaa fi mana barnootaa akka hin deemne waamicha godhan.
Ajjeechaan Renee Guudii fi Aleeks Pireetii guutuu Ameerikaatti dallansuu uummataa jabaa uume. Miseensota kongireesii fi seeneetii paartiilee lamaanii biyyattiirrattis qeeqa jabaa uumaa waan jiru.
Jimaata darbe Abbaan alangaa US du'a Pireetii irratti qorannoo eegalee jira.

Madda suuraa, Getty Images
Aleeksi Pireetii, namni ganna 37ogummaadhaan narsii ture, namoota miniyaapoolis keessatti humnoota immigireeshinii federaalan ajjeefaman lammaffaa dha. Namni jalqabaa Renee Guud jaruma kanaan Amajjii 07, 2026 ajjeefamte.
Qindeessitoonni hiriira mormii, akka biyyaatti sochiin marti akka dhaabbatu waamicha godhan. " Amajii 30 hojiin haa dhaabbatu. Barnoonni haa dhaabbatu. Daldalli haa dhaabbbatu akkasumas ICE fand gochuun haa dhaabbatu" waamicha jedhu dabarsan.
Akkaataa marsariitii garee kanaatti, tarkaanfiiwwan akkanaa kan fudhataman du'a Aleeks Pireetii dabalatee kan dhukaasa humnoota ICE'tiin Silveeriyoo Vileegaas-Gonzaaleez irratti Fulbaana 2025 ajjeefame fa'i mormuufi.
Hiriirtonni cabbiirratti ergaawwan qubeewwan "SOS" (Save our soul) [lubbuu keenya haa baraarru] erga jedhu dabarsaa turan. Gareen kuun ammoo seensa (preamble) heera mootummaa Ameerikaa guddisanii uffata irratti maxxxanfatanii karaarra sosso'aa turan.anii
Wellisaa beekamaan Biruus Ispriingistiin sirba haaraa Pireetii fi Guudif [kan ajjeefamaniif] mata duree Streets of Minneapolis jedhubaase magaalaa Miniyaapoolis keessatti konsartii qopheessun sirbeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kamisa Tiraampi mootii daangaa (border tsar) kan jedhuun, Tom Hooman bulchiinsi Donaald Tiraamp iddoowwan bulchiinsi naannolee tumsa godhanitti humnoota federaalaa ni hir'isuu danda'a jechuun yaada kenne.
"Harka kennaa hin jirru, ergama keenya karaa si'ataa ta'een hojjechaa jirra" Homaan ibsa miidiyaaf kenneen.
Homaan komaandarri to'annoo daangaa Giriigorii Boovinoo naannicha gadhiisuu booda oppireeshinii Miniyaapoolis hoggana.
Haasawa isaa Kamisaa keessatti Donaald Tiraamp, "Biyya keenya ni tiksina, biyya keenya tiksuuf immoo waan feene kamuu ni goona" jedhe.
Ajaja Tiraampiin humnoonni immigireeshinii federaalaa Miniyaapoolisitti bobbaafaman 3,000 ta'u.
Ministeerri nageenya biyya biyya keessaa "lammiilee biyyoota biraa kanneen yakkoota seeran alaatiin hundarra hamoo ta'an" qabna jedhee ture. Kunis nageenya hawaasa Minisootaa bakkatti deebisuufi jedhamee ta'uu hubachiise. Qeeqtonni garuu baqattoonni galmee qulqulluu qabanii fi lammiileen US duula kanaan qabamaa jiraachuu himu.
Oppireeshiniin kun magaalota US keessatti dallansuu uummataa dhale. Keessumaa jiraattonni Miniyaapolis St Pool fi magaalota biroo.
Bulchaan Minisootaa Tiim Waalz fi Kantiibaan Miniyaapoolis Jaakob Fireeyi humnoonni federaalaa Miniyaapolis keessaa akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.












