Manni-murtii Biraazil pirezidaantiin duraanii biyyattii meeshaa eessa akka jiran hordofu akka godhatanii deeman ajaje
Manni-murtii Biraazil pirezidaantiin duraanii Jayiir Bolsonaroo, kan fonqolcha mootummaa yaaluun himataman, meeshaa eessa akka jiran hordofu miilatti akka godhatuu fi uggura sochii jala akka galu ajaje.
Manni murtichaa kana kan godheef sodaa miliquu danda'u jedhu qbaachuun ta'uu ibse.
Bara 2019 hanga 2022tti Biraazil kan hoogganan Bolsonaroon, Pirezedaantii biyyatti ammaa Luwiiz Luulaa da Silvaa aangoorraa buusuuf shira xaxaa ture jechuun himataman.
Pirezidaantiin duraanii kun garuu lakkii an badii tokkollee hin qabu jechuun haalu.
Murtiin kun kan kenname erga Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himannaa Bolsonaroo irratti baname shira biyyaa isa baqachiisuuf xaxame ta'uu fi himatni kun akka haqamu yoo hin taanemoo qaraxni guddaan kan Biraazil eeggatu ta'uu doorsisanii booda.
Bolsonaro uggura imala mana murtii kanaa ''salphina guddaa'' jechuun tasuma Biraazil gadhiisuuf yaadee hin beeku jedheera.
Jimaata darbe poolisiin ajaja Mana Murtii Olaanaatiin mana jireenyaa fi waajjira muummee pirezidaantii duraanii sakatta'eera.
Abbaan murtii Alessander de Morayes akkasumas Bolsonaro miidiyaa hawaasaa hunda irraa akka dhorkamuu fi ilma isaa Eduwardo Bolsonaro kan himannaan isaa akka haqamuuf US keessatti falmaa jiru waliin akka wal hin qunnamne ajajeera.
Akkasumas ambaasaaddaroota, dippilomaatota ykn imbaasii biyya alaa waliin akka wal hin qunnamne dhorkan irra kaa'ameera

Madda suuraa, Reuters
Bolsonaroon hordoffii sa'aatii 24 hordoffii jala kan jiran yoo ta'u, uggura halkaniille irra kaa'ameera.
Abbaan murtii Morayes akka jedhanitti, Bolsonaro ilma isaa Eduwardo waliin ta'uun itti yaadanii fi seeraan ala qoqqobbii qondaaltota Biraazil irratti kaa'uuf hojjechaa turan.
Abukaatoon Bolsonaroo murtii mana murtii kanaa ''kan nama rifachiisu fi kan nama ajaa'ibu'' jechuun ibsan.
Pirezidaantiin duraanii kun yeroo hunda ajaja mana murtii kanaa akka kabajan cimsanii dubbataniiru.
Poolisiin federaalaa biyyattii Bolsonaro dhaddacha gufachiisuuf yaaluu fi biyyattii haala dirqisiisaa keessa galchuun abbaa biyyummaa biyyaalessaa sarbuuN himate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban darbe pirezidaantiin Ameerikaa himata Bolsonaroo kaasuun biyyattiin yoo himata kaana hin haqne Biraazil irratti taarifa %50 akka kaa'an doorsisaniiru.
Pireezidant Luulaan biyyi isaanii taarifa Ameerikaa kamiifuu haaloo akka baatu akeekkachiisaniiru.
Biraazil "biyya abbaa biyyummaa qabdu dhaabbilee walaba ta'an" yoo taatu, "namni seeraa ol hin jiru" jechuun Pirezidaanti Luulaan atoora miidiyaa hawaasaa tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.
Tiraamp xalayaa Bolsonaroof barreessaniin fi fuula miidiyaa hawaasumma isaanii 'Truth' irratti maxxansanii himannaan yakkaa isaan irratti baname siyaasaan kan ka'e ta'uu ibsuun, doorsisni taarifa isaaniis qondaaltonni Biraazil himannaa kana akka dhiisan dhiibbaa gochuuf kan yaadame ta'uu ibsaniiru.
Tiraamp himata Bolsonaro qormaata seeraa yeroo lamaan pirezidaantii turanitti isaan mudate waliin wal bira qabanii ilaalan.
Pirezidaanti Luulaan bara 2023 aangoo erga qabatanii torban tokko booda deeggartoonni pirezidaantii duraanii masaraa mootummaa, paarlaamaa fi Mana Murtii Olaanaa weeraruun jeequmsa kaasan jedhamuun Bolsonaroo fi namoonni 7 himataman.
Himatamtoonni saddeet kunneen fonqolcha mootummaa yaaluu, dhabbali hidhatan waliin dhaanbbachuu olaantummaa seeraa humnaan kuffisuuf yaaluu fi Hambaalee miidhuu dabalatee himannaa shan irratti bane.
Bolsonaro, manguddoon waggaa 70 kun yoo itti murtaa'e hidhaa waggootaf turuun adabamuu danda'u.













