Landanitti rikardii dubartootaa haaraa kan galmeessite Tigist, bara darbe 'qorratu natti ulfaate' jette

Tigist Aseffaa

Madda suuraa, Getty Images

Atileet Tigist Aseffaa Maaraatoonii Landan Dilbata ganama gaggeeffame riikardii dubartootaa haaraa galmeessuun injifatte. 2:15:50 fiiguun yoo injifattu, Injifattuu bara 2021 kan taate Jaakiliinin km10 osoo hafuu gattee sokkite.

Dorgommii maaraatoonii dubartootni deeggarsa dhiiraa malee figaniin yeroon Tigisti itti xumurte riikardii haaraa ta'ee galmaaheera.

Paawulaa Raadkiliif atileetii dhiiraa biroon saffisaa akka argattu gargaaramaa yeroon galmeessite garuu ammayyuu riikardii ta'ee jira.

Maaraatoonii Landan bara darbee irattı riikardii fiduuf akka fiigdu himtee kan turte Tigist lammaffaa ta'uun xumurte ture.

Tigist yaada BBCf kenniteen ''bara darbe lammaffaa baheen ture, amma injifachuun koo adda'' jette. ''Baayyee baayyeen gammade.''

''Bara darbe qorraa fi miidhama sarbaan gara xumuraatti rakkadheen ture. Barana qilleenisichi naaf ta'eera.''

''Haalli dorgommichi itti adeemeen gammadeera'' jette.

Dorgommii kanaan lammaffaa kan baate atileetii lammii Keeniyaa Jaakiliin jepgooskiiy dha.

Gama dhiirotaan lammii Keeniyaa Sabaastiyaan Sawee tokkoffaa bahuun injifateera.

Tigist Aseffaa Olompika Paariis bara 2024 gaggeeffame iratti Atlete Siifan Hasanitti aantee lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii fiddeetti..

Shaampiyoonaan Olompikii Paariis Siifan Haasan sadaffaa ta'uun xumurte.

Tigist Asaffaa daqiiqaa lamaa oliif fooyyessuun Riikardii Addunyaa haaraa Maaraatoonii Barliiniirratti galmeessite ture.

Atileet Tigist Asaffaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti kan argamtu magaalaa Hoolotaatti dhalattee guddatte. Maatiin ishee ijoollee jaha horatan keessaa isheen quxisuudha.

Dorgommii manneen barnootaa gidduu tureen gara atileetiksii kan seentee yoo ta'u, kanaaf ammoo barsiisaan ispoortiishee gumaachuu dubbatti Tigist.

Fiigicha gabaabaa keessumaa 400m, 800m akkasumas boodarra sababa miidhamaan fiigicha fageenya dheeraa fiiguu jalqabde.

Haata'u malee ga'umsa guddaa agarsiisuun Maaraatoonii Barliin irratti Riikardii Maaraatoonii dubartootaa cabsiteetti.

Atileetiin kun injifatamuu kan hin jaalanneefi xiiqeffattuu akka taate BBCtti dubbateetti.

Miidhama ishee mudaterraa kan ka'es fiigichatti hin deebitu jedhamtee turte.