Sodaa Eboolaaf daangaan DR Kongoofi Riwaandaa wal qunnamsiisu cufame

Hojjettuu Fayyaa Goomaa

Madda suuraa, Reuters

Dhibeen Iboolaa Dimookraatiik Ripaabliik Koongoo keessatti erga mul'ate har'a wagga tokkoffaa isaa yoo ta'u hanga ammaatti namoonni 1,800 ol du'aniiru.

Jiraattotni naannichaa BBC'tti akka himanitti magaalaalee daangaa biyyoota lamaanii kana ta'an Goma(gama DRC) fi Giseenyi(gama Rwaandaan) daandiin wal qunnamsiisu cufameera.

Sodaa dhibeen kun gara Rwaandaatti ce'uu danda'a jedhuun aangawootni Rwaandaa sochiin daangaa qaxxaamuruu akka dhaabatu ajajan.

Magaala lammiileen miiliyoona lama ta'an keessatti argaman, Goomatti kaleessa dhukkubsataan dhibee Iboolaan qabamuun mirkanaa'ee ture inni lammataa lubbuun darbeera.

Mucaan dubaraa nama Kanaas qorannoo gaggeefameen dhibee Kanaan qabamuun mirkanaa'eera.

Daldaltootni Rwaandaa gara magaalaa DRK dhibeen kun keessatti mula'tetti ganama har'aa eegalee akka hin galle dhorkamaniiru.

Goomaan magaala sochii daldalaa guddaa qabdu ta'uu isheerraa kan ka'e, cufamuun daangaa kun jireenya isaanii guyyuurratti dhiibbaa uumuu dalatootni Rwaanda ni himu.

''Iboolaa caala beelan sodaadha, daangaan kun cufamuu hin qabu,'' jedha hojjetaan ijaarsaa lammii Rwaanda kan ganama guyyaa hundumaa Rwaandaatii ka'ee gara Goomaa imalu.

Dhibeen Iboolaan Dimookraatiik Ripaabliik Koongoo keessa jiraachuun erga mirkanaa'ee har'a waggaa tokko guuteera.

Namoota dhibee Kanaan qabaman 2,500 keessaas 1,800 ol kan ta'an du'aniiru.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa rakkoo Koongoo kanaan balaa Fayyaa Idila addunyaati jechuun labseera.