Ministirri Mummichaa Dr Abiy hiriira deegarsaa irratti hirmaachuf

Ethiopian Prime Minister Dr Abiy Ahmed

Madda suuraa, Face book

Ministirri Mummichaa Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad hiriira deegarsaa guyyaa Sanbataa Magaalaa Finfinneetti gaggeefamu irratti akka argaman dhagahame.

Minisirri mummee Itoophiyaa erga gara aangootti dhufanii kaasanii jijjirama gama hedduun taasisaniif deeggarsaa deegaruufi beekamtii kennu kaayyeefachuun guyyaa boru Sanbata hiriirri magaalaa guddoo biyyattii Finfinneetti hiriiri gaggeefamuuuf.

Ministirri Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeshinii motummaa obbo Ahimad Shide akka ibsanitti Ministirri Mummee Dr Abiy akka hiriiricharratti hirmaataniif waan affeeramaniif hirmaachuun haasawa ni taasisu.

Kaayyoon hiririchaa inni guddaan jijjirama biyyattii keessatti uumamaa jiru deegaruufi beekamtii kennuudha jedhaniitu.

Kanaafuu lammiilee Itoophiyaa garaa garummaa malee isaan maddii hiriirusaanii mirkanneessuuf kan hirmaatan akka ta'u eegama.

Koreen qindeessaa hiriira kanaas nageenya walitti fufaa biyyattii mulisuuf lammiilee hundi irratti qooda akka fudhataniif gaafachuunsaani ni yaadatama.

Hiriirri kunis Sanbata boru sa'aa tokko irraa eegaluun addabaabayi Masqalaatti akka gaggeefamuu fi jiraattoota magaalattii maleess jiraattoonni naannawaatti argaman illee akka irratti qooda fudhatan eeggama.