BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
KALLATTIIN, MM Abiy Ahimad Pireezidaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog waliin mari'atan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Pireezidaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog waliin mari'atan MM Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaan, daawwannaa hojiif Itoophiyaa kan dhufan Pireezidaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog simachuun marii bu'aa qabeessaa taasifneerraa jedhan. Pirezidantiin Israa’el kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee yeroo gahanitti, Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr.) fi Deetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiruuf.
Kamiseetti doktarri haala hin baramneen dhiigasaa arjoomuun lubbuu deessuu baraare maal hima?
"Hammi dhiigaa qaamashee keessa jiru baay'ee gadi bu'aa ture. Gidduudhaanis gara of wallaaluutti deemaa turte" Dr. Sa'id Ahimad.
Morkii Barnaboo gaaddidduu himannaa jibba sanyummaa jalatti Moriinoo malee gaggeeffamu
Taphataan Arjentiinaa fi Benfikaa Giyaanluukaa Piristiyaanii erga jifataa Riyaal Maadiriid jibba sanyummaan himatee booda tapha marroo lammataa irratti akka hin hirmaanne murtaa'eera.
Murtee Mana-maree Federeeshinii falmii guddaa kaaserratti eenyu maal jedhe?
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa naannolee filannoo shan kan naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti "madda wal dhibdee ta'anii turan" jedhamanirratti murtoo mana maree federeeshiniirraa na gahe jedheen erga ibsee booda qaamoleen siyaasaa naannolee lamaanii mata mataan ibsa irratti kennan
Agarsiisa waraana Itoophiyaa tibbanaa Ertiraan 'dubbii barbaacha' jette
Agarsiisa waraannni Itoophiyaa dhihoo magaalaa Hawaasaatti mul'ise Ertiraan ''dubbii barbaacha'' jechuun qeeqxe.
UAE, Turkii fi Sa'uudiin Itoophiyaarraa maal barbaadu?
Maqaan Itoophiyaa UAE fi Sa'uudii Arabiyaa waliin ka'uu erga eegalee bubbuleera. Fuulduratti kan mul'atu daldalaa fi investimentiidha, ammoo ajandaan siyaasa duuba jiraa? Dhimmoonni ajandaan siyaasaa jiraachuu akeekan maal fa'i?
Malli boca fuula dubartootaa ittiin miidhagsan jiraa? Odeeffannoo miidiyaa hawaasaarraa arginu hangam dhugaadha?
Miidiyaa hawaasaarratti bareedina eeggachuuf fuula bishaan cabbiin guuutame keessa kaawwachuurraa kaasee hanga waan qorraa fuularra kaawwachuutti akka hojiirra oolchan gorfama.
Iraanitti mormiin irra deebiin ka'uun yuunivarsiitiwwan heddutti babal'ate
Hiriirri mormii mootummaa Iraan balaaleffatu barattoota Iraanin irra deebiin eegale guyyaa sadaffaa qabate
Muddamni US-Iraan hammaannan US hojjattoonni emabsiishee Beeruut jiran akka bahan ajajje
USfi Iraan gidduutti muddamni dhalachuu hordofee US hojjattoonnishee embasii magaalaa giddoo Libaanoos, Beerut keessa jiran akka bahan ajajje.
Daa'imni jalqabaa gadameessa dubartiin duute arjoomte keessaa dhalate
UK keessatti daa'imni jalqabaa gadameessa dubartiin duute arjoomterraa dhalate.
Iraan 'harka kennuu' caalaa maaliif Ameerikaa waliin waraana filatti?
Waraanni Ameerikaa sochii humna isaa Baha Giddugaleessaa keessatti taasisaa jiru, tarkaanfii fudhatamuu maluuf mallattoo agarsiisuurra darbee haleellaa gaggeessuuf qophii gara taasisuutti ce'eera.
Qondaalli Sa'uudii Arabiyaa erga Ertiraa daawwatanii booda gara Itoophiyaa imalan
Torban dura Ertiraa kan turan Ministirri Dhimma Alaa Itti Aanaan Sa'uudii Arabiyaa Waalid Alkereejii har'a Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos waliin mari'atan.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, MM Abiy humna ‘fiixee Mitsiwwaa hanga Somaalee tiksu ijaaruun’ maal akeeka?
Agarsiisa waraana Itoophiyaa Ertiraan hin jaalanne. Ministirri Muummee Abiy maal jechaa jiru?
Viidiyoo, Atileet Fayyisaa balaa, lola mootummaafi WBO fi barreeffama isaarratti
Harka qaxxaamursuun mormii ummataa addunyaa kan waliin gahe Atileet Fayyisaa Leellisaa komii dhiheesse.
Viidiyoo, Qabxiilee ijoo Pirezidantiin Turkii fi MM Abiy irratti waliigalan
Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdohaan dhihoo Itoophiyaatti imaluun MM Abiy Ahimad waliin mari'ataniiru.
Viidiyoo, Viidiyoo saalqunnamtii waraabuufi qooduu seerri Itoophiyaa maal jedha?
Tibba kana viidiyoon yakkaa saal-qunnamtii biyyoota hedduu keessatti dubbii ijoo ta'eera.
Viidiyoo, Soorata warqee qopheessuun maaliif amma salphaa ta'e?
Nyaatni qooccoo yookiin warqeen bakkeewwan kibbaaf kibba lixa Itoophiyaa keessatti haalaan jaalatamaadha.
Viidiyoo, Ertiraan himannaa Itoophiyaaf deebii kennite
Ertiraan loltootashee akka daangaa Itoophiyaa keessaa baastuuf gaaffii mootummaan Itoophiyaa dhiheesseef deebii kennite.
Viidiyoo, "Hoteela keessatti saal-qunnamtii yoo raawwannu viidiyoo nu waraabanii gadhiisan"
Bara 2023 Eriik miidiyaa hawaasaa poorn (viidiyoo saal-quunnamtii ) ilaaluuf otoo daddabarsuu sekondii muraasa booda waan argeen naasuun gogee hafe.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Humna waraanaa fiixee Somaalee hanga Mitsiwwaa tiksu ijaarreerra - MM Abiy
Itoophiyaan humna waraanaa leenjii addaa fudhate biyyarra kan darbe Baha Afrikaa tiksuu danda'u akka ijaarte Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Fayyisaa Leellisaa balaa konkolaataa mudateefi odeeffannoo bahanirratti deebii kenne
Atileet Fayyisaa Leellisaa balaa konkolaataa Sambata darbe konkolaataa biraan walitti bu'uun isaan mudateen miidhamni akka isarra hin geenye ibse.
MM Abiy ummata yaaddoo keessaa baasuuf jaarsoliitti amaanaa kennatan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, nageenya saffisiisaafi amansiisaa ummata keenya cinqiifi yaaddoo keessaa baasu; bahee galee qalbii guutuun hojjechuu akka danda'u godhu fiduuf abbootiifi jaarsoliin gahee isaanii akka bahatan amaanaa isinitti kenneera jedhan.
Waamicha nagaa MM Abiy Wallaggatti dhiyeessaniif WBO deebii 'garaarraa miti' jedhu kenne
Ministirri Muummee Abiy Ahimad tibba kana Godinaalee Wallaggaa adda addaa keessatti hojiilee misoomaa hojjetaman yoo eebbisan irra deebiin hidhattootaaf waamicha araaraa dhiyeessaniiru. WBO waamichi kun ''garaarraa miti'' jechuun deebii kenneera.
Dhimmoonni ijoon MM Abiy fi Pirezidant Erdowaan kaasan maal fa'i?
Pirezidantiin Turkii Rajiib Xayyib Erdowaan Kibxata, Guraandhala 17, 2026 Itoophiyaa daawwachuu booda ibsa kennaniin biyyi isaanii ''walitti bu'iinsaa fi dhibee Gaanfa Afrikaatti mudatu,'' callistee akka hin ilaalle himan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Dureewwaniifi dippilomaatonni biyyoota garagaraa booda kana maaliif gara Itoophiyaa marmaaruu baay'isan?
Torbanoota muraasa darban dureewwan biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaafi biyyoota Arabaa gara Itoophiyaa imaluun daawwataniiru, daawwataas jiru.
Itoophiyaan akka Ertiraan loltootashee 'hatattamaan daangaashee keessaa baastu' akeekkachiiste
Mootummaaan Itoophiyaa Ertiraan loltootashee daangaa Itoophiyaa keessa seeraan ala jiran akka baastu waamicha dhiheesse.
Obbo Gadduu Andaargaachoo MM Abiy 'gara Ertiraatti ergeera' jechuu irratti maal jedhan?
Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo Ministirri Muummee Abiy Ahmad dararaa loltoota Ertiraa akka dhaabsisaniif gara Ertiraatti ergeera jechuu gatii dhabsiisan.
Haasaa MM Abiy parlaamaa irratti taasisaniif Ertiraan deebii kennite
Waraana kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffamerratti mootummaa Itoophiyaa tumsuun humnoota Tigraay lolaa kan turan loltoonni Ertiraa, warshaalee dabalatee Tigraay keessaa qabeenya guddaa saamuu isaanii MM Abiy paarlaamaa irratti dubbatan.
Yeroo muddamni cimetti Itoophiyaan Sa'udii waliin hariiroo cimsachuuf
Itoophiyaan yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni cimetti Sa'udi Arabiyaa waliin hariiroo cimsachuuf marii taasifte.
Ispoortii
Viktor Giyookeresh osoo qeeqamuu Arsenaaliin dhiphina keessaa baase
Arsenaal Kaaba Landanitti muddama ofirraa hir'iseera. Darbii Kaaba Landaniin Tootanhaamiin goolii 4 fi 1n injifatee morkii waancaa Piriimer Liigii cimsateera.
Piriimer Liigii: Arsenaal garee dirree Tootenhaam deemee 4 fi 1'n mo'ate
Morkiin Piriimer Liigii taphoonni 10 hanga 11 yeroo hafaa jirutti waancaan argachuu, 1-4 keessa galuun carraa hirmaannaa Shaampiyoons Liigii mirkaneeffachuufi Piriimer Liigii keessaa kufuurraa ooluuf taasifamu akkaan qalbii rarraasuun itti fufeera.
Siitiin Arsenaal irratti dhiibbaa yoo cimsu Arteettaan 'kan dhiibbaa hin dandamanne gara kilaba biraa' jedhe
Maanchistar Siitiin Itihaad irratti Niwukasiliin 2 fi 1n injifachuun morkii waancaa cimsateera. Kun dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaal irratti dhiibbaa cimseera.
Arteettaan 'bakka ta'uu feene jirra' yoo jedhu Peep ammoo taphni 12 baayyeedha jedhe
Taphoota torbee 27ffaa dursee Mikeel Arteettaa fi Peep Gaardiyoolaa waayee waancaa Piriimiyeer Ligii injifachuu yaada kennaniiru.
Tilmaama Piriimer Liigii: Tootenhaam v Arsenaal, Maan Siitii v Niwukasil eenyu mo'a?
Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz torban 27ffaan Darbii Landan kaabaan Tootenhaam Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal simatee keessummeessa. Sadarkaa lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin ammoo Niiwukasil simatee keessummeessa.
Arsenaal yeroosaa eegee 'sigigaachuu' jalqabe - haala kanaan dharraa waancaa waggaa 22 ba'uu danda'aa?
Arsenaal kilaba Piriimer Liigii keessaa dhumarra jiru Wolvis goolii 2 fi 0 dhaan osoo dursuu taphichi goolii 2 fi 2n xumurameera. Ga'umsi akkanaa dhuguma xiinsammuu kilaba waancaaf onnatee ta'uun gaaffii namatti ta'a.
Zubimeendiin dhuguma taphataa cimaa Arsenaalii?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa dhiyeenya kana "taphataa cimaan" Arsenaal dhiyeenya kan bitame jechuun dubbatee ture. Ganna darbe kan bitame Maartiin Zubimeendii jechuusaati.
Namichi jaalalleesaa tulluu irratti dhiisee 'du'aaf saaxile' himatame
Waggaa tokko ture dubartiin ganna 33 tulluu Ostiriyaa isa guddaa irratti cabbooftee kan duute, jaalalleenshee tulluu irratti ishee dhiisuufi du'asheef sababa tahuun himatameera.
Diraamaa Benfikaa fi Maadiriid: Taatee 'jibbisiisaa' Viniishiyes mudate booda 'dogoggora guddaa' Moriinoo
Tirent Aleksaandar-Arnold jibbiinsi sanyummaa Viniishiyes Juuniyer irratti raawwatame jedhame ''kabaja kubbaa miillaa kan gadi buusu,'' jedhe, leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo ammoo taatee kanarratti yaada kenneen guddoo qeeqame.
Lakkoofsi 10 bakka Saakaa gara fuulduraa ta'uuf jiraa? Gaheen lakkoofsa 10 maali?
Mikeel Arteettaa miidhama taphattoota sarara gidduutti isa mudatan hordofee Bukaayoo Saakaa sarara duraan irratti beekamuun ala gahee bakka yeroo baayyee lakkoofsa 10 jedhamuun beekamutti fidee fayyadamuuf yaadaa jira.
Arsenaal akka amalasaa galgala keessa sigigaachuu jalqabee?
Dubbiin Arsenaal 'amalliifi tulluun hin godaanu' isa jedhan ta'aa jira fakkaata- gabatee Piriimerliigii dursaa turee galgala keessa duubatti deebi'uu. Torban tokko dura qabxii sagaliin dursee lafa dhiitaa ture.
Siitiin duubaan qaxxisee Arsenaal bira ga'uun morkii waancaa cimsataa jira, Gaaners irraa har'a maaltu eegama?
Peep Gaardiyoolaan duubaan Arsenaalitti qaxxisuun morkii waancaa Piriimer Liigii mo'achuuf taasifamu akka cimsu abdii qabu ibseera. Maanchistar Siitiin kanuma godhaa jira.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.





























































































