Waldaa Naayijeeriyaatti namoonni osoo nyaata fudhatanii walirratti kukkufuun 31 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Naayijeeriyaa dhimma namoota 31 magaalaa Port Harcourt keessatti walirratti kukkufuun lubbuunsaanii darbee qorachaa jiraachuu hime.
Balaan kun kan mudate wayita dhaabbati tola oolaa waldaa kiristaanaa keessatti namoota harka qalleeyyiif nyaata hiraa turetti, gariin isaanii halkan guutuu eeggataa waldicha keessa bulan.
Namoonni nyaata fudhachuuf ba'an ''lakkoofsaan hedduu fi to'annoon ala waan ta'aniif,'' to'achuun rakkisaa ture jedhe poolisiin.
Kanneen wal dhiiboo kana keessa du'an hedduun daa'immanii fi dubartoota.
Namoonni ijaan argan Ejansii Oduu AFP'tti akka himanitti, namoonni heddumminaan gara qaama nyaata hiruutti wayita qajeelan humnaan duubatti deebifamaa waan turaniif, kanneen duuba jiranirratti kukkufuun miidhaan qaqqabe.
"Duubatti deebi'aa, of duuba deebi'aa jechaa turan, '' jedha Chisom Nwachukwu. "Kannen duubaan dhufan ammoo isaan of duuba deebi'an irra baba'aa turan,'' jedhe.
Taateen kun wayita humnaa ol ta'u qaamoleen nageenyaa akka bakkichatti argamanii haala tagabbeessaniif waamamanii turan.
Namoonni miidhaman hedduun hospitaala Waraanaa Port Harcourt jedhamutti yaalamaa jiru.
Waldaan 'King's Assembly Church' jedhamu kun taatee mudatetti guddoo gadduu himee, haala nageenyaa fi qabiinsi uummataa irratti hojimaatasaa sirreeffachuu akka qabu ibseera.
Waldaan waggaatti altakkaa deeggarsaa midhaan nyaataa fi kaan kanneen harka qalleeyyiif arjoomuu kan eegale bara 2014 ture, kan baranaa garuu lakkofsi namootaa kan hin eegamneen ol ta'ee to'annoo waldichaan ala ba'e.
Inumaa namoonni deeggarsa fudhatan osoo qaamoleen nageenya eegsisanii fi haala mijeessitoonni bakkati hin argamain dursanii ba'an jedha waldichi.
Komishinarri Komishinii Poolisii bulchiinsa Rivers State jedhamuu Eboka Friday, gareen tola ooltotaa fi qaamoleen amantii kamuu gara fuulduraatti sagantaa akkasii kan qopheessan yoo ta'e nageenyaaf jecha poolisii waliin walta'anii hojjechuun heddummina namootaa to'achuu aka qaban dhaaman.












