Ergamaan addaa Ameerikaa aanga'oota Itoophiyaa waliin mari'achuuf Finfinnee jiru

Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa Ambaasaadar Deeviid Satarfiild

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa Ambaasaadar Deeviid Satarfiild

Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa Ameerikaa Ambaasaadar Deeviid Saatarfiild aanga'oota Itoophiyaa waliin mari'achuuf Finfinnee galusaanii Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beekisisee.

Ergamichi daawwanaasaanii Itoophiyaatti taasisan kaleessa Bitooteessa 21, 2022 eegalusaaniifi har'a akka xumuran ibsichi mul'iseera.

Ambaasadar Saatarfiild kaleessaa ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa Gamtaa Afriikaa Oluuseenguun Obaasaanjoo fi Komishiinii dhimmoota Siyaasaa, nageenyaa fi Tikaa gamtichaa Baankoolee Adoo'oyee waliin dhimmoota Itoophiyaafi Sudaan irratti mri'achu waajjiiri dhimma alaa Ameerikaa isa isaa kanaan beeksiiseera.

Ambaasaadar Saatarfiild turtiisaanii Finfineetiin aanga'oota mootummaa Itoohpiyaa, Qondaaltoota Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii fi bakka bu'oota dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin akka dubbatan ibsichi dabaluun himeera.

Ambaasadar Deeviid daawwanaadhuma walfakaatuuf baatii Guraandhalaa keessa gara Finfinnee dhufuunsaanii ni yaadatama.

Daawwannaa kanaan dura guyyoota lamaaf Finfinneetti taasisaniin, aanga'oota mootummaa Itoophiyaa, Gamtaa Afiikaafi bakka bu'oota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akkasummas qindeessitoota dhaabbilee gargaarsa namoomaa waliin wal arguun mari'atanii ture.

Yeroon ergamaan kun gara Itoophiyaa itti imalanii turan sunis tibba waraana Kaaba Itoophiyaa mariidhaan furuuf mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti dubbiin itti fufeera jedhamee himamee tureedha.

Barreessaa Olaanaa Itti Aanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Amiinaa Mohaammad ibsa ALI Gurandhala 2, 2014 irratti Finfinneetti kennanii turaniin, ''Wayita ammaa kanaatti dhugaatti iddoo fooyya'eerratti argamna. Mariiwwan dabalataa taasifamaa jiru,'' jedhanii ture.

Ibsan kanaan dura ammoo hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) Itoophiyaafi TPLF jidduutti mariin al-kallattii taasifamaa jiraachu BBCtti himanii ture.

Haata'u malee wayita ammaa kanatti mariin motummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifamaa jiraachu ilaalchisee ifatti kan jedhame omtu hin jiru.

line

Ameerikaan waraanni Kaaba biyyattiiti gaggeefamu karaa mariitiin furmaata akka argatuuf ergamaa addaa muuduun yaalii taasisaa turunshee ni yaadatama.

Baatiiwwan muraasaan dura Ambaasaadar Feeltimaaniin bakka bu'uun ergamaa addaa mootummaa Ameerikaa ta'uun kan mudaman Ambaasaadar Saatarfiild imalawwan adda adda gara biyyota baha Afriikaafi jidduugala bahaatti taasisaniiru.

Waraanaa Kaabaa Itoophiyaa waggaa tokkoofi walakkaa lakkoofsise kana hordofees sababii ejjannoo Amaaerikaan qabatteefi tarkaanfiiwwan fudhatteen wal qabatee waliitti dhufeenyi mootummaa itoophiyaa waliin qabdu laafee tureera.

Mootummaan Ameerikaas waraanichaan wal qabatee aanga'oota Itoophiya dabalatee kanneen waraanicha keessatti hirmaatan iratti qoqqophii viizaa kan keessee yoo ta'u, akkasumas tarkaanfii dhorkaa AGOA kan ittiin Itoophiyaa oomishaalee ishee qaraxa malee gara Ameerikaatti ittii ergituu kaa'uun dhorkaan sunis torbanoota muraasaan dura hojiirra oolfamuu eegaleera.

Kana malees miseensoonni kongrasii Ameerikaa bulchiinsi JOO Baayida Itoophiyaa, Ertiraa fi namoota dhunfaa kanneen waraanichaan walqabatee badiiwwan qaqabaniif ittigaafatamoodha jedhaman irra dhorkaa kaa'uuf kan dandeessisu wixiinee seeraa ifa taasisaniiru.

Motummaan Itoophiyaa Ameerikaan ibsawwan finciltootaaf looguu baasuu fi tarkaanfiiwwan fudhataa jechuun Ameerikaa himataa turera.