Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 35ffaan magaalaa Finfinneetti taa'amuu eegale
Korri Gamtaa Afrikaa guyyaa lamaaf turu teessoo ol aanaa gamtichaa magaalaa Finfinnee jiru keessatti taa'amuu eegale. Wal gahii kana irratti Afrikaatti haalaan kan dabalaa dhufe fonqolcha mootummaa fi weerarri koroonaavaayirasii ajandaa guddaa akka tahan himamera.
Sirna baninsaa irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahmad haasaa yoo taasisan, ''osoo obbolloonni keenya Afrikaa nu waliin hin dhaabbanne tahe Itoophiyaan akka biyyatti itti fufuuf balaa keessa galtee ture,'' jedhan.
Rakkoon biyyattii mudate kan keessoo ishee fi seera kabachiisu tahus gochaan biyyootni alaa godhan garuu rakkinicha hammeessee ture jedhan.
Itti dabaluun mootummaan Itoophiyaa nageenyaaf filannoo kennuun addatti dhukaasa dhaabuun, hidhamtoota hiikuu akkasumas marii biyyaalessaaf komishinii hundeessuu isaa hubachiisaniiru.
MM Abiy Itoophiyaan waggaa tokko darbeef rakkoo hamaa keessa turuu ishee himanii ''biyya keenyattai nagaa buusuuf dhagaan hin galagalchine hin jiru,'' jedhan.
Itoophiyaatti waraanni waggaa tokkoof walakkaaf deemaa ture akka dhaabbatu gochuun ajandaa marii kanaa keessaa tokko taha jedhamee eegama.
Kana malees sagaleen Afrikaa sadarkaa idil-adunyaatti akka dhagahamuuf Afrikaan Mana maree Nageenyaa UN keessatti taa'umsa ishee madaalu argachuu akka qabdu himaniiru.
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa kun guyyoot alamaaf Guraandhala 5 fi 6,2022 kan gaggeeffamu yoo tahu pirezidaantiin Senegaal Maakii Saal dura taa'aa Gamtaa Afrikaa tahuun pirezidaantii Dimokiratik Rippablik Koongoo Feeliksi Tishiikiidee irraa baallii fudhataniiru.
Maakii Saal dura taa'aa gamtichaa tahuun waggaa tokkoof kan gaggeessan taha.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota 15 ol lakkoofsisuun lubbuu kumaatamootaa galaafatee uummata miliyoonaan qe'ee irraa buqqise akkasuma ajandaa marii kana taha jedhama.
Wal gahii kana irratti miseensotni gamtichaa afur akka hin hirmaanne dhorkamaniiru. Isaan keessaa torban darbe keessa fonqolchi mootummaa kan gaggeeffame Burkina Faasoon argamti.
Hawwaasni idil-adunyaa nageenyaa fi misooma Afrikaaf deeggarsa barbaachisaa gochuu akka qabu Komishinerri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat himan.
Malaammaltummaa fi aangoo akka malee fayyadamuu irratti qabsaa'uun ajandaa bara 2063 galmaan gahuuf hojjechuu akka qaban himanii, biyyoota Afrikaa gidduuttic michummaan jabaatee itti fufuu akka qabu dhaaman.
Afrikaan qabeenya uumamaan kan badhaate taatee ammallee hudhaa bulchiinsaa adda addaan galma barbaadameef guutummaatti akka hojiirra oolchaa hin jirres himameera.
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan dhimma weerara koroonaavaayirasii fi talaallii Afrikaa keessaa irratti ibsa kennu jedhamee eegama.
Akka Mudde 26, 2022 jedhanitti Afrikaa irraa talaallicha kan argate uummata biliyoona tokko tahu keessaa %11 qofa, akka gabaasa CDC Afrikaatti.
Wal gahiin kun Afrikaatti ''sirna nyaataa guddisuu, misooma humna namaa, misooma dingadee fi hawwaasumaa ariifachiisuu'' mata duree jedhuun wal gahiin gamtichaa 35ffaan gaggeeffama.