Poolisiin Keeniyaa ajjeechaa hojjattuu BBC Naayiroobiitti qaqqabe qorataa jira

Madda suuraa, Getty Images
Hojjattuun BBC magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti duutee argamuushee hordofee poolisiin Keeniyaa qorannoo eegale.
Keet Micheel lammii Biritiish biyyoota Afrikaa hedduu keessatti BBC Media Action keessa hojjataa turte Jimaata darbe kana lubbuun ishee darbe.
Daabni BBC Media Action jaarmiyaa gargaarsaa idil-addunyaa BBC yoo ta’u, sagantaalee miidiyaafi kominikeeshiniitti gargaaramuun wal caalmaa addunyaarra jiru irratti kan xiyyeeffatudha.
Aadde Micheel hoteela magaalaa Naayiroobii keessatti du’uun dhaabbaticha keessa hojjachuu isheetiin walqabata jedhamee hin yaadamu.
Dubartiin kun akkamiin akka lubbuu dhabde haga yoonaa kan ifa hin taane oggaa tahu, poolisiin biyyattii garuu dhimmicha akka ajjeechaatti akka ilaalaa jiruufi qorannoo aka gaggeessu miidiyaaf himeera.
Hoggantuun Poolisii Komaandar Augustine Nthumbi: ‘’namni ajjeechaa isheetiin shakkame... shakkii waardiyyoonni hoteelichaa na hordofaa jiru jedhuun, kutaa hoteelichaa gamoo darbii saddeettaffaatti argamu keessaa karaa foddaatiin utaale,’’ jedhan.
Aadde Micheel dhiyeenyatti waajjira BBC Media Action magaalaa Finifinneetti argamu keessa hojjataa turte.
Hojii gaggeessituun BBC Media Action Kaarolaayin Narsii ''Oduu gaddaa kanaan hundii keenya rifanneerra,’’ jedhan.
‘’Keet hojjattuu baayyee jaalatamtu, akka hoggantuu sagantichaa gameettii tokkotti hojjatteefi ganna 14’f nu waliin turte. Dhaabbaticha keessatti akka waliigalaatti beekamtuudha, keessattuu gareewwan dhaabbatichaa Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Zaambiyaa fi Landan keessa hojjatan biratti.’’
‘’Maatiifi firoottan fi hiriyoota ishee addunyaa guutuurra jiraniif jajjabina hawwina’’ jedhan.












