Niijeritti ibiddaa mana baruumsaa keessatti ka’een barattoonni 25 du’an

Madda suuraa, Getty Images
Kibbaa Niijeeritti kutaa mana barnoota citaa irraa ijaarame keessatti ibidda ka’een ijoolleen umurii ganna shan fi ja’a jidduu jiran yoo xiqqaate 25 ta’an du’uu isaanii, angaa’onni himan.
Bulchiinsa Maradiitti ibidda Wiixata ganama utuu barattoonni barnootarra jiranii ka’e kanaan namootni hedduu biroonis madaa’aniiru.
Ka'umsi ibidda kanaa ammatti maal akka ta'e hin beekamu.
Niijeer keessatti, kutaaleen barnootaa dhagaa irraa hojjataman yemmuu barattoota hundaaf wal ga’uu dhaban kutaalee dabalataaf daassii citaa irraa ijaaruun waan baramedha.
Ibiddi Wiixata ka’ee kun daassii akkanaa sadii barbadeessuu isaa bulchaan magaalaa Maraadii, Chayiboo Abuubakar, miidiyaalee biyyattiitti himaniiru.
Namni ijaan argan tokko akka BBCtti himanitti, reeffi hedduu bakkichaa yemmuu kaafamuufi daa’imman miidhaman hedduun gara hospitaalaatti yemmuu geeffaman arganiiru.
Kanneen mada’aan keessaa gariin isaanii haala hama keessa akka jiran himameera.
Mana barnootaa kanatti barumsi yeroof addaan citeera.
Nijeeritti manneen barnootaa keessatti balaan ibiddaa uumamuun waan haaraa ta’uu baatuus, kan namoota hedduu ajjeessee garuu muraasadha.
Ta’us, jalqaba wagga kanaatti, haala wal fakkaataan ibidda mana barnootaa magaalaa guddiitti Niijer, Naayimee keessatti ka’een barattoonni 20 ta’an du’aniiru.
Balaa kanaan kutaaleen barnootaa daassii citaarraa ijaaraman 28 kan barbaada’an yoo ta’u, kun uummata dheekkamsiiseera.
Kanneen balaa kana jalaa baqachuu dhaban hedduun isaanii barattoota olmaa daa’immanii keessa turanidha.
















