Poppi Firaansis haala qilleensaarratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu waamicha taasisan

Pope Francis

Poppi Firaansiis ergaa addatti BBC'f ergame keessatti, yaa'ii jijjirama qilleensaa torban dhufaa keessa Gilaasgootti gaggeeffamu irratti ''deebii bu'a-qabeessa'' akka dhiyeessaniif dureewwan addunyaatiif waamicha taasisan.

Phaaphaasichi Vaatikaan irraa BBC Radio 4'tti wayita dubbataniitti, rakkoolee weerara Covid-19 dabalatee, dhimmoota jijjirama qilleensaa fi rakkoolee diinagdee biraa kaasuun, murtee cimaan akka fudhatamuuf dureewwan addunyaatiif waamicha dabarsan.

Itti dabaluunis carraawwan rakkooleen tibbanaa uuman dabarsuu hin qabnu jedhan.

Barbaachisummaa ''addunyaa keenyaaf miira ittigaafatamummaa hundaan qoodamu'' barbaachisaa kaasuun, ''tokkoon tokkoo keenyaa, eessaafi eenyu taanuyyuu, balaa jijjirama qilleensaa nu mudataa jiru geeddaruuf itti gaafatamummaa walootu barbaachisa,'' jedhan.

Phaaphaasichi booda keessa Vaatiikaaniitti Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin wal arguuf jiru. Imaammatawwan jijjirama qilleensaa biyya keessaa Joo Baayidan erga karoorri baasii isaa sagaleen itti kennamuun yeroo biratti dabarfameen booda akkuma qabameetti jira.

Ergichis xiyyeeffannaa Firaansi bara aangoosaaniitti dhimma naannoo irra kaa'ee kan yaadachiisuudha.

Isaanis yeroo hedduu haasaa taasisanii waa'ee balaa jijjirama qilleensaa ni kaasu. Bara 2015tti ammoo sanada 'Laudato Si' jedhamu kan dhimmicha irratti xiyyeefatu maxxansiisan.

Barreeffamicha keessattis, keessattuu mata-duree 'On Care for our Home' jedhu jalatti, badiinsa naannoo ibsuun, barbaachisummaa tarkaanfiiwwan balaa kana hir'isanii cimsuun kaasa. Jijjiramni qilleensaa irra jireessaan nam-tolcheedha jedhan.

Xalayichis Yaa'ii Jijjirama Qilleensaa UN kan bara 2015 Paarisiitti gaggeeffame COP21 dura bahuun, akka dhimmoota dureewwan waliigaltee irra gahuuf gumaacha taasise tokkotti ilaalame ture.

Ammas dureewwan addunyaa bara kanas dhimmicharratti mari'achuuf Glaasgootti walgahuuf qophiirratti argamu.

Ragaaleen bahaa jiran akka mul'isanitti, haala waliigaltee Paarisiitti ho'a addunyaa digrii seelshiiyeesii 1.5 gadiitti ittisuuf galame guutamaa hinjiru.

Poppi Firaansii ammas kana kaasuun jiddugalun isaanii kun dhiibbaa walfakkaataa akka taasisu abdataniiru.

More on Climate Change bottom strapline

Qabxiiwwan Yaa'ii Jijjirama Qilleensaa COP26 muraasa:

  • Jijjiiramni qilleensaa rakkoolee baayyee addunyaa irratti dhiibbaa taasisaa jiran keessaa tokko. Ol ka'iinsa ho'a addunyaa ittisuu yoo qabaanne, motummoonni faalama qilleensaa hir'isuuf sirriitti waadaa galuu qabaatu.
  • Yaa'iin Galaasgoow kunis kan jijjiramni itti akka taasifamuuf eegamudha. Biyyoonni irra jireessa faalamuu qiilleensaatiif gumaatan kan akka Ameerikaafi Chaayinaa waadaan galan ilaalamuu barbaachisa. Akkasumas deeggarsi biyyoonni hiyyeeyyiin argachuu qabanis gahaa jiraachuu ilaaluun ni barbaachisa.
  • Jireenyi keenya hundi ni geeddarama. Murteewwan asitti dabarfaman tarii hojiiwwan keenya, attamiin mana keenya akka itti ho'iisnuufi wanti nuti nyaannuufi haala ittiin imallu irratti dhiibbaa taasisuu danda'a.