Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oggeessotni fayyaa US kalee boyyee dhala namaaf jijjiiruun milkaa'an
Ogeessotni wal’aansa baqaqsanii hodhuu US, kalee boyyee milkaa’inaan namaaf jijjiiruu danda’aniiru.
Milkaa’inni kunis gara fulduraatti hanqina kutaa qaamaa gumaachamuu furuu danda’a jedhanii abdatu.
Namni wal’aansa kana argate, dhukkubsataa sammuun du'e ykn abdii fayyuu hin qabnee fi gargaarsa maashiniin lubbuun isaa turfamedha.
Kaleen kun kan fudhatame booyyee qacceen sanyii isaa fooyyeffamee tolfame yoo ta'u, qaamni namaa qaama ‘hin beekamne’ ykn akka qaama alagaatti lakkaa'ee akka simachuu hin didne ta'eera.
Hojiin kun hanga ammaatti madaalamee hin maxxanfamne garuu sanaaf karoorri jira.
Oggeessotni akka jedhanitti damee saayinsii kana keessatti kun qorannoo isa ammayyaa isa guddaadha.
Kana dura yaaliin wal fakkaata bineensota biroo irratti kan taasifame ta’us, dhala namaa irratti hin yaalamne.
Wal’aansa qaama jijjiiruuf booyyee fayyadamuun garuu yaada haara miti. Hidda onnee booyyee wal’aansa namaaf fayyadamuun waan baramedha.
Qaamoleen booyyee ammo guddinnii fi xinneenyi isaanii kan dhala namaa waliin kan wal simudha.
Wiirtuu fayyaa Langoon, Yunivarsitii Niiw Yoork keessatti yemmuu wal’aansi kun gaggeeffamutti, oggeesotni wal’aansa baqaqsanii hodhuu, kalee booyyee kanaa hidda dhigaa namichaatti wal qabsiisuun yoo qaamni isaa ni simata ykn dida ta’e yaalani.
Guyyaa lamaa fi walakkaa itti aananiif, qorannoowwan adda addaa gaggeessuun kale kana hubatanii ilaalaa turani.
Qorannoo kana kan hoggane Dr Roobarti Mongaamarii akka BBCtti himeetti: “ Kalee akka kalee namaa ta’uuf jijjjiirre kana, akka hojii kaleen nama hojjatu hunda hanga danda’ammetti ni hojjaa yoo ta’eef hubachaa turre.”
“Sirritti hojjate, homaa wanti wal simsiisuu died hin argamne.”
Hojiin isaa kun xiqqoo waan falmii uumuu ta’uu isaa kan amanu Dr Mongamarii, ofii isaas nama wal’aansa qaama jijjirraa fudhate yoo ta’u, namoota wal’aansa akkanaa argachuuf eegaa jiraaniif qaamni dabalataa barbaadamaa akka jiru ibsaniiru.
“Yaaddoon jiru naaf gala, kana jechuu barbaadu ammo, yeroo ammaatti namoota wal’aansa jijjirraa qaamaa eeggatan keessa %40 kan ta’an utuu wal’aansa hin argatiin du’u.
“Booyyee akka madda nyaataa, tajaajiloota wal’aansa fayyaaf ni fayyadamne. Kun sannarra waan adda ta’edha jedhee hin yaadu,’ jedha.
Kun qorannoo haaraa waan ta’eef qorannoon dabalataa ni barbaachisa, ta’us garuu “ akka ani yaadutti kun gara wiirtuulee fayyatti yoo kenname rakkoo hin uumu kan jedhu irratti hamilee nuuf kenna,” jedhan.
UK irraa oggeettiin fayyaa wal’aansa kale Dr Meriyaam Kosraavii, “wal’aansi jijjirra qaamaa bineensota irraa gara dhala namaatti taasisuu waggootii dheeraaf kan qoratamaa turedha, gartuun kun qorannoo kana gara fulduraatti tarkaanfachisanii arguun ajaa’iba,” jetti.
Gara namuusaan yemmuu ilaallu garuu, “Gochu waan dandeenyuuf goochu qabna jechuu miti. Gaaffi kana hawaasni bal’aan deebisuu qaba jedheen yaada,” jetti.