Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bineensota bosonaa seeraan ala daddabarsa himannaa jedhu haale

Xiyyaara daandii qilleensaa Itoophiyaa

Madda suuraa, ETHIOPIAN

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bineensota lubbuun jiran seera sadarkaa addunyaatti, Afriikaatti akkasumas biyya keessaa kabajuun of-eeggannoodhaan kan imalchiisu ta'uu hime.

Daandii Qilleensaa kun bineensota daldalaaf oolan osoo isaan lubbuun jiranii biyyoota lixa Afrikaa irraa gara iddoowwan garaagaraatti imalchiisaa jiraachuu qorannoon tokko erga mul'isee boodadha kan kana ibse.

Jaarmiyaan eegumsa bineensotaa irratti hojjetu, World Animal Protection jedhamu qorannoosaa keessatti daandiin qilleensaa kun gochasaa kanarraa akka of qusatuu fi bineensotaaf eegumsa barbaachisaa akka godhu gaafateera.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa gamasaan, ''Akka miseensa geejjiba qilleensarraa idiladdunyaatti bineensota lubbuun jiran kan imalchiisu gama itti gaafatamummaa qabuu fi seera eeggateeni,'' jechuun himata irratti dhiyaate kuffise.

Qorannochi maal jedha?

Ka'umsi qorannoo kanaa daandiin qilleensichaa bineensotaa bosonaa biyyoota lixaa fi gidd-galeessa Afriikaa keessaa fe'uun gara biyyoota garaagaraatti geessee daldala kan jedhuudha.

Akka qorannoo kanaatti daandii qilleensaa Itoophiyaa bineensota hoosiftootaa ta'anii fi kanneen garaan lo'an heddumminaan gara biyyoota garaagaraatti fe'eera.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa bineesnota hedduu biyyoota lixa Afrikaa keessaa fe'uun bu'aa dandalaa guddaa argateera kan jedhu World Animal Protection, akkaataan bineesnoti kunneen ittiin qabaman suukanneessaa ta'uusaan alatti karaa bineensota kunneenii weerarri vaayirasii tatamsa'uu danda'a jedheera.

Akka qorannoo kanaatti yeroo baayyee bineensonni daandii qilleensaa Itoophiyaan fe'aman keessaa kanneen akka lootuu, qocaa, bofaa fi giinxiin isaan adda durummaan eeramaniidha.

Bineensa sanyii qamalee of-keessaa qabdu

Madda suuraa, World Animal Protection

Ibsa waa'ee suuraa, Bineensa sanyii qamalee of-keessaa qabdu

Bineesnota fe'aman hedduunsaanii kan sanyiinsaanii baduurra ga'e, odeeffannoon waa'eesaanii baay'inaan kan walitti hin qabamnee fi kan lakkoofsi isaanii akkaan hir'achaa jiraniidha.

Jappaan, Kooriyaa Kibbaa, Taayilaand, Hoong Koong, Oomaan, Maaleeshiyaa, Jarman, Italii, UK'n biyyoota daandiin qilleensa itoophiyaa bineensota kunneen itti fe'e keessaatti argamu.

Daandiin qilleensaa kun bineensota kunneen mana keessaaf, bashannanaaf, dawaa aadaa irraa oomishuu fi faashiniif dhimma itti ba'uuf kan barbaadaman daldalaaf iti fayyadamuurraa akka of-qusatu World Animal Protection gaafateera.

Akkaataan daandiin qilleensaa Itoophiyaa bineensota itti daddabarsaa jiru, seera daddabarsa bineesnota lubbuun jiranii kan Jaarmiyaa Geejiba Qilleensaa Idil-addunyaa(IATA) jalatti tumamee jiru kan cabse ta'uunsaa na yaaddessa jedhe dhaabbati kun qorannoosaa keessatti.

Deebii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gabaasa kanarratti ibsa baaseen, bineensa bosonaa kamiyyuu wayita bakka bakkatti sochoosu seera idialaddunya eeguudhaa akka ta'e eere.

Kanaafuu seeraan ala bineensota geejjibsiise jechuun himata irratti dhiyaate kuffiseera.

Daandiin qilleensichaa bineensota kunneen fe'uusaan dura kan erguu fi kan fudhatu eeyyama qabaachuusaanii akkasumas ulaagaa fayyaa barbaachisu guutuu isaanii akka mirkaneessu ibse.

Kana malees bineensota sanyiisaanii lafarraa baduu ga'e of-eeggannoo bakka kunuunsa ga'aa argachuu danda'nitti ni fe'a, haala kanaan bineensonni akka kunuunsa ga'aa argatan hojjetaan jira jedheera daandiin qilleensaa Itoophiyaa.

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

Daandiiwwaan qilleensaa saffisaan guddataa jiran keessaa tokko Daandii Qilleensaa Itoophiyaati.

Weerara koronaavaayiraisi hordofee daandiiwwan qilleensaa hedduun wayita kassaran, daandii qilleensaa Itoophiyaa garuu bu'a qabeessa ta'ee itti fufuun isaa baayyee dubbatamaa ture.

Dhiheenya kanas lakkoofsa imaltoota daandii qilleensaa kanaan imalaniin daandiiwwan qilleensaa addunyaarra jiran 200 keessaa 20ffaa ta'uu Jaarmiyaan Daandii Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaa ibseera.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa sadarkaa kana kan aragate namoota miiliyoona 16 imalchiisuudhaani.

Daandiin qilleensaa kun ardiiwwan shan keessatti buufataawwan dhibbaan lakkaa'aman kan qubatu yoo ta'u, xiyyaarota 13 qaba.

Kanneen keessaa xiyyaaronni amaayyaa Airbus A350-900 kudha ja'aa fi Boeing B787-8 kudha sagala keessatti argamu.