Pirezidaantiin Tuniiziyaa yaalii fonqolcha mootummaan himataman

Deeggartoota pirezidaantii Tuniiziyaa, gamoo paarlaamaa cinaatti, Adoolessa 26, 2021

Madda suuraa, Reuters

Paartilee morkattootaa Tuniiziyaa isaan ijoo ta'an keessaa tokko, pirezidaantiin biyyattii MM aangoorraa kaasuu isaaniif yakka yaalii fonqolcha mootummaan himate.

Hiriira uummataa hookkaratti geeddarame booda Ministira Muummee biyyattii Hichem Mechichi aangoorraa kan kaasanii fi paarlaamaa kan diigan pirezidaanti Kais Saied, tarkaanfiin isaan fudhatan bu'uura heera mootummaa kan qabu ta'uu ibsan.

Pirezidaantichi Ministira Ittisaa fi Ministira Haqaas hojiirraa kaasaniiru.

Tarkaanfiin kun erga lammiileen biyyattii hanqina mootummaan koronaavaayirasii to'achuu fi diinagdee biyyattii dandamachiisuu irratti qabu irratti hiriira ba'anii booda fudhatame.

Hojiirraa kan kaafaman MM Hichem Mechichi `nama muudame kamittuu aangoo dabarsuuf qophii ta'uu himan.

Sababa isaaniin hookkarri babal'achuu akka hin feenes himan.

Qondaalli kun yaada kan kennan erga hawaasi idiladdunyaa hedduun gaaffii dhiyeessaniifii booda.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan pirezidaantii Tuniiziyaaf bilbiluun, ''marii siyaasaa qaama hunda hirmaachise eegalaa!,'' jedhaniin.

UN gamasaan waldhibdeen hunduu karaa marii nagaan furamuu qaba jedhe. Gamtaan Awurooppaa ammoo gareen walitti bu'an lamaanuu seera biyyaa akka kabajanii fi hookkara akka dhaaban gaafateera.

Raashiyaa, Liigii Arabaa fi Qaatar irraas dhaamsi walfakkaataan ergameeraaf.

Namoota magaalaa Tuunis keessatti hiriira ba'an, Adoolessa 25, 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni MM aangoorraa kaafamuutti gammachuu ibsatan

Walitti bu'iinsi deeggartootaa fi mormitoota pirezidaant Saied gidduutti Dilbata darbe eegalame Wiixata kaleessaas magaalaa guddoo biyyattii Tuunis keessatti itti fufee oole.

Hiriirri mormii kun gara hookkaraatti kan geeddarame yoo ta'u, kanneen hiriira ba'an waajjira muummicha paartii MM aangoorraa kaafamanii abiddaan barbadeessaniiru.

Sababa hookkaraa kanaan miidiyaa Aljaziiraa magaalaa Tuunis keessatti argamurras balaan qaqqabeera.

Qaamoleen nageenyaa biyyattii Aljaziiraan meeshaasaa qabatee hatattamaan akka magaalattii gadi dhiisu kan dirqamsiisanii fi mooraa istuudiyoon isaa keessatti argamus marsanii jiraachuu ibse miidiyichi.