Ministirri Muummee Tuniiziyaa mormii uummataan aangoorraa kaafaman

Madda suuraa, Reuters
Tuniiziyaa keessatti hiriirri uummataa gara jeequmsaatti wayita jijjiiramu pirezidaantiin biyyattii ministira muummee aangoorraa kaasuun, paarlaamaanis yeroof hojiisaa akka dhaabu murteessan.
Lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaa'aman mootummaan Covid-19 to'achuu dadhabuusaatti mufachuun Dilbata kaleessaa daandiitti ba'uun wayita mormii dhageessisan poolisii waliin walitti bu'an.
Pirezidaantiin biyyattii Kais Saied dhimma ministira muummee biyyattii ofiisaaniif akka ilaalanii fi jeequmsa biyyattii yaaddesse tasgabbeessuun nagaa buusuuf akka hojjetan himan.
Mormitoonni garuu sochii uummataa fi tarkaanfii pirezidaantichi fudhatan kanaan yaalii fonqolcha mootummaati jedhan.
"Hanga tasgabbiin hawaasaa uumamutti, akkasumas biyya keenya baraaruuf jenneetu tarkaanfii kana fudhanne,'' jedhan Pirezidaant Saied.
Pirezidaantichi erga marii addaa qaamolee nageenyaa waliin taa'anii booda karaa TV biyyattii kana dubbatan.
Dilbata guyyaa hanga tokko tasgabbiin uumamus galgala keessa garuu wayita ministirri muummee Hichem Mechichi aangoorraa kaafamu, lammiileen hiriiraaf ba'an gammachuusaanii ibsachuu eegalan, wayita kana hiriirichi akkaan babal'ate.
Pirezidaant Saied mataansaanii magaalaa guddoo biyyattii Tuunis keessatti hiriirtotatti makaman.
Lammiileen biyyattii kumaatamaan hiriira ba'an paartii biyyattii bulchaa jiru mormuun akka aangoo gadi dhiisu gaafatan, paarlaamaanis akka diigamu gaafatan.

Madda suuraa, Getty Images
Hiriirri uummataa gara hookkaraatti jijjiiramuun oggaa poolisii waliin walitti bu'an, poolisiin aara nama imimmaanessu hiriirtotatti gadi dhiise, hedduusaanii walitti guuruun hidhe.
Lammiileen hiriira ba'an kunneen waajjira paartii biyya bulchaa jiruu Ennahdha seenuun, kompiyuutara caccabsanii abiddaan guban, waajjira muummee paartichaa Touzeur keessa jirus abiddaan barbadeessan.
Paartichi gamasaatiin namoota haleellaa irraan ga'aniin garee yakkamtootaa kanneen biyyattii hookkaraa fi badiinsa keessa galchuuf kaayyeffataniidha jedhe.
Tuniiziyaa keessatti warraaqsi uummataa waggaa kudhan dura eegale daangaa biyyattii ce'uun biyyoota Arabaa kaan walga'ee, Warraaqsa Biyyoota Arabaa kaasisee ture.
Biyyoonni kunneen gatii hin taane kaffalanis warraaqsichi dimokraasiif daandii saaqeera.
Warraaqsi kun carraa hojii fi carraawwan kaan akka eeganiin fiduu dhabuun garuu ammallee uummata keessatti darbee darbee mufii kaasuun hin hafne.
Tuniiziyaan waggoota kurna tokkoo oliif kufaatii diinagdeen wal'aansoo qabaa kan jirtuu fi Afriikaa keessaa biyya koronaavaayirasiin daran hubamaa jirtuudha.
Mormiin tibbana ka'e kunis rakkoo diinagdee fi hammaachuu koronaavaayirasii irraa kan ka'eedha.
Mufii uummataa booda Ministirri Muummee biyyattii Hichem Mechichi torbee darbe ministira fayyaa biyyattii aangoorraa kaasanii turan, tarkaanfiin kun garuu mufii uummataa gadi qabuu hin dandeenye.














