BBC Africa Eye: Malaammaltummaan lola Maaliin jihaadistota wajjin gootu danqeeraa?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Africa Eye: Malaammaltummaan lola Maaliin jihaadistota wajjin gootu danqeeraa?

Erga Amajjii 2021 as biyyi Lixa Afrikaa Maaliin, gara kaabaan hidhattoota Islaamummaa leellisaniin rakkoo hamaa keessa jirti.

Haa tahu malee loltoonni dirree waraanaa gubbaa hidhattoota kana falmatan komii hedduu dhiyeessu. Ajajoonni waraanaa malaammaltummaa keessa jiru, akkasumas meeshaa gahaa maleefi kanfaltii quubsaa hin taaneen waraanatti nu ergu jedhu.

Muraasni loltoota kanaa hidhattoota kaneennitti makamuufillee fedhii qabu.

Dubartoonni abbaan warraasaanii waraana keessa du'anis, biyyi abbaan warraasaanii lubbuu itti dhaban isaan dagachuu himu.

Gareen BBC Africa Eye ajjeechaa, dararaafi malaammaltummaa qorateera. 'Hokkorri kun dhiyeenyatti fala argataa laata?' jechuunis gaafata.