WhatsApp namoonni bilbila malee ergaa akka dabarsan dandeessisuuf

WhatsApp

Madda suuraa, Reuters

WhatsApp maamiltoonni yeroo jalqabaatiif mala bilbilsaanii malee ergaa akka wal jijjiruu dandeessisu hojiirra oolchuuf yaali jalqabe.

WhatsApp wayita ammaa kanatti appiin isaa bilbila fayyadamtootaatti kan hidhameedha. Akkasumas appiiwwan marsariitiifi deskitoppis ergaawwan fudhachuuf intarneetii qabaachu qabu.

Haata'u malee mala haaraadhaan fayyadamtoonni erga bilbillisaanii ''baatirii fixateelleen ergaa akka erganiifi fudhatan gochuu ni dandeessisa.''

Meeshaaleen akka kompitaraa fi taabileetii hanga afur ta'an kan biraalleen yeroo tokkichatti waliin faayidaarra oolu ni danda'u jedheera WhatsApp.

Tajaajjiilli kunis osoo faayidaarra hinoolfamiin dura yaaliidhaaf haalli itti hojjatu gareewwan muraasaaf ni gadi dhiifama jedheera.

Adeemsa keessa ammoo fiixaan bahiinsa isaa fooyyessuufi sirreeffamoota itti dabaluuf karoorfameera.

Fayyadamtoota biiliyoona lamaa olii kan qabu WhatsApp ergaawwan 'nama ergurraa hanga isa fudhatuutti' iccitummaansaa kan eegameedha (End-to-end encryption).

Kana jechuun isaa appichii caalaa barbaadamaa kan taasise yoo ta'u ammas hojimaata haaraa kanaanis adeemsi kun kan eegameedha jedheera.

Dorgommaa isaa Signal dabalatee appiiwwan ergaan itti dabarfamu hedduun durumaanu amala akkasiin ni qabu.

Filmaanni kunis kan fayyadamtoonni WhatsApp biliyoonotaan lakkaa'aman yeroo dheeraaf gaafataa turaniidha.

Abbummaansaa Feesbuukii kan ta'e WhatsApp'n fooyya'insa amma taasifamuun dizaayina softiweer WhatsApp irra deebiin fooyyeessuu kan gaafatuudha.

Haata'u malee kaampaanii farra-vaayirasii kompitaraa 'Eset' keessatti ogeessa nageenyaa kan ta'e Jaak Muur akka jedhaniitti, appiin tokkoo hanga fedhe nagenyummaansaa cimaa ta'ulleen ergaawwan meeshaalee baay'ee irratti dabarsuun ammalleen yaaddeessaa ta'u danda'a jedhan.

''Namoonni miidhaa mana keessaa raawwatanii fi basaastoonni quunnamtii dhunfaa isaanii argachuuf qabxiilee dabalataa uumuun mala haaraa kana faayidaa mataasaanii irra oolchuuf carraan jirachuu dand'a,'' jechuun dubbatan.

''Kanaafuu waa'ee meeshaalee eenyummeessa isaaniitti hidhaman hunda sirriitti baruun barbaachisaa ta'a,'' jechuun akeekkachiisaniiru.