Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhammaduu Buhaarii hookkara dhaabsisuu dadhabuusaanii amanan

Madda suuraa, State House
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhammaduu Buhaarii rakkoo nageenyaa biyyattii raasaa jiruuf furmaata waaraa fiduu dadhabuusaanii ifatti amanan.
Pirezidaant Buhaariin wayita bara 2015 aangoo qabatan, rakkoo nageenyaa fi hookkara biyyattii keessatti lafa qabatee turetti xumura gochuuf waadaa seenanii turan.
Ibsa karaa TV biyyattii kennaniin, kaaba biyyattiitti waraanni hidhattoota waliin gaggeeffamaa jiru inumaa hookkara babal'isuu malee bu'aa buuse hin qabu jedhan.
Bara 2009 garee Islaamaa ofiin jechuun of gurmeessee kan as ba'e gareen Bokoo Haraam, ji'oota darban keessa haleella ciccimaa gaggeessaa jira, mootummaan balleessuuf irratti dhaadatus gareen kun garuu haleellaa waraanni biyyattii dura dhaabbachuuf itti cimu raawwachaa jira.
Pirezidaant Buhaariin bara 2015 akkuma filatamanii aangoo qabataniin, gareen kun mo'atameera jechuun ibsanii turan.
Haata'u malee baruma sanarraa eegalee gareen kun haleellaa gurguddaa gaggeessuun kutaa Kaaba baha biyyattii keessatti buufataalee waraanaa fi magaalota hedduu to'ateera.
Hidhattoonni Bokoo Haraam meeshaa waraanaa, nyaataa fi meeshaalee wal'aansa fayyaa hedduu saamaa turan.
Guyyaa Dimokiraasii kaleessa kabajamerratti kan dubbatan Pirezidaant Buhaariin, haalli hammaataan waggoota lamaan darban keessa biyya keenya keessa ture, kan saboota keenya barbadeessuu danda'u ture jedhan.
Kaaba lixaa fi giddu galeessa biyyattiitti, hidhattoonni rakkoo nageenyaa hammaataa biyyattiin keessa jirtu akka carraattti fayyadamuun, nama ukkaamsuu fi haleeluurratti bobba'uu dubbatan pirezidaantichi.

Madda suuraa, AFP
Pirezidaant Buhaariin ammas taanaan mootummaansaanii nageenya lammiilee mirkaneessuuf waan irraa eegamu hundaa akka hojjetu dubbatan.
Pirezidaant Buhaariin wayita lammiileen biyyattii rakkoo nageenyaan walqabatee hiriira gaggeessaa jiranitti haasaa kana taasisan.
Qaamoleen nageenyaa biyyattii namoota hiriira ba'an haleeluun bittimsuun gabaafameera.
Kunimmoo mootummaan qaama isa qeequ hacuucuun dadhabsiisuu isaa agarsiisa jechuun namoonni ibsanis jiru.
Qindeessitoonni hiriirichaa gameeyyiin dararamaa fi hidhamaa jiraachuunis himameera.














