Zimbaabuwee reeffi Roobarti Mugaabee irra deebiin awwaaluuf

Mugaabeen baadiyyaa itti dhalatanitti akka awwaalamaniif gaafatnii ture

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mugaabeen baadiyyaa itti dhalatanitti akka awwaalamaniif gaafatnii ture

Hoogganaan jaarmiyaa aadaa Zimbaabwee reeffi pirezidantii duraanii biyyattii Roobarti Mugaabee bakka itti awwaalamee baafamee irra deebiin bakka awwaalcha biyyaalessaa keessatti akka awwaalamuuf ajaja dabarsan.

Mugaabeen bara 2019 keessa kan du’an yoo ta’u, bakka awwaalchaa biyyaalessaa magaala guddoo biyyattii Hararee keessatti gootonni biyyaalessaa itti awwaalamanitti osoo hintaane, baadiyyaa dhaloota isaanii Kutaamaa jedhamtutti akka awwaalamaniif fedhii qabanirraa ka’uun achitti awwaalamanii ture.

Kan isaanitti aanuun angoo qabatan Eemarsan Minaangaagiwaan kan yaadanirraa faallaa isaatti jechuudha.

Akka maatiin Mugaabee jedhanitti, yoo reeffi isaanii bakka awwaalcha biyyaalessaatti awwaalame diinni siyaasaa isaanii 2017 keessa angoo irraa fudhatan, reefficha boollaa baasuun sirna aadaaf itti fayyadamuu malu jechuun sodaachaa akka turan himaniiru.

Wiixata kaleessaas, hoogganaan aadaa ganda Ziiimbaa Lixa Hararee jirtu keessa jiran, miseensa gosa Mugaabeerraa waa’ee bakka awwaalcha isaanii ilaalchisuun komii akka dhag’an beeksisaniiru.

Giifti dureen duraanii Girees Mugaabeen reeffi nama kanaa boroo mana isaaniitti akka awwaalamu gochuun seera dabsiteetti jechuun muraniiru.

Aadde Mugaabeen dhaddacha kanarratti hin argamne, garuu hoogganaan kun saawwan shaniifi re’ee tokko akka kaffaltuuf murtee dabarsaniiru.

"Hoogganaan kun Kutaamaa irratti angoo hin qabani. Osuma hoogganaan sirriin murtee akkasii dabarseellee mana murtiitti ol iyyanna ture,’’ jedheera dubbi himaan maatii Mugaabee, Lewoo Mugaabee Rooyitarsitti wayita dubbatu.