Mootummaan Chaad garee finciltootaa injifadhe jedhe

Madda suuraa, AFP
Mootummaan waraanaa Chaad duula torbanootaaf tureen booda finciltoota Kaaba biyyattiitti ka'an irratti injifannoo gonfachuu isaa beeksiseera.
Finciltoo mootummaan injiadhe jedhu kun ammoo waraanni hin dhaabbanne jechaa jiru.
Pirezedaantiin Chaad Idiriis Deebii ji'a darbe keessa lola irra osoo jiranii finciltoota irraa itti dhukaafamee booda lubbuun isaanii darbuu hordofee biyyattii goolama hamaa keessa galtee turte.
Pirezeaantichi du'uu hordofee ilmi isaa mootummaa loltuu kana gaggeessuu kan jalqabe yoo ta'u, biyoonni baayyeen, namoonni siyaasaa mormituu ta'aniifi hawaasni sivilii mormii isaanii dhageessisaa turan.
Lammileen biyyattiis addabaabaayiitti ba'uudhaan mootummaan ce'umsaa akka hundeeffamuuf gaafataniiru.
Mootummaan garee finciltootaa kana irratti injifannoo gonfadheera jechuu isaa hordofee Dilbata kaleessaa lammileen magaalaa guoo biyyattiitti ba'anii gammachuu isaanii ibsachaa oolan.
Namoonni tokko tokkos loltoota dirqama isaanii ba'achaa turanii deebiyan karaa irratti simachuuhaan gammachaafi dinqisiifannoo isaaniif qaban ibsachaas turan.
Sababa injifannoo kanaan mootummaan lotuun kun fuhatama inni uummata biyyattii biratti qabu ni dabalaaf jedhamee eegama.
Kaampii loltootaa tokko keessatti ammoo finciltoota loltoota mootummaatiin booji'amanidha kan jehaman akka gaazexeessitoonni daawwatan taasifameera.
Chaad biyyoota Lixa Afrikaa loltoota leenjii loltummaa gurguddaa fuhataniifi meeshaa ammayyaa hidhatan qaban keessaa ishee tokkodha. Warra mootummaa Islaamaa hundeessuu leellisan waraanuudhaaf ammoo biyyoonni G5 jehaman deegarsa loltummaa taasisuuf.
Gareen finciltootaa kun pirezedaantiin duraanii Idiriis Duubee aangoorra waggoota 30f turuu isaanii mormuun ture ji'a darbe keessaa Liibiyaa irraa daangaa Chaad qaxxaamuranii kan galan.
Yeroo ammaa kana gareen finciltootaa kun sadarkaa mootummaatiif yaaddoorra ta'uufi hiisuurra yaa ta'an wanti beekamu hin jiru. Haata'u malee, Roohitars inciltoonni kun ammallee waraanni kun hin dhumanne jechuu isaanii gabaaseera.
Torban dhiyoo keessaa mootummaa loltummaa kun bu'ee mootummaan sivilii akka hundeeffamuuf hiriira ba'uun yeroo gaafatanitti humnoota nageenyaa waliin walitti bu'anii turan.













