Qote-bulaan Beeljiyeem daangaa Firaans meetira 2 ta'u dhiibuun rifaatii uume

Tiraakteera Beeljiyeem

Madda suuraa, Getty Images

Biyya Beeljiyeemitti qonnaan bulaan tokko tasa daangaa biyyi isaa Firaans waliin qabdu xiqqoo dhiibuun namoota ajaa'ibsiiseera.

Namni seenaa jaallatu bosona keessa deemaa ture tokko dhakaan daangaa Beeljiyeemiifi Firaans adda baasuuf kaa'amte tokko meetira 2.29 siqxee arge.

Qote-bulaan Beeljiyeem kun dhakaa fuuldura tiraakteera qotisaa isa duratti mul'atte kantti aaruun, ishee fuudhee gara daangaa Firaans keessatti bute.

Gochaan qote-bulaa kun dheekkamsa sadarkaa idil-addunyaatti kaasisuu caalaa, namoota daangaa lamaaniin jiraniin itti qoofamuun kolfaan bira darbameera.

"Namni kun Beljiyeemiin guddisee, Firaansiin ammoo xiqqoo taasise, kun yaada sirrii miti," jedhe kantiibaan magaalaa Beeljiyeem Erquelinnes jedhamtuu Daaviid Lavaa'uks Fireench TV Chaanaal FT1 waliin yeroo dubbatan.

Gochi akkasii kun abbootii qabeenyaa lafaa dhuunfaa qofaa osoo hin taane kutaawwan bulchiinsaa ollaa walii jiraniif bowwuu mataadha.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

1px transparent line

Daangaan Firaansiifi Beeljiyeem gidduu jiru km620 kan dheeratu yoo ta'u, waliigaltee Kortrijk jalatti bara 1820 kan tolfamedha. Kun ammoo Waaterluutti mo'amuu Naappooliyootiin waggoota shaniin boodadha.

Daangaan biyyoota lamaanii kun dhakaa daangaa sanarra kaa'amanii hanga har'aa achuma jiraniin adda baafaman.

"Magaalaan kiyya waan bal'ateef ani gammadeen ture," jedhe kantiibaan Beeljiyeem kun kokkolfaa. "Haata'u malee, kantiibaan magaalaa Bousignies-sur-Roc garuu kanaan waliin hin galu."

"Waraana daangaa haaraa hambisuu qabna," jedhe miira ajaa'ibaatiin kantiibaan magaalaa Firench Aurélie Welonek jedhamtu kan daangaa Beeljiyeemirra jirtuu.

Aanga'oonni Beeljiyeem naannawaa sanaa qote-bulaa sana dubbisuun akka dhakaa sana bakka kaasetti deebisu gaafataniiru. Kun ta'uu baannaan, dhimmichi gara ministeera dhimma alaa Beeljiyeem qaqqabuun Komishinii Daangaa Firaankoo-Beeljiyeem kan bara 1930 irraa kaasee riphaa jiru waamsisuu danda'a.