Raawul Kaastiroo dursummaa Paartii Koministii Kuubaa gadhiisan

Raúl Castro at the Communist Party congress

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Raúl Castro oduu kana kan himan kongiresii paartii isaaniirratti

Hogganaa Paartii Kuministii Kuubaa kan turan Raawul Kaastiroon aangoo waggaa 60'f maatii isaanii keessa ture gadhiisuu isaanii beeksisani.

Namni ganna 89 Kaastiroon yaa'ii paartii isaaniirratti ture angoo isaanii dhaloota haaraa "fedhii guddaa qabuufi farra impeeriyaaliizimii,'' ta'ettin dabarsa jedhani.

Namni isaaniin bakka bu'u dhuma yaa'ii guyyoota 4'f turu irratti kan filatamu ta'a.

Murteen isaanii kunis hoggansa obboleessa isaanii waliin ta'uun warraaqsa bara 1959 irraa kaasee kennaa turan kan xumuru ta'a.

''Ciminaafi fakkeenyummaa jaalleewwan kiyyatti hedduun amana,'' jedhanii bakka bu'oota paartichaa gaafa Jimaataa Haavaanaa dhufanitti himani.

Abba Kaastiroon, eenyu isaaniin akka bakka bu'u himuu baatanillee, 2018'tti pirezidantummaa biyya odolaa kanaa kan fudhatan Miiguweel Diyaaz-Kaaneelitti akka darbu amanama.

line

Xumura hoggansaa yeroo dheeraaf ture

Murteen sooroma ba'uuf dabarsan kun, Kuubaan ganna 60 keessatti yeroo jalqabaaf maatiin Kaastiroo hoggansa siyaasaa kennuu dhaaba jechuudha.

Raawul 2011 irraa kaasee obboleessa isaanii Fiidal Kaastiroo bakka bu'uun barreessaa olaanaa paartichaa ta'uun tajaajilaa turani.

Fidel Castro and his brother Raul attend a May Day parade December 2, 1996 in Havana, Cuba. (Photo by Sven Creutzmann/Mambo Photography/Getty Images)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fidel fi Raúl Castro walitti aansuun Kuubaa barkurnee jahaaf bulchaniiru

Wayita Fiidal bara 1959 warraaqsa mootummaa Kuubaa yeroo sanaa fonqolche dursaa turanitti, Raawul komaandaroota isaanii keessaa tokko turani.

Fiidal Kaastiroon 2006'tti dhukkubsatanii hanga angoo gadhiisanitti biyyatti kan dursan yoo ta'u, 2008'tti obboleessa isaaniif pirezidantummaa dabarsanii kennan. 2016'tti lubbuun darbe.

Kuubaa bulchiinsa Raawul jalatti

Akka dursaatti, Raawul olaantummaa paartiin isaanii qabu cimsuun tursaniiru.

2014-2016'tti walitti dhufeenya US waliin qaban fooyyessuuf adeemsa taasifame dursaniiru - haasawa seena qabeessa Obaamaa waliin 2016'tti taasisan dabalatee.

Raul Castro (left) with then-US President Barack Obama in 2016

Madda suuraa, EPA

Doonaald Tiraamp angootti yoo dhufan garuu hariiroon isaanii badee, qoqqobbiinis deebi'ee irra kaa'ame.

Joo Baayidan qoqqobbiiwwan muraasa irraa salphisuuf waadaa kan seenan yoo ta'u, Waayit Haawus garuu ibsa Jimaata baaseen, dhimma Kuubaa Baayidan dursa kan itti laatan miti jedheera.

Jimaata kaleessaa yaa'ii taa'amerrattis Kaastiroon US waliin haasawa kabaja walii eegu taasisuuf fedhii qabna yoo jedhan, imaammata haajaa alaa ilaalchisuun qabnu irratti garuu Ameerikaarraa gaaffii dhiyaatu hin fudhannu jedhaniiru.

Itti aansee maaltu ta'a?

Jijjiiramni kun dhufaa kan jiru hoggansi Kuubaa waggoota kurnan darbanii asitti rakkoo dinagdee isaan mudate wayita falmachaa jiranitti dha.

Weerarri Covid-19, jijjiiramoonni faayinaansii akkasumas qoqqobbiin Tiraampiin irra kaa'ame, dinagdee kan miidhe yoo ta'u, bara darbe %11 akka gadi bu'u taasiseera.

President Miguel Díaz-Canel (left) and Raúl Castro

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Preezidant Miguel Díaz-Canel (bitaa) Kaastirootti aansuun biyyattii bulchu jedhamee amanama

Jijjiirraan nootii Amajjii 1 irraa kaasee taasifame dhaabbilee kan fayyade yoo ta'u, bajata lammiilee biroo irratti garuu dhiibbaa guddaa fide.

Hedduun namootaas jijjiiramni dinagdee waaraa ta'e akka dhufuuf gaafataa jiru.