Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'ima lola Tigraayiin miilashee lamaan dhabdee fi yaaddoo abbaashee
Magaalaan Shiree guyyuu namoota bakka biraatii buqqa'an kessummeessaa oolti.
Kanneen keessaa magaalaa km 50rraa fagaattee argamtu Aksumirraa kan dhufte daa'imni umurii jahaa Betalihem Tasfaayee ishee tokko.
Lola waraanaa kanaan haadhasheefi miilashee lama dhabdeetti.
Abbaanshee Tasfaay Mawucaa qabeenyaa qabus yaalii fayyaasheerratti obbaaseera.
Ammammoo Betaliheemif luka nam-tolchee hojjechisuufi wiilcheerii bituuf maallaqa eessaan fida jechuun haalaan yaadda'eera.