Pirezedaantiin Nijeer Mohaammaduu Issuufuu maal hojjatanii badhaasa doolara mil. 5 mo'atan?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Pirezedaantiin Nijeer Mohaammaduu Issuufuu Badhaasa Hoggaansa Afrikaa bara 2020 doolara Ameerikaa miliyoona shan mo'achuun isaa aangoo isaa kabajaan gadhiisuu wajjin walqabata.
Mohaammaduu Issuufuu marsaa lamaaf pirezedantummaan biyyattii erga tajaajilanii booda aangoo gadhiisuuf murteessuun isaanii, Nijeer kolonii Firaansi jalaa ganna 60 dura erga bilisummaa gonfattee asitti yeroo jalqabaaf aangoon hogganaa haaraa filatameetti karaa dimokiratawaan akka dabarfamu gargaareera.
Sababii kana qofaa badhaasichi hin kennamneef. Koreen Badhaasichaa hoggansa Issuufuu dinagdee biyyattiirratti qabufillee galateeffateera.
Koreen Badhaasaa, ‘’Issuufuun guddina dinagdee biyyattii fooyyeessee, nageenya naannoofi heera biyyattii eegurratti kutannoo mul’iseera, akkasumas dimokiraasiin Afrikaatti akka dagaagu jajjabeessera,’’ jedheen.
Sababa namni sirriitti mo'achuu danda'u dhibeef badhaasichi waggootaaf osoo hin kennamiin kan ture yoo ta'u, kan Issuufuus akka mirkanaa'eetti fudhachuun hin barbaachisu.
Ta'us garuu maanguddoon ganna 68 otoo aangoorra turuu barbaada ta’eetii akka pirezedantoota biyyoota Lixa Afrikaa heera biyyaa jijjiru ture, garuu kana hin goone.
Issuufuun ejjennoo inni fudhate kana gochuu akka isaaf hin eeyyamne filannoo biyyattii ji’a tokko dursee BBCtti himanii ture.
"Heera nan kabaja, waadaan uummata Nijeer marroo lamaaf akkan biyyattii hogganu carraa naaf laate nan kabaja.
Murtoo kun mul’atan egereen dimokiraasii Nijeer akkam ta’uu akka qaburratti yaaduun walsima,’’jedhe.
Gaabbiin Issuufuu maali?
Nijeer biyya addunyaa hunda caalaa hiyyummaan itti roorrise, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii biyyattii guddinaan sadarkaa 189 irra kaa’eera.
Nijeer biyya gogiinsi, riphee loltummaafi hiyyummaan itti hammaatedha.
Tibbana wal waraansa lama; jihaadistoota biyyoota ollaa Burkinaa Faasoo, Maalii fi Naayijeeriyaatti tamsa’etti hirmaachuun walqabatee namoota kuma dhibbatti lakka’amanitu qe’eef qabeenyasaaniirra buqqa’e.
Hidhattoonni gartuun al-Qaayidaatti Islaamik Isteetiifi Bookoo Haraamitti hidhata qaban hundisaanii Niijeer keessas jiru.
Taa’tullee biyyoota ollaa wajjin wal bira wayita madaalamtu haleellaa muraasatu biyyattii keessatti qaqqabe.
Issuufuu ganna kudhaniif Nijeer bulchuun ji’a itti aanu wayita aangoo dabarsuuf qophiirra jiru kanatti garuu, Islaamik Isteet biyyattiif yaaddoo nageenyaa uumuun gaabbii isaa ijoodha.
‘’Gaabbiin ani qabu, ammayyuu otoo hin jaallatiin haleellaa shororkeessummaan miidhamaa jiraachuu keenya.
Taatullee mandheen shororkeessitoota Nijeer keessa hin jiraanne cimsee kaasuun fedha,‘’ jedhe.
Shororkeessitoonni haleellaa qaqqabsiisan biyyoota ollaarra dhufu jedhu Issuufuu.
Dhimma shorkorkeessummaa ittisuurratti hojii ajaa’ibsifatamuu qabu hojjachuullee dubbataniiru.
Kana malees, Issuufuu Nijeeritti jijjirama fiduuf yaalaniiru- magaalaa guddoo biyyattii Niyaameyitti daandii haaraa, hoteelonniifi giddugalli walgahii ijaaramaniiru.
Qeeqtoonni garuu kutaaleen biyyattii kaan guddina mul’ateerraa fayyadamoo hin taane jedhanii qeequ.
Seenaa keessatti Nijeer balbala baqattoonni biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiraniirraan gara Kaabaa ce’an ta’uun beekamti.
Issuufuun godaansa ittisuurratti Gamtaa Awurooppaa wajjin hojjjachuuf walii galeera.
Nijeer albuuda Yuuraniyeemii biyya alaatti erguun galii kan argattu yoo ta’u, gatiin isaa raafamuun dinagdee biyyattis miidhaa ture.
Jijjirama gama bu’uuraalee misoomaa ijaaruun Issuufuun galmeessisan itti fufsiisuufi dhiisuun garuu, Guraandhala darbe filannoo biyyattii kan injifate Mohaammad Bazuum irratti kufeera.
Bazuum riphee loltoota karaa lamaan biyyattirratti jabaafi mormitoota filannicha injifachuuf nama seeran eeyyameef miti jedhaniirra hojii manee isaa eeggatutu jira.
Issuufuu, "nama ummata kallattiin sirriitti qabsiise," jedhamee yaadatamuu jira.
Gumaachi isarraa dhaalames badhaasa doolara miliyoona shaniirra kan caaluu jedhamee leellifamutti jira.
Kana dura eenyufa’aatu badhaasa Ibraahim injifate?
· Elen Johsan Sarliif, Laabeeriyaa (2017)
· Hifikepunye Pohambaa, Namibiyaa (2014)
· Pedroo Pires, Keep Verdee (2011)
· Festus Mogee, Botuswana (2008)
· Jowaakuyim Chisano, Mozaambik(2007)












