Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akkamitti akka barnooti Herregaa ammayaa mana kitaabaa Islaamaa keessaa bahe
Jaarraa baay’ee dura manni kitaabaa Islaamaa maqaa guddaa qabu sirna lakkoofsaa addunyaaf gumaache. Manni kitaabaa kun erga badee waggaa baayyee tahus warraaqsi yeroosii garuu Herreega addunyaa jijjiire.
Mana Ogummaa(Baayat al-Hikaah) akka ture amanuun ala jiraachuusaaf agarsiistuun hin jiru.
Jaarraa 13ffaa keessattidha kan barbadaa’e. Kanaaf, sirriitti eessa akka tureefi maal akka fakkaatu hin beeknu.
Haatahu malee, Wiirtuun Barnootaa kun Baagidaaditti yeroo Islaamummaan akkaan dagaageetti madda beekumsaa guddaa ture. Iddoo lakkoofsi zeeroo itti argameefi lakkoofsi Arabaa ammayyaa itti jalqabedha.
Jalqaba Kaaliifaa Haruun Al-Rashiid jedhamutu kitaabotasaa keessa kuusa ture.
Waggaa soddomaan booda garuu wiirtuu beekumsaa uummataa tahe. Saayintistoonni baayyees addunyaa mara irraa gara Baagdaad yaa’u ture.
Dheebuu beekumsaafi bilisummaan yaada ofii ibsachuu achi turetu isaan hawwata ture. Hayyooti Musliimotaa, Juhootaa fi Kiristiyaanotaa garas deemu ture.
Kuusaan ajaa’ibaa hamma mana-kitaabaa Biriitiish yeroo ammaa gahu boodarra wiirtuu qorannoo jireenya namaa, Herreega, Astiroonomii, Fayyaa, Keemistirii, Joogiraafii, Og-barruu, Aartii, akkasumas baroonata falfalaa fa’i tahe.
Mana kitaabaa kana baruuf yaada keenyaan fakkii kaasuudhaaf walsimsiisuu keenya barbaada, mana kitaabaa Hogwaarts isa akka fiilmii Haarii Pootar irratti ilaalle sanaa.
Waan tokko garuu waa’ee wiirtuu beekumsaa kanaa dhugaadha. Haaromsa aadaa barnoota Herreeggaa irratti Jijiiama fideera.
Manni Ogumaa kun Baagdaada Mongool Seeg keessatti bara 1258tti barbadaa’e. Barreeffamoonni baayyeen laga Taagirasitti gataman sababiinsaa bishaanichi qalama gurraacha haa qabaatuuf barbaadameeti jedhama
Haatahu malee. argamni Herreegaa booda Impaayara Islaamaa, Awurooppaafi akka addunyaatti fudhatamee barsiisaaf ooleera.
Gara fuulduraatti haa dachaanu
‘’Unuuf Wiirtuun Beekumsaa sun yoom akka hundaa’e miti yaaddoon keenyi,’’ jedha Yuunivarsiitii Sarreeyitti piroofeesra Fiiziksii kan tahe Jiim Al-Kahaaliil. ‘’Waanti ajaa’ibaa seenaa saayinsiifi sababiisaatiin hanga kanaa guddachuusaati,’’ jedhe
Waa’ee Wiirtuu Beekumsaa sana baruuf gara duubaatti yeroo waliin imaluun nu barbaachisa.
Hanga Xaaliyaaniitti Reneesaansiin jalqabu maqaan nama tokkoo Herreega waliin ka’a ture, Lii’oonaardoo Da Piisaa. Bara 1170tti dhalate, abbaan Herreegaa kun barnootasaa jalqabaa Buugiyaa Afrikaa Kaabaatti fudhate.
Namni kun erga du’ee booda Fiboonaachii jedhamuun waamama. Umriisaa 20 moota keessa, Baha Gidduugalaa imalee yaada qaroomaa Indiyaa fi Parshiyaatti argateen booji’amee ture. Achiis yeroo Xaaliyaanitti deebi’u kitaaba sirna lakkoofsa Arabaafi Hindii ibsu maxxanse.
Kitaabni Liibar Abaachiin jalqaba bara 1202tti mul’ate yeroos lakkoofsa Hinduu-Arabaa kana hayyoota muraasa, daldaltoota Awurooppaa qofatu beeka. Beektoonni yeroosii lakkoofsa Roomaa qofa fayyadamu ture. Inni ammoo baayyisuu fi hiruudhaaf dadhabsiisaa ture.
Kitaabni nama kanaa tooftaa qoyyabuu rakkoo qabatamaa bu’aa gurgurtaa, jijjiirraa maallaqaa, hanga waan tokkoo jijjiiruufi dhalaafi kaan irratti fayyadamuu agarsiise.
Fiboonaachiin kitaabsaa boqonnaa jalqabaa keessatti diijiitiiwwan ijoolleen amma barnoota jalqabaarratti fudhatan barreesse.
"Lakkoofsota tokkoo hanga sagaliifi mallattoo zeeroo ‘0’ zeerfii jedhamu beeksise. Sana booda akka tasaa Herreegni hundumaaf kan fayyadu tahee argame.
Fiboonaachiin tooftaa Herreega kanaa beekuusaa qofa miti kan beekaa isa taasisu. Isa Musliimonni waggootaaf baran, formulaa, deesimaalotaafi alajeebiraa isaanii fa’i hubachuusaati.
Liibar Abbaachii guutummaan guutuutti haala jechuun danda’amuun Algoorizimii Abbaa Herreegaa jaarraa 9ffaa Al-kihaawaariizimii fayyadamuun barreefame. Kunis gaaffii Herreegaa Kuwaadiraatiik jedhamu deebise.
Sababa argannoo isaatiin Al-kiwaariizimiin Abbaa Aljeebraa jedhama. Kunis jecha Arabaa al-jaabir jechuunis ‘’isa caccabe walitti deebisu’’ jechuudha. Bara 821tti Astiroonoomarii tahuun filatamee hogganaa mana kitaabaas ture.
Al-kihaawaariizmiin beekumsa sirna lakkoofsaa deessimaalii addunyaa Musliimaatti beeksise, jedha Al-kahaaliil. Namoonni kanneen akka Lii’ooraad da Piizaan faa akka tamsa’u gargaaran jedha.
Kanaaf. Herreega ammayyaaf kan galata fudhatu Al-kihaawizimii yoo tahu Fiiboonaachii waliin garuu garaagarummaan jaarraaa afurii jiraatus mana kitaabaa kanaan walitti hidhataniiru.
Bara Gidduugalaa keessa Abbaan Herreegaa tokko isa dura jirurraa baraati dhaabbata beekumsaa kana Bara Beekumsi Islaamaa itti dagaage taasisan..
Waa’een wiirtuu beekumsaa kuni hedduu ijaa hin beekamneef hayyoonni baayyee akka oduu duriitti dubbatu.
‘’Manni Beekumsaa kuni akka jedhamu badaa guddaa miti,’’ jedha Al-Kahaaliil.‘’ Haa tahumalee hayyuu Al-kahaawaarizimii waliin maqaan dhahamuun, Herreega, Astiroonomii, Joogiraafii gaafa jettu dhugumayyuu wiirtuun sun kan beekumsa guddaati si jechisisaa jedha.
Beektonniifi hiiktonni beekumsa kana uummataaf qaqqabsiisuuf dhama’u turan.
"Mana Beekumsaa kana keessatti yaadota Giriikii gara naannootti hiikaa turan. Kanaanis bu’uura beekumsaa Herreegaa taheera jedhan,’’Open Yunivarsiitii UK’tti qorataaa seenaa Herreegaa kan tahan Juun Baaroow Giriin.
Masaraan mana kitaabaa kuni foddaa kalaqa saayinsiifi lakkoofsaa ture.
Sirna deessimaalii, lakkoofsa 0 fi 1 sagantaa koompitaraa, lakkoofsa Roomaaniifi warra Mesooppotaamiyaan dura namoonni durii mallattoofi sararaan Herrega qoyyobu ture.
Kunis sirni lakkoofsa kan warra lixaan alatti akka jiruufi qoyyaba garaagaraa baruun faayidaa akka qabu agarsiisa.
Daldaltuun durii tokko ‘hoolaa lama’ jettee barreessuu yoo barbaadde supheerratti fakkii hoolota lamaa kaasti ture. Garuu 20 yoo barreessuu feete kuni baayyee rakkisaadha.
Barana waggaa 850 ffaa dhaloota hojii Fiboonaachiidha. Lakkoofsi Roomaaniis kufaa jiraachuu baruunis ni danda’ama.
UK keessatti sa’atiin mana barumsaa ijoollee illee lakkoofsa Roomaaniirraa lakkoofsa Hinduu-Arabaatti geeddarammeera. Biyyoota garaagaraa keessatti mallattoon daandii, galmee fi fiilmiiwwan irraa badaniiru.
Haa tahu malee sirni lakkoofsaa kan Roomaanii badaa dhufuunsaa dhimma herreegaa irratti marii fiduu danda’a.
‘’Gaaffiin seenaa eenyuu himu feenaa, aadaa kamtu iddoo argate, beekumsa gosa akkamiidha jiraachisuu barbaanna kan jedhu kolonii lixaan dhibbaan akka irra gahe ni argina,’’ jetti Wiirtuu Herregaa Kaambiriijitti gulaaltuu kan taate Luusii Raaykoof-Ismiiz.
Luusiin barnoota herreegaaf kan famitu yoo tahu garaagarummaa lakkoofsaa fi herreegaas ni qo’atti. Ameerikaan ijoolleen akka lakkoofsa Roomaan baratan hin dirqisiistu UK keessatti garuu ijoolleen lakkoofsa Roomaanii hanga 100’tti dubbisuu qabu.
Lakkoofsi Lee’oonaard da Piizaa sirna lakkoofsaa 1’n jalqabee lakkoofsa isa isa dura jiru ida’uun argamu addunyaa waliingahe, qaama beekumsaafi jireenyaa hunda keessa gale.
Haaahu malee, shoorrisaa kuni manneetii barnootaa keessatti hin himamu. Seenaan isaa masaraa mana kitaabaa waggaa 1000 har’aa jalqabe. Yeroos warri lixaa dukkana beekumsaa keessa turan.
Seenaan kuni Herreegni kan Awurooppaa akka tahe himamu sanarraa addunyaa Isalaamaa milkaa’inaan Herreega addunyaaf kenne nutti hima.
Barbaachi lakkoofsaa ammallee akka itti fufu barbaachisummaasaas akkasuma nutti agarsiisa.