UK’n jiraattota 300,000 Hoong Koong’f viizaa addaa kennuufi jette

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni 300,000 viizaa haaraa UK’n kennitu fayydamuun Dilbatarraa qabee Hoong Koong gadhiisanii Biriiteen galuufi.
Jiraattonni Hoong Koong paaspoortii Biriitiish qabaniifi aanteewwan isaanii bilbila isaanii fayyadamuun viizaadhaaf iyyachuu danda’u.
Hanga yoonaa namoonni 7000 UK keessa akka jiraataniif eeyyama argataniiru jedha Waajjirri Haajaa Biyya Keessaa.
Ministeerri Haajaa Alaa Chaayinaa Amajjii 31 irraa kaasee paaspoortiin Biriitiish jiraattoota Hoong Koong akka ragaa imalaatti beekamtii hin qabaatu jedheera.
Akka waraqaa eenyummaattis hin tajaajilu jette Chaayinaan, ‘tarkaanfii biraa fudhachuurra garuu of qusatteetti,’’
Viizaan addaa kun akka kennamu Adoolessa keessa yeroo Chaayinaan seera eegumsaa haaraa Hoong Koong irratti keesse bahe.
Beejing kana dura UK'n dbbii keessooshee gidduu akka hin galle akeekkachiiftee turte.
Ministirri Mummee Booriis Joonsan tarkaanfiin kuni ‘’seenaa michoomaa guddaa kolonii Biriitiish duraaniif kabaja kenne dha’’ jedhan.
Warreen iyyatanii viizaa argatan eeyyama jiraataa waggaa shan booda argachuu kan danda’an yoo tahu waggaa 12 booda immoo lammii tahuu ni danda’u.
Lammiileen miiliyoona 2.9 UK galuuf ulaagaa kan guutan yoo tahu miiliyyoonni 2.3 hirkattoota maatii dha, mootummaan UK waggoota shan dhufan keessatti namoota 300,000 fudhachuuf karoorfateera.
Namoonni 7000 kana dura UK gahan sagantaan qubachiisaa kuni otooma hin jalqabiin akka jiraatan isaaniif eeyyamameera.
MM Joonsan: ‘’Lammiilee Biriitiish Hoong Koong jiran biyya keenya dhufanii akka jiraatan, hoojjetaniifi dahoo qabaatan gochuu keenyatti baayyeen boone,’’ jedhan.
Warreen imala kanaaf eeyyama qaban viizaadhaaf onlaayinii iyyachuu kan danda’an yoo tahu, beellamaan wiirtuu iyyata viizaa deemuun argachuu danda’u.
Rogeessi dhimma demookiraasii Naataan Hoong Koong irraa bahe kooluugaltummaan jiraatu labsii kana waan gaarii dha jedheera.
‘’Kuni waliigaltee seenaaf kutannoo agarsiifame dha. Namoota achitti hacuuccaan siyaasaa irra gahaa jiruuf karaa haa bannu,’’ jedheera.













