Pireezdaantiin Zimbaabwee mormiitootasaa ‘dhokatan gadin baasa’ jedhan

Pireezdaant Eemersan Minangangwa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezdaant Eemersan Minangangwa

Himannaa shororkeessummaa fi diinagdee qisaaseessuun yeroo mootummaa isaa irratti moormiin ka’etti, Pireezdaantiin Zimbaabwee mormitootasaa ‘dhokatan gadiin baasa’ jechuun dhaadatan.

Dabalataanis, “Lammilee Zimbaabwee biyyaa ganan muraasa biyoota biro nu diiguu barbaadan waliin ta’uun’ yaaliin isaan biyyatti kuffisuuf taasisan ni injifatama jechuun Pireezdaant Eemarsan Minangaangwaa dubbataniiru.

Hiriirri mootummaan mormuun ba’amu yeroo dhokameetti, torban darbe asitti namootni 20 ol to’annoo jala oolaaniiru jechu abukaatonni.

Suuraan yeroo qamooleen nageenya ummataa nagaa reebaan agarsiisu biyyoota hedduu keessatti dheekkamsa kaaseera.

Daadhannoon ZimbabweanLivesMatter (Lubbuun lammileee Zimbaabwee gatii qaba jechu Tiwiitara gubbatti namoota hedduun qoodameera.

Barreessaa beekamafi kadhimamaan badhaasa Booker Prize bara kana taatee Sisii Daangarembiga, Jimaataarra namoota dhorkii poolisii mormuun hiriira ba’anii to’annoo jala oolan keessaa tokko turte.

Hokkora kakaasuufi qajeelfama ittisaa koronaa vaayirasii cabsuun erga himannaan irratti dhiiyaatee booda mirga wabiin gadhiifamteetti.

Gaazexessaan Hoopiweel Chin’ono himannaa hokkora kakasuun ji’a darbe to’annaa jala oolee hidhaa jira.

Dhooksaa himata yeroo vaayirasi kana qollachuuf meeshaleen meedikaalaa bitamaniti ministera fayyaa keessa shororkeessummaa ture ifatti baaseera.

Hidhamuu isaas mootummaan USfi qondaaltonni UN balaaleffataniiru.

Pireezdaantichi maal jedhe?

Kibxata Ibsa TV irratti keenneen Minaangangawaan “shira gartuulee mormituu shorkeessummaa hundeessuu yaaluu” balaaleeffataniiru,.

“Kanneen jibbaafi adda wal qooduu leellisan yoomu hin mo’atan. Kanneen hamoo uummata keenya addan hiruufi bulchiinsa keenya laaffisu yaalan bakka dhokatani gadi hin baafamy. Garuummaan hameenya ni injifata,” jedhan.

“Haleellawaan jiraniifi laffina dinaagdee keenyaa ni mo’anna. Kan haawaasa keenya jeequ ni injifanna,” jedhan.

Ziimbaabween rakkoo diinagdee cimaa keessa jirti, qala’iinsi %700 oliin ol ka’ee jira.

Ji’a darbe Dhaabbati Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) dhuma bara kanaatti uummaatni biyyatti harka sadii keessa lama ta’an gargaarsa nyaataa barbaadu malu jedheera.

WFP’n dhorkiinsi sochii koronaavaayirasii hojii dhabuummaa hedduufi badiyyaa keessatti beela fideera jedha.