Naachi haleellaa boombii Waraana Addunyaa 2ffaa dandamate 'Saatarn' Moskootti du'e

Madda suuraa, Moscow Zoo
Gosti naachaa (alligator) Barliinitti Waraana Addunyaa lammaffaa jalaa oole, bakka turtii bineensotaa Moskootti du'e.
Naachi maqaansaa Saatarn jedhamu kun dursaa Naazii ka ture ka Adoolf Hitler ture jedhamees sobni hafarfamaa tureera.
''Kaleessa ganama, naachi gosa Misisiippii Saatarn jedhamu dulloome du'e. Umriinsaa 84 taha ture,'' jedhe iddoon turtii bineensotaa (zoo).
ALA 1936tti akkuma Saatarn Ameerikaatti dhalateen, raasaa bineensootaa Barliinif kenname. Wayita iddoon turtii kun 1943tti boombiin haleelamu, keessaa baqate.
Waggaa sadiin booda loltoonni Biriteen arganii, Gamtaa Sooviyeet yeroo sanaaf kennan.
Waggoota sadan sana akkamiiniifi eessatti akka dabarse wanti haga ammaatti beekamu hinjiru.
Erga raasaa Moskoo gale, Adooleessa 1946ti kaasee, namuu isa ilaaluuf yaa'u turan.
''Moskow Zoo waggoota 74f Saatarn tursiisuu isaatti carra qabeessadha,'' jedha ibsi bahe.
''Yoo isa dhugaa dubbanne, nuuf Saatarn jabana/yeroo tokko bakka bu'a... Hedduu keenya wayita ijoollee turreetti nu argeera. Jireenya keenyaan gammadeera jennee amanna.''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Akka raasaan bineensotaa kun jedhutti, Saatarn kununsitoota isaa beeka ture. Burushiin dhidhiibamuu ni jaalata ture.
Gaafa aaruus akkasuma jedhu - gaafa aariisaa sibila nyaata ittiin kennaniifi simintoo dabalatee ilkaaniin daaraa godha.
Gosoonni naachaa Mississippi jedhaman kunniin, yeroo baay'ee uumama keessa waggaa 30-50 jiraatu.
Afaan guutanii dubbachuuf rakkisuus, Saatarn tarii naacha addunyaarra umuriin dheeraa ta'uu danda'a.
Naachi kormaa biraa Mujaa jedhamu, biyya Sarbiyaa magaalaa Beelgireed keessa ammayyuu lubbuun jira. Gannisaa 80'oota keessa jira.
Kun tahus seenaa beeksisuu fi galii argamsiisuun kan Saatarn qixxaatu hin jiru.
Kanaafis sababni, naachi kun qabeenyaa Hitler ture oduun jettu haalaan odeeffamaa ture bara san - kun garuu waan dhugaarraa fagaatedha.
''Battaluma naachi kun achi gahetti, oduun naachi kun qabeenyaawwan Adolf Hitler keessaa isa tokko jedhu odeeffamuu jalqabe,'' jechuun ejensiin oduu Interfax gabaase.
Oduun kun akkamiin akka eegale wanti beekamuu baatus, Moscow Zoo gabaasaalee akkasii balaaleeffateera. ''Bineensonni siyaasa kamuu keessaa qooda hinqaban, cubbuu namootaafis gaafatamuu hinqaban''.
Saatarn haleellaa boombii bara sanaa (1943) keessaa akkamiin akka miliqe haga ammaatti hin baramne, gara fuulduraattis baramuuf carraan waan jiru miti.
Giddugala Naazii Jarmanii ka turte magaalaan Barliin, humnoota gamtoomaniin haleellaan boombii daran hammaataa tahe irratti gaggeeffameera.
Lolli Sadaasa 1943 eegalame Lola Barliin jedhamuun beekamu kanaan lubbuun namootaa kumaatamatti lakka'amu darbeera.
Saatarn erga du'ee booda keemikaala garagaraan akka yeroo dheeraaf akka hin samne gochuun, godambaa Moskootti argamu Chaarlas Daarwiinitti agarsiisaaf dhiyaata jedhameera.














