Hojjatoonni duraanii Tiwiiteraa Sawud Arabiyaaf basaasuun himataman

Madda suuraa, Getty Images
Hojjatoonni duraanii Tiwiiteraa lama Sawud Arabiyaaf basaasuun Ameerikaatti himataman.
Himannaan Roobii Saan Firaansiskootti beeksifame kun qondaaltonni Saawudii, kan qeeqtota mootummaa Sawudii beekamoo dabalatee odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtoota Tiwiiteraa barbaadaa akka turan eera.
Raagaan mana murtii himatamtoonni lamaan Ahmad Abuwammo, lammi Ameerikaafi Alii Alzabarah, lammii Saawudii, ta'uu adda baaseera.
Namni sadaffaa, Ahmad Almutayiri, lammii Sawudii, innis basaasuun himatame.
Himannaan Ahmad Almutayiri irratti dhiyaate hojjettoota Tiwiiteraa himatamaniifi qoondaaltoota Sawudii walqunnamsiisuudha.
Ahmad Abuwammo, Roobii mana murtii Siyaatilitti dhiyaatee hanga Jimaata mana murtiitti deebi'utti hidhaarra akka turu taasifameera.
Dabalataniis raagaalee sobaa umuufi odeefaannoo sobaa FBI'f kennuun himatame. Ahmad Abuwammo, hojii isaa hoggonnaa hariiroo miidiyaa Tiwiiteraa keessa ture kan gadi lakkise bara 2015tti jedhama.
Alii Alzabarah fi Ahmad Almutayiri ammatti Sawudii Arabiyaa keessa jiru jedhamee amanama.
Alii Alzabarah injiinara duraanii Tiwiiteraa yoo ta'u, bara 2015tti erga qondaaltota Saawudiin qacaramee booda odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtoota Tiwiiteraa 6000 olii banuun himatame.
Gara Sawudii Araniyaatti haadha warraafi intala isaa wajjin baqachuun dura, hoggaantoota isaan qeeqamee yeroof hojiirraa dhorkamee akka ture qorattoonni yakkaa ni dubbatu.
Ibsa baasee irratti dhaabati Tiwiiteraa, tajaajila isaani gaaffii keessa galchuuf "fageenya namootni fakkeessan kun adeeman" hubanneera jedha.
Dabalataanis " Namootni hedduun yaadaa isaanii Tiwiiteraa gubbaatti yeroo adduunyaaf dhiyeessaniifi namoota aangorra jiran qeeqan rakkoo isaan irra ga'u danda'u ni hubanna.
Odeeffannoo dhuunfaa isaanii fi daandeetti hojii barbaachisu kana ittiin hojjatan kan ittiin eegnu mala qabna," jedhaniiru.
Baha gidduu galeessaa keessaa Saawudii Arabiiyaan michuu Ameerikaa ishee dursitudha.














