Warshaan biiraa hir'ina omishaatiif maamiltootasaa komate

Madda suuraa, Getty Images
Warshaan biiraa Burundii tokko hir'ina omishaa uumameef maamiltootasaa itti-aafatamtoota taasise.
Warshaan Biiraa Burundii beekamaan qaruuraan dhiyeessu tokkoos hir'ina omishaa uumameef rakkinni kan leelistootaati jedheera.
Hir'inni Biiraa Amstel ''kan uumamee fedhii dhugaatichaa dabaleen wal qabateeti,'' jechuun ture Remii Ndaayishimiye, dubbi-himaa Warshaa Biiraa BBC'tti kan hima.
''Gammachuu maamiltoota keenyaa deebiifnee guutuuf waan nuuf danda'ame hunda ni hojjanna,'' jedhaniirus.
Fayyadamtoonni Biiraa Amstel BBC'tti akka himaniitti, hir'ina uumameen omisha biiraa gara biraa kan akka Primus fi Royal dhuguuf dirqamusaanitti baayyee haarusaanii himaniiru.
Filannoon gara biraa qaban ammoo biiraa biyya hollaa Ruwaandaarraa galafamu Skol dhuguudha.
"Haata'u malee, Skol baayyee qaalii waan ta'eef baayyeen keenya dhuguu hindandeenyu. Tibbana omisha keenya kan ta'e Amstel argachuun rakkisaa ta'eera,'' jechuun maamilli tokko komii qabu BBC'tti hime.
Garuu maddeen industirichaa BBC'tti akka himaniitti, sababni dhugaa hir'ina omisha biiraa kanaa hir'ina sharafa alati. Wantoonni omisha biiraa kanaaf barbaachisan muraasni biyya alaatii galafamu.
Burundiin omisha Coca-Cola kan omishitu yoo ta'u, akkasuma dhiheessitii isaarrattis hir'inni mul'achuun barameera.
Baankiin Addunyaa akka jedheetti, biyyattiin erga rakkina siyaasaa bara 2015 yeroo filaannoo mormisiisaa Pirezidaanti Pierre Nkurunziza yeroo sadaffaatii kaasee, ''kuusaan sharafa biyya alaa biyyaa keessaa waan hir'ateef, walitti fufiinsaan hirriina sharafa alaatiin rakkataa jirti,'' jedheera.














