Burundiin iddoowwan seena qabeeyyii maaliif maqaa jijjiirte?

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantiin Burundii Pierre Nkurinziza pirojektoota ijoo fi iddoowwan seena qabeeyyii biyyattiif maqaa haaraa moggaasan.
Kunis ga'ee olaanaa sabni Huutuu biyyattii keessatti ba'aa jiru akkaataa calaqqisiisuunidha jedhameera.
Iddoowwan ijoo biyyattii kanneen akka Istaadoomii biyyaalessaa, Masaraa mootummaa fi buufata xiyyaaraa biyyattii irra deebiin moggaasuu jechuun lammiilee Burundii seenaa isaanii isa sirrii yaadachiisuudhaan walqabata jedhan pirezidaantichi.
Warri yaada kana qeeqan ammoo pirezidaantin Nkurunzizaan ta'e jedhanii ga'ee saba lakkoofsaan muraasa Tuutsii gadi xiqqeessuuf kan hojjetaniidha jedhu.
Burundiin waggaa 57ffaa guyyaa walabummaashee itti argattee kaleessaa gaafa Adoolessa 1, 2019 kabajatte.
Erga ALA bara 1962 kolonii Beljiyeem jalaa kan bilisa baate Burundiin walqoollifannaa saboota Huutuu fi Tuutsii gidduu tureen jeeqamaa turte.

Madda suuraa, Burundi last week banned to two international medi
Hooggana hidhattoota Huutuu duraanii kan turan Aab Nkurunzizaan erga biyyattiin walabummaashee argattee pirezidaantii karaa filannoo dimokiraasiitiin filataman isa lammataati.
Pirezidaantiin kun bara 2005 xumura waraanaa waliinii biyyattii kan lammiilee hedduu galaafatee booda filataman.
Kabaja guyyaa bilisummaa biyyattii ergaa kan dabarsan maanguddoon waggaa 54 Pierre Nkurunziza maqaa jijjiiruun kun uummanni akka of baru, maqaa warri koloneeffattootaa moggaasanii deeman irraa gara kan ofiitti jijjiiruu waliin walqabata jedhan.
Istaadoomii Biyyaalessaa
Magaalaa guddittii Burundii, Bujumburaa keessatti kan argamu Istaadiyoomiin Biyyaalessaa kun maqaa nama seenaa biyyattii keessatti beekamaa fi jaallatamaa ta'ee Louis Rwagasore jedhamuun akka moggaafamu murtaa'eera.
Suuraan nama kanaa maallaqa biyyattiirrattis kaafamee jira

Madda suuraa, AFP
Namni kun Ministira Muummee Burundii jalqabaa ta'uun tajaajilaa turullee bara 1962 Burundiin walabummaashee gonfachuun dura ajjeefame.
Maqaa istaadoomii jijjiiruun cinaatti gamoon paarlaamaa haaraan ijaaramuuf jedhus maqaa nama kanaan akka moggaafamu murteessaniiru pirezidaanti Nkurunzizaan.
Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Burundii
Buufati xiyyaaraa Burundii, kan magaalaa Bujumburaa keessatti argamu maqaa Pirezidaantii jalqabaa biyyattii Merchior Ndadayeetiin akka moggaafamu murteessaniiru.
Namni sabaan Huutuu ta'an kun bara 1993 keessa filatamanii ji'a sadi qofa erga bulchanii booda rifoormiin isaanii saboota Tuutsii waan dallansiiseef hidhattoota Tuutsiitiin ajjeefaman.

Madda suuraa, Alamy
Ajjeefamuun isaanii waraana waliinii marsaa kan biraa Burundii keessatti kaasisee dhumaatii lammiilee 300,000f sababa ta'e.
'The 3rd September street'
Guyyaan kun guyyaa itti Hoogganaan Humna Waraanaa duraanii Pierre Buyoya bara 1987 keessa pirezidaanti Baptiste Bagaza aangoorraa fonqolchaniidha.
Waldhibdee saboota Burundii gidduu jiru furuu kaayyeffatanii aangootti dhufuunsaanii kan himamu aab Buyooyaan garuu saba Huutuu irraa dallansuun waan isaan mudateef bara 1988 biyyattiin jeequmsa kan biraa keessa seente

Madda suuraa, AFP
Maqaan daandii beekamaan kun yeroo ammaa maqaa Lt-Gen Adolphe Nshimirimana jedhamutti jijjiirameera.
Lt-Gen Adolphe Nshimirimana michuu Pirezidaanti Nkurunziza yoo ta'an bara 2015 wayita yaaliin fonqolcha mootummaa geggeefamu ajjeefaman.
Masaraa biyyaalessaa
Masaraan Pirezidaantii biyyattii maqaa mooticha Ntare Rushatsi jedhamuun moggaafame.
Maasraan kun maallaqa doolaara Ameerkaa miiliyoona 22n hojjetame, kennaa Chaayinaatis jedhama.

Madda suuraa, You Tube/ Courtesy
Mootichi Rushatsi bara 1500 keessa Bulchiinsa Burundii hundeesse jedhamuun hedduu leellifama













